Kutaa 1ffaa
Nabi Muhammad s.a.w akka je’e “osoo na boodaan nabiyyiin jiraatee silaa Umariitu taha! je’e.” “Garuu ani nabiyyii boodaati nabiyyiin biraa na boodaan hin jiru.” Inni nama islaamummaan isaa Banaa [Furtuu] islaamummaa tahe. Godaansi isaatilleen tumsa ummata islaamaa tahe. Akkasuma inni nama mootummaan isaatilleen mootummaa haqaa taate. Inni nama yeroo hedduu qur’aannii Rabbii yaada isaa qunnamee bu’eedha. Inni nama ergamaan Rabbii nabi Muhammd s.a.w Jannataan isa gamachiise. Inni nama sheyxxaanni karaa isaa irraa dheessu. Inni nama osoo booyuu imimmaan fuula isaa irratti karaa baafate. Nama hedduu Rabbi gabbaraa tahe. Nama hedduu dinagdee irraa dantaa dhabaa tahe. Akkasuma nama hedduu duulaa tahe jihaada irratti. Inni nama karaa Rabbii irraatti nama tokkoofillee hin rifann. Nama dhugaa dubbatu hanguma feetellee yoo hadhooyte dhugaan sun. Inni nama yeroo duraatiif yahuudaa biyyoota arabaa keessaa baase xiqqaattuu haala taateen.
Koottaa ni jiraachifnaa lubbuuwwan teennaafi ruuhiiwwan teenna seenaa sahaabticha qeeransa kanaatiin.
Umar ilma Kaxxaab bara Arbaa “عام الفيل” irraa waggaa 13 turee Makkaan keessatti dhalate. Gosti isaa Adiyyi jedhamti. Nama qaama jabaatiifi goota namaati. Kan namni kaluu jiruufi fagoo jirullee isa sodaatu. Dandeetti dubbisuu fi barreessuu nama dandahu. Zamana jaahiliyyaa barrentumaa/ keessatti Ambasaaddara “سفير” qureeyishii tahee dalagaa ture. Yeroma san Rabbiin nabi Muhammadiin s.a.w ergee jennaan nabi Muhammadiifi s.a.w sahaabotatti diina guddaa tahee hedduu rakkisaa ture.
Seenaa Islaamawuu Umar
Guyyaa tokko Ummu Abdallaah binti Abiheysamaa karaa biyya Habashaa osoo godaanssaaf deemaa jirtu, Umar ibnu Kaxxaab itti dhufee eessa akka deemaa jirtu gaafateen. “Lafa isin keessaatti nu darartan keessaa, gara lafa Rabbiin itti gabbaruu danddeenutti deemutti jira.” jetteeni deebifteef. Umaris Rabbiin isin waliin haa jiraatu jedheen. Akkuma isaan addaan baateen jaarsi isii Aamir itti dhufee jennaan akka Umariin agartte baqataaf ka’uu isaanii itti himtee jennaan dhiirsa isiitti Umaris gara laafiinsafi akka itti qalbii cabee isaaniif gadde ajaa’ibaa itti himte. jaarsi isii akkana jedhe.”Osoo harreen Kaxxaab islaamooyteellee Umar hin islaamayu.” jedhee yaada Umariif qabu ibse.
Gaafa tokko Umar farshoo dhuguuf gara mana farshoon itti gurguramtuu yoo gahu, warri farshoo gurguru hinjiran ture. Yaada isaa jijjiiree ka’abaa xawaafuf yoo deemu nabi Muhammadii s.a.w ka’abaa jalatti salaataa jiru arge. Carraa nabi Muhammadiin arguu kanatti gammadaa waan Muhammad jedhu dhokatee dhageeffatuuf murteeffate. Akka nabi Muhammad hin arginetti girdoo ka’aba jalatti dhokatee dhageeffachuu eegale.
Yeroma san mi’aan qur’aanaa onnee isaatti waa uume. Booda lubbuu isaatiin haasahu eegale. Qur’aanni kun walaloo tahuu shakke. Yeroma san nabi Muhammad s.a.w suuraa Al-Haaqqaa ayata qur’aanaa 40-4
إِنَّهُ لَقَوْلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ (٤٠) وَمَا هُوَ بِقَوْلِ شَاعِرٍ ۚ قَلِيلًا مَا تُؤْمِنُونَ. الحاقة: 40-41
Qur’aanni kun jecha ergaa kabajamaati jecha walalootii miti.” jedhu qara’e. Ammas Umariin qalbiin isaa qur’aanni kun jecha nama waa raaguu ta’uu shakite. Yeroo kanas nabi Muhammad s.a.w aayata itti aantu suuraa Al-haaqqa 42 “jecha raagaa hintaane.”
وَلَا بِقَوْلِ كَاهِنٍ ۚ قَلِيلًا مَّا تَذَكَّرُونَ. الحاقة: 42
jedhu qara’e. Yeroo kana garuu akkana ufiin jedhe. Aanaa kiyyaafi gosa kiyyaa waliin nagahaan jiraachuu naa wayya moo, islaama tahee aanaa kiyyaafi gosa kiyyaan waliin diinoomuu naaf wayya jedhee tasgabbii dhabe.
Nabi Muhammadis s.a.w akkana jedhee du’aayii kadhate. “Yaa Rabbi Abi Jahli binu Hishaamii fi Umar binu Kaxxaab keessaa nama gara keetitti jaalatamaa taheen islaamummaa tana jabeessi.” jedhee kadhate…………………………………..Itti fuufa