Ogummaan Maaliif Nu barbaachisa?

Gaaf tokko magaalaa baadiyyaa takka da‟awaa godhuufin dhaqe. Ergaan da‟awaa irraa raawwadhee booda barsiisaan tokko natti dhufeeti, “Barattoota muraasaaf gargaarsa maallaqaa akka gootu abdiin sirraa qaba” naan je’e.

“Manni baruumsaa kan mootummaan gargaaramu waan te‟eef Barnoonni bilisaan hin kennamuu?” je’eetin gaafadhe. “Eeyyen! Barnoonni bilisaa ni kennama garuu Baasii isaanii kan Yuniversitii cufuufi” naan je’e.

“Baasii Yuniversitiitis ta‟u Mootummumaatu cufaa bar Inumaa kennaa barattootaaf kennamullee isaanumaatu keennaan” je’een. “Akkan si hubachiisuuf Mee naaf hayyami” naan je’e. “Hayyeen” je’een. Barattoonni keenya hedduu ciccimoodha Barnoota isaanii kan sadarkaa lammaffaa qabxii dhibbeentaa 99 lii gad kan hin taane fidan.

Sammuun isaanii hawaasaaf osoo hiramee ni geessi. Haa ta‟uu malee barataan tokko yeroo qabxiin dhuftee fi Fayyaa,
Injinarummaa, Seera Islaamaa, Saayinsii Koompitaraa… fkkf barachuuf gara biyya biraa deemuuf qophaa‟u Abbaan isaa kan
hanga ammaatuu baratte ni gaha je’ee kanaan booda Re‟ee eegi je’ee Yuniversitii seenuu isa dhoorga.” Naan je’e.

Naasuun Iyyeetin, “tissitee re‟ee?!” “eeyyen! tissitee re‟ee!” naan je’e. Akkasitti gurbaan miskiinni achitti hafee tissitee re‟ee ta‟a.

Danddeettiin isaa hunduu lafuma bada. Umrii isaa tissitee te‟ee dabarsa. Waan abbaan isaa isa irratti hojjate innis ilmaan isaa irratti hojjata. Akkasitti ijoolleen hundi tissitee taatee hafti. “Duuba furmaanni maali?” je’eetin gaafadhe.

“Furmaanni abbaa riyaala dhibban muraasa nuti kanninuuf kanaan tissitee mindeeffatee gurbaan isaa dandeettii fi ga‟umsa isaa guutuu akka itti fayyadamuuf amansiisuudha. Gurbaan hanga eebbifamutti maallaqaan ni gargaarra.”

Barsiisaan mataa isaa gadi qabeeti “Osuma itti fayyadamuu dandeenyuu Sammuu isaanii ta akkanaa tana lafa balleessuun
isaanii nama gaddisiisa.” Je’e.

Waan inni je’e kana ergan xiinxalee booddee Sadarkaa ol aanaa gahuu kan dandeenyu dandeettii qabnu yoo itti
fayyadamnee fi kan hin qabne yoo barbaanne qofa akka tahen hubadhe.

Mee namoota milkaawoo tahan ilaalaa. Milkaa‟ina isaanii barnootaan, Da‟awaan, Fayyaan (Medicine), Injinarummaan,
namoota irratti dhiibbaa uumuun ykn jireenya maatii tahuu danda‟a.

Fakkeenyaaf Abbaa ijoollee isaa irraatti milkaawe, ykn Jaartii jaarsa ishii irratti milkoofte, ykn jireenya hawaasaa isaanii
keessatti warreen milkaawan fakkeenyaaf ollaa, hiriyoota irratti warreen milkaawan tahuu danda‟u.

Itti yaaduu itti yaaduu baatuu Ooguummaa namaa wajjiin waliif galuu (hariiroo gaarii namaa wajjiin qabaachuu) hojii irra osoo hin oolchine kan milkaawaa tahe tokkollee hin agartu.

Namoonni tokko tokko osoo hin beekin oogummaa kana hojii irra oolchuu danda‟u. kuuwwan ammoo Milkaawaa ta‟uuf
oogummaalee kana barachuun isaan irra jira.

Ooguummaa kana baratanii kan argatan Namoonni milkaawoon akkamitti milkaa‟ina goonfachuu akka danda‟an beekuu fi karaa milkaa‟ina isaanii hordofuu ni dandeenya moo hin dandeenyu waan jedhu adda baafachuuf jireenya isaanii qorachuu fi tooftaa isaanii hordofuu qabna.

Yeroo dhihoo ture Sooressi addunyaa tokko dhabbata miidiyaa tokkoo wajjiin haasawa inni godhe dhaggeeffadheetin ture.

Sheekh Suleeyman al Raajihii jedhama. Amalaa fi Xiinxala isaatiinis ka akka gaaraatti guddaa tahuun hubadhe.

Biiliyoonara, Riil Steetota hedduu qaba. Masjiida dhibbaatamaan lakkaawamu ijaare. Ijoollee yatiimaa kumaatamaan lakkawamtuus ni gargaara.

Nama haalaan milkaawaati. Waggaa Shantama dura garuu waan gurshaa halkan takka irraa hafu kan hin qabne ture.

Yeroo takka takka sanumaa hin argatu ture. Mana namaa qulqulleessee jiraata ture. Galgala galgala ammoo Dukkaanotaa
fi mana hawaalaa hojjachaa ture.

Gaaf tokko akka gaara jala jiruu fi fiixa gaaraa gahuuf hedduu carraquu akka qabu yoo dubbatun dhagehe. Dandeettii fi
oogummaa namtichi kun qabu ergan yaadee booda hedduun keenya ga‟uumsa akka isaa akka qabnun hubadhe.

Namni tokko oogummaalee tana yoo barate, waan barate hojii irra yoo oolchee akkasumatti yoo obsa qabaate (irra turuu
danda‟e) akka namticha kanaa ta‟uu ni danda‟a.

Sababni biraa oogummaalee Kana akka barbaannuuf kan nu dirqisiisu gariin keenya ga‟umsa keessa keenyatti dhukatan kan
nuti hin beyne Akka baafnuufillee kan namuu nu hin gargaarin dandeettiiwwan tokko tokko jiraatuu danda‟u.

Fakkeenyaaf dandeettii haasawaa, dandeettii daldalaa, dandeettii beekumsa walii galaa. Namni tokko oogummaalee
kanniin ofumaafuu argachuu ni danda‟a.

Takkaawuu barsiisaa irraa, hiriyaa irraa ykn gargaarsa obboleessa gaariitiin. Yoo hin taane garuu isuma keessatti awwaalamee hafa.

Kun yoo tahe, nuti hundi hogganaa gaarii tokko, barsiisaa, hayyuu ykn abbaa manaa milkaawaa ykn abbaa gaarii tokko dhabne jechuudha.

Kanatti aanee oogummaalee muraasa kaafna. Yoo qabaatte si yaadachiisna. Yoo hin qabaanne ammo si leenjisna. Nu hordofi.

Hubannaaf…
Yeroo gaara koruuf kaate, Fiixee isaa ilaalladhu malee dhagaa jala isaa marsan hin bir’atin. Eeessa akka gahuu qabdu qofa yaadadhu, Hin utaalin, Siin mucucaatuutu malaa.

Leave a Comment

Shopping Cart