“Amalli abbaa dhiba, hamaan ganda dhiba.”Jetti ummaan tiyya!
Ilmi namaa uumama kabajamaa fi beekaa sammuu isaatti dhimma bahuun jiruu fi jireenya isaa gaggeeffatuudha. Uumama biraa irraa wanti dhala namaa adda godhu immoo safuu fi safeeffannaan kan jiraatuu fi naamusaan jireenya ofii kan gaggeeffatuudha.
Naamusa jechuun maal jechuudha? Namni naamusa qabu hoo nama akkamiiti? Naamusni hoo maaliin safarama?
Naamusni namummaa, kabaja dhalli namaa ofiif akkasumas nama biraatiif ammaas uumamaa fi rabbiif qabuudha. Oromoon gaafa safuun hin badin irraa fi jala qaba. Ilmi abbaa safeeffata. Abbaan illee ilma isaatif safuu qaba. Kana qofaa miti lagaaf, gaaraaf, mukaaf, bineensotaaf illee safuu kanna. Kana irra dabree ilmi naamusa ilmarraa eegamu qabatee jiraata. Gaafa guddatee abbaa manaa ta’uus ilma isaa naamusa gaariin guddisee ofiif, firaa fi aaliif, biyyaaf akkasumas addunyaaf kenna. Dhalli kan abbaa fi haadhaa qofaa miti, kan biyyaa, firaa fi aalii akkasumas kan addunyaati ja’a Oromoon. Kanaafuu ilmaan isaanitiif eegumsaa fi kunuunsa addaa godhee fi guddisa.
Ollaa fi lammiinilleen badii fi jal’ina yoo irratti argan, ijoolleen kan hunda keenyaati abbuma bira jiruutu guddisa ja’anii joollee karatti deebisu.
Duboo naamusni maal jechuu sitti fakkaata? Akka ati nama simattu moo akka namni si simatutu naamusa keeti? Akka ati warra harka kee irra jiran itti simattu moo akka ati warra harka isaanirra jirtu itti keessummeessituudha? Akka itti warra dhabaa fi rakkataa waajjira kee dhufan itti simattu moo akka warra sii ol jiran itti kabajjuutu naamusa keeti?
Dhalli namaa yeroo hedduu waa’ee naamusaa ni haasa’a. Dirree barnootaa keessatti ogummaalee akka barsiisummaa, seeraa fi yaala fayyaa keessatti fi kanneen biroo keessatti naamusaa ogummaa isaanii baratanii gaafa hojiitti bahan ittiin uummata tajaajiluuf waadaa galanii bahu. Garuu naamusa ogummaa isaanii gariin qomatti qabatanii yoo uummata tajaajilan gariin immoo akka sooftii isaanii achumatti gatanii bahu.
Naamusni namummaa haala itti namoota biroo gargaarsaaf harka isaanii gara keenyatti diriirsan itti simannuudha. Kana jechuun miira namummaa nuti ittiin namoota biroo harka keenya irra jiran itti
qabannuudha. Abbaa seeraa taanee akka itti warra haqa isaaniif falmatan keessummeessinu, ogeessa fayyaa taanan akka itti dhukkubsataa keenya itti qabannuu fi yaallu, barsiisaa yoo taane akka itti barataa keenya itti barsiifnuu fi guddisnu, maatii taanaan akka itti mana keenyagaggeessinu, gaggeessaa yoo taane akka itti hordoftootaa fi uummata itti gaggeessinu qabannuutu naamusaa namummaati. Akka itti warra harka keenyarra jiran keessummeessinu! Namni hedduun uummata tajaajilu dhiisee hogganaa isaa biratti naamusa qabaatee mul’achuuf bishaan qal’ate furdisuu barbaada. Garuu nama rakkatee isa bira dhufe immooosoo gargaaruu danda’uu miilla walirra kaayyatee ilaala. Yeroo baay’ee naamusa namarraa eeggamu godhuu dhiisnee namoota nun oliin jajamuuf dhagaa garagalchaa oolla. Garuu kabajaa fi miira gaarummaa kan namaaf kannu, akkasumas kan keessa namaa hedduu gammachiisu dureessa cooma nyaachisuu osoo hin taane dhabaa xanneen du’uuf deemuuf qorsoo (akaawwii) firii lama kennuutu sammuu namaaf boqonnaa kenna. Hayyuun tokko yoo waa’ee naamusa namummaa ibsu, “Guddummaan nama guddaa kan ibsamuun akkaataa inni namoota isaani gadii ittiin simatuun yookiin keessummeessuuni.” ja’a.
Dhugaa namuu beekuu qabu namoota sadarkaa barnootaa, qabeenyaa fi hoggansaan nu ol jiran jaalannes jibbines isaan biratti naamusaan hojjenna. Sababni isaa hojii keenya irraa waan ari’atamnuuf ykn waan jara sodaannuuf, kun immoo naamusa miti. Sodaadha malee! Naamusni waan namni biraan nu ilaalaa jiruuf kan raawwannu ta’uu hin qabu. Namni jiraates jiraachuu baates, ifa keessattis ta’ee dukkana keessatti, mana keenyattis ta’ee alatti, jaalallee keenya birattis ta’ee qofaatti, dabrees yoo dindila galaanaa jala jiraanneyyuu naamusni namummaa keenyaa kan bakkaa fi haala irratti hundaa’u ta’uu hin qabu. Sababni isaas nama taanee eega uumamnee sammuu yaadu qabna. Naamusni namummaa yeroo hundaahuu nu bira jiraachuu qaba. Kanaaf immoo yeroo hunda sammuun keenya abukaattummaa naamusaaf kan dhaabbatu ta’uu beekuun nama irraa eeggama. Nama dhokannee badii hojjechuu dandeenya. Akka ragaan hin jiraannetti haqa haadha hiyyeessaa haqanqaaluu dandeenya garuu sammuun keenya inni beellama seenneef nu biraa hin fagaanne. Hirriiba nu dhorka, miirri balleessaa nutti dhaga’ama. Ofitti amanamummaa keenyas nu dhabsiisa. Dhokannee barataa keenya miidhuu dandeenya. Sammuun ogummaakee jaalatu,
inni waadaa galtee dhalootan qara jette sun umuriikee guutuu si ceepha’aa jiraatta.
Ogeessa taatee dhukkubsataa ke waadaa kee dagattee, waan godhuufi qabdu osoo hin godhin yoo dhiistee si duraa du’e, umuriikee guutuu osoo gaabbiin keessikee waxalamuu jiraatta. Gaggeessaa taatee uummata imimmaanin waadaa sitti kennate, boochista taanaan sammuun kee yoomiyyuu nagaa hin argatu.
Waanofii! Ati ogummaa isa kam keessa jirta? Ogummaakee jaalattuuf amanamaadhaa? Waadaa gaafa ogummaa kee qabatte galteef hoo ati nama dhugaatii? Nama waajjira kee dhufee sitti boo’u mararfattee waan godhuufi qabdu gootaafi moo fakkeessuuf sobdee hidhii xuuxxee biraa sokkita? Namoota si gadii jiran miilaan mataa keessa dhiitaa warra si ol jiraniif sobdee sagaddaa?
Ati imimmaan namootaa ofirratti hin kuusin! Imimmaan namoota gaaftokko galaana ta’ee sammuu kee nyaata. Umuriikee guutuu hirriiba si dhorkee si rakkisa.
Barsiisaa yoo taate mucaa maatiin amananii siif laatan sirnaan guddisuuf waan gochuufi qabdu hunda godhiif. Yoo abbaa seeraa taate immoo haadha hiyyeessaa dhugaan jalaa meelate sirreessuuf namni si caala aangoo qabu waan jiru miti. Faayidaa keef jettee haqa hin haqanqaaliin. Waadaan kaleessa harkakee olkaastee galte sammuukee keessa taa’ee si taajjaba waan ta’eef dhugaaf dhaabbadhu.
Gaggeessaa! Qaroo sabaa, isa uummanni lubbuu fi waan qabu itti kennee, teessoo isaa dabarsee laateef! Isa sabnifi biyyi ati nuun deemi. Ogummaafi dandeettii situ qaba. Baabura kana qajeelchii iddoo deemnu situ nu caala beeka waan ta’eef, nu ceesisi jedhee furtuu mana isaa kenneef! Eeyyee gaggeessaa isa imaanaa biyyaa fi biyyoo baatu. Maarree uummata si kabajee iddoo siif laateef, lubbuu ilmaan isaa qabsiiftee „qumaara‟ dharaa hin taphatin. Uummanni akka ija isaatti si ilaala. Maarree warra amanee si hordofaa jiru fuutee qileetti gadi hin naqin! Naamusa kee eegi. Naamusni nama ta’uu kee ni goonfachiisa waan ta’eef.