Nama salaanni subhii isatti ulfaate hundaaf

Muslima amma jiru yoo laalte waan Rabbiin (S.W) itti isaan ajaje hedduurraa fagaataniiti agarta. Akka fakkeenyaatti salaata subhii fudhannee yoo laalle irra hedduu muslima ammaa biratti bakka dhabee jira. Ammoo salaanni kun gatii fi sadarkaan inni qabu nama qalbiin laalee xiinxaleef kan laayyotti laalamuu miti. Nama salaata kana laaffisee ilaaleef adabbiin Rabbiin qopheesse hangam cimaa akka tahe namni hubate salaanni subhii guyyaa tokkollee isa hin dabru. Kana tahuu wajjiin muslimoonni hedduun iccitii milkaa’inaa kan Rabbiin isaaniif arjoome kana dagatanii laaftutti laaluudhaan gammachuu fi tasgabbii dhabanii yeroo rakkatan mullata. Gariin isaanii ammoo salaata kana yeroo isaa eeggatanii jama’aan salaatuuf fedhii guddaa qabu. Garuu malaa fi tooftaaleen fedhiin kun itti isaaniif milkaawu waan sirritti isaaniif hin galiniif jacha akkuma jara kaanii warra salaata kana dhabee hoongawe keessatti ramadamanii argamu.

Aniis gama kootiin rakkoon kun hammaataa ta’ee waan natti mullateef jacha barreeffama gabaabaa kana isiniif qopheesse.

Barreeffama kana keessatti tooftaalee salaata subhii jama’aan salaatuuf nama gargaaran qabadhee isiniif dhihaadheetiin jira. Maloota kanneenitti namni fayyadame warreen Rabbiif awwaatee yeroo qaalii tan isii keessatti lubbuun nama baay’ee injifattu san fuulduree Rabbiii isaa dhaabbatee jaalala Rabbii badhaafamu akka tahu shakkii hin qabu.

Tooftaaleen salaata subhii jama’aan salaatuuf nama gargaaran hedduudha. Isaan keessaa hangafoota kan ta’an qofaan keessaa filee isiniif dhiheesse.
Tooftaaleen kanneeniis isaan armaan gadiiti:

  1. Guddina, dandeeytii fi adabbii rabbiin nama salaata subhiitirraa rafeefiis tahee nama ajaja rabbii dideef qopheesse yaaduudhaan rabbirraa sodaachuu.   
  2. Galata babbareedaa fi faaydaalee Rabbiin nama salaata subhii yeroo isii eeggatee jama’aan salaateef qopheesse beekuu fi itti amanuu.
  3. Dilii dalaguurraafagaachuu: Diliin guyyaa keessa hojjatan halkan ajaja rabbii eeggachuurraa nama hiiti. Nama guyyaa keessa diliirraa if eege salaata subhii dhiisiitii halkan leeylii salaatuun isatti hin ulfaatu.                    
  4. Istighfaara (araarama rabbi kadhachuu) heddummeeysuu: Araarama rabbi kadhatee badii isaatirraa nama toowbate rabbiin hojii kheeyrii isaaf laaffisa.                  
  5. Guyyaa keessa dalagaa gaggaarii dummeeysuu: Hojiin namni tokko hojjatu hojii isii fakkaatutti nama harkisti. Namni kheeyrii takka hojjate kheeyrii biraatu isaaf laaffata. Akkasuma namni dilii hojjatees dilii biroo hojjachuuf karaan isaaf banama.                                           
  6. Hirriiba duratti salaata subhii ka’uuf niyyaa dhugaa qabaachuu
  7. Yeroo hirriibaaf deemtu akka nama salaataaf deemuutti wuduu’a kee guuttattee tolfachuu.  
  8. Zikriilee hirriibaa godhuu: Zikriileen hirriiba duratti godhamtu hedduudha.. Isaan keessaa: Aayatul Kursiyyii qara’uu, Harka kee walitti qabdee suuraa ikhlaas, suuraa Falaqii fi suuraa Naas qaraatee qaama kee hanga siif mijjaawe harka kee lamaaniin dibachuu.   
  9. Hirriiba dura nyaata xiqqeessuu: Namni yeroo rafuuf deemu nyaata baay’isee nyaate hirriiba ulfaataa waan rafuuf subhiif ka’uun hedduu itti ulfaata.
  10. Bilbila keetiin Alaarmii irratti guuttachuu:


Alaarmii bareedaa kaniin ani siif file tokkootu jira. Alaarmiin tun alaarmii yeroon barbaadetti akkaan ka’u gargaarsa guddaa naaf taate fi hedduu na fayyaddeedha. Namni alaarmii tanatti fayyadame hin dhageenye jachuu gonkumaa hin danda’u. Akka alaarmoota biraattis laaftutti ifirraa cuftee hirriibatti deebi’uun hin danda’amu. Waan hafe atummaan “Play Store” yokiin “App Store” irraa download goodhii itti fayyadamii laali.

Download godhachuu yoo barbaadde, erga barreeffama kana guututti dubbistee xumurtee booda link armaan gadii kana tuquudhaan download godhadhu:

Download Alarmy

       

11. Halkan osoo hin turre yeroodhaan rafuu:

Ergamaan Rabbii (S.A.W) salaata ishaa’ii dura rafuu fi ishaa’ii booda ammoo haasawa hin jaalatu. Akkuma ishaa’ii salaateen gama hirriibaa deema. Sababiin isaas halkan gama duraatti rafuun faaydaa hedduu waan qabuufi. Isa yeroo biraa isiniif dhiheessuu ni dandeenya.

Wantoota armaan olitti dubbtame hundatti namni fayyadame, inshaa’allaah hayyama Rabbii guddaatiin, yeroo subhii qaalii san fedhinnaa lubbuu tan ibiddatti isaan deemtu jalaa didee, mana Rabbii bohaarsee addunyatti jireenya gammachuutii fi aakhiratti ammoo jannata qananii zalaalam san warra argatee milkaawurraa akka tahu shakkii tokkollee hin qabu.

Hanga ammaa obsaan dubbisuu keessaniif guddaa galatoomaa!!!

Leave a Comment

Shopping Cart