Naamusni nama milkeessa.

Naannoo keessa jiraannu keessatti namoota barnootaan jaboo, ogummaa harkaa qaban, sagalee qabaatanii Munshida ta’uu danda’an, qabeenya qabaatanii duroomuu danda’an, sadarkaa barnootaa guddaa qabaatanii gara gadii jiran, bultii gaarii dura qaban dhabanii karaa irra naanna’an hedduu argina. Inumaayyuu… namni kun jabaa ture garuu homaa guddina isaa hin argine. Gaafa waliin barannu cimaa ture, har’a garuu akkasitti jira, qabeenya dhaale bareedaa qaba garuu jireenya gaarii jiraatee hin beeku, yeroo jedhamu ni dhageenya.

Namoonni hojii irratti jaboo ta’an garuu milkaa’oo miti. Sababni isaas naamusa hin qabu ta’uu mala. Naamusni nama jabaa, waan hojjetuu fi hin hojjenne kan beeku, yeroo fi maamila isaa kan kabaju yoo hin taane, hanga fedhellee yoo hojjete, milkaa’uu hin danda’u. “Maamilli Mootiidha.” dhaadannoo jedhu yeroo baay’ee iddoowwan daldalaatti arguun waan barameedha. San bira dabree maamilli fuula gaarii fi simannaa bareedaa laalee dhufa jedhama. Kana jechuun namni nama
naamusa nama qabu biraa yoo fayyadame, keessi isaa gammada.

Eegaa barataan barsiisaa isa naamusa gaarii qabu jala taa’ee barachuu jaalata. Sa’aa mana barnootaa dabalataan manattillee deemee irraa barachuu barbaada. Hawaasnilleen waan joolleen jajju laalee kabajaa fi ulfinaan waliin jiraata.

Ogeeyyiin biraas akkasuma. Akka hayyoonni hedduun jedhanitti namni gaggeessaa (leader) kan ta’u fedhii isaatiin qofa osoo hin taane fedhii hordoftootaa (follower) isaa dabalataani jedha. Hordoftoonni gaggeessaa isaaniin nu gaggeessi jedhanii kan fedhiidhaan teessoo ofii gadhiisaniif naamusaa fi ejjennoo isaa laalaniiti. Naamusni gaggeessaa onnee namootaa dandeettii booji’uu qaba. Osoo humna waraanaa , qarshii fi dirqamni biraa hin jiraatin namni gaggeessaa isaaf hanga
lubbuu kennuutti deema. Humna naamusaa arkitee!

Fakkeenya gaggeessaa kana fakkaatu tokkon siif hima. Jawaar Mohammed! Namni kun humna waraanaa hin qabu. Caasaa gandaa fi araddaan jaaramee uummata qindeessuuf hin qabu. Qarshii namaaf hiree nama hin bitanne, dirqamaanillee namaan na hordofaa je’ee waywaatee hin beeku, garuu kaayyoo jabaa hundee gadi fageeffatee fi naamusa gaggeessaa qaroo fi jabaan tokko qabuun waan of golgeef namuu booji’amee bakka kee naatu du’a je’ee jecha isaa osoo lafa hin buusin uummanni jala yaa’a. Humna naamusaa fi kaayyoo! Naamusni nama milkeessa siin je’een ture. Marree Jawaar Mohammed gaafa guyyaa dhaloota isaa yeroo namoonni hedduun hawwii fi gammachuu ibsaniif, hammaan yaade ol jiraadheetin jira. Je’ee fuula „Facebook‟ isaa irratti katabee ture. Milkaa’uun akkasi. Namusaa fi kaayyoo qabatanii bakka jiran irratti uummata ofii tajaajilu. Waadaa ogummaa ofii osoo hin sharafin hojiirra oolchanii warra rakkatee dhufe rakkoo baasaa, ofiif sammuu gammadaa qabaatanii jiraachuudha!

Leave a Comment

Shopping Cart