Sammuun dhala namaa……maal faa hojjechuu danda’a?

Sammuun dhala namaa akka dachii gabbattuuti. Waan facaasan magarsa. Kanaafi immoo wanti faca’u murteessaa ta’uun isaa wal nama hin gaafachiisu. Yoo waan gaarii facaasan gaarii, yoo waan badaa facaasan immoo badaa haamachuun waan hin hafneedha. Qonnaan bulaan lafa isaa xaafii yoo facaase xaafii, qamadii yoo facaases akkasuma. Garuu sinaaraa fi gaggabsaa qotee waan akka qamadii fi xaafii eeguun, sa’aa gu’e elmachuu waliin wal fakkaata.

Koompitera yemmuu fayyadamnu barreeffama ‘GIGO’ jedhu argitee beekta. „Garbage in garbage out‟ jedha. Kompiyuuterri akkuma sammuu namaa waan seene baasa. Waan nuti itti erginu itti hojjetee gara keenyatti deebisa. Waan gaarii yoo itti ergine gaarii, yaraa yoo ta‟es akkasuma. Maarree waan galchine dhiisnee waan biraa eeguun of sobuu ta’uu isaati.

Sammuun ilma namaa kompitera caalaa wal xaxaa fi hanga ammaatti qorachuuf baay’ee kan nama rakkisuudha. Sammuun waan karaa qaamolee miiraa gara isaa dhaqe, irra deddeebin erga fudhatee booda dhugaa jedhee amana. Sanatu amalaa fi gocha nama sanaa ta’a. Waan gara sammuu dhaqu qajeelaa fi sirrii yoo ta‟e, jireenya namaaf illee qajeelchaa ta‟a.

Yaadni namaa sammuu keessaa burqa. Yaadatu guddatee nama guddisa. Kan xaxee nama kuffisu illee yaada irraa ka’eeti. Yaadni akka muka kibriitii takkittiiti. Yoo sammuu irra deddeebin yaadu argatte, akka ibiddaa taati. Ibiddi balaa kan fidu itti fayyadama wallaaluu irraayi. Yoo sirnaan daangaa isaa keessatti fayyadamne nyaata bilcheessa,
xuraawaafi balfa gubee balleessa. Daangaa ceenan immoo biyya barbadeessa. Manaafi nama, bosonaafi waarshaalee gubee, waan
waggootaaf itti ifaajan daqiiqaa yartuu keessatti dhabamsiisa.

Sammuun badiifi toltuu addunyaa kanarratti dalagame hundaaf itti gaafatamaadha. Jalqaba waan hunduu yaadaan sammuu keessatti cobe. Warri Alexander the great faan qarooma warra gurraachaa kaan
saamanii, kan hafte gubanii barbadeessuun jalqaba yaada turte.

Warri gurraachonni bara Ijipti keessatti, bara Nuubiyaafi Aksumitti qaroomafi qorannoo akkasumas, beekumsaafi ogummaa dinqisiisaa kan hojjetan jalqaba yaada ta’e sammuu keessatti wixinaa’e. Kiristoofar
Kolombos Ameerikaa dhaqee hortee dur Ameerikaa turan shiraan balleessuun akka nama jalqaba aardii hin jirretti ofiif beekamtii kennuun, yeroo waraana addunyaa lammaffaa Hitlar Israa‟elota
miliyoona jaha ajjeesuun, Ameerikaan magaalota Jaappaan hiroshimaafi Nagaasaakii barbadeessuun yaada ture.

Waraanni nafxanyaa Oromiyaatti duulee aadaa, afaan duudhaafi falaasama uummaata keenyaa barbadeessuun, akkasuma immoo ABOfi sochiin fincila diddaa gabrummaa kan Oromoo gara ulfina keessa turetti deebisuu, baratanii biyyaan bulcha jechuun, daldalanii buufachuun, gara
samii bahanii addeessa irra tarkaanfachuun, meeshaalee waranaa akka qawwee, boombii, jeettii waraanaa, waraana bishaanirraa, xiyyaara hojjetanii barrisuun, bilbilaan fageenyatti walitti haasahuun, hundi iyyuu sammuu keessaa burqe. Eeyyee sammuu isuma anis, atis, qabnu. Isa gurrachis adiinis qabu, isa Kiristaanni, Musiliimni, Budistiin,
Konfishaanistoonni, Waaqeffattoonnis qaban. Isa dureessis hiyyeessis qabu.

Leave a Comment

Shopping Cart