Namoonni wantoota isaan mudatan hundaaf haala adda addaa mul‟isan. Qabeenya yoo argatan, Hojiin isaaniif yoo dabalame, Dhukkuba isaanii irraa gaafa fayyan ni gammadan. Gaafa addunyaan isaaniif seeyxe, gaafa kaayyoon isaaniif galma gehe
ni gammadan.
Akkasumas yoo dhukkubsatan, Kufaatiin yoo isaan mudate, yoo dhaban ni gaddan. Akkana tahuu erga beeynee akkamitti
gammachuu teenya gadda irraa kan hafuu fi waartuu akka taatu godhuu akka dandeenyu haa ilaallu. Eeyyen! Addunyaan Mi‟oytuu fi hadhooytuudha. Kanarratti waliif galla.
Haa tahuu malee rakkoo nu mudate qofa irratti xiyyeeffannee maaliif guyyoota hedduuf gaddina? Waan takka irratti
gadduuf sa‟aan takka geessuu taatee osoo jirtuu sa‟aa hedduuf ni gaddamaa? Maaliif? Dhugumatti gaddaa fi cinqiin onnee teenya hayyamaan malee akka Weeraran ni beeyna. Haa tahuu malee balballi gaddaaf banamte cufti maloota of irraa cufnuun kumaa ol qabdi. Kanatti aansinee maloota san isiniif ibsina.
Xiyyeeffannoo keessan akkan gara biraa geessuuf naaf hayyamaa. Namoota namoota baay‟een jaalataman hammam arginee beeyna? Namoonni hedduun kan arguu fi isaan waliin taa‟uuf hawwan, Ati hoo akkas ta‟uu hin hawwinee? Namoota akkasii dinqisiifachuun hoo maaliif baratamaa te‟e? Maaliif of dinqisiifachuun nutti ulfaate?
Garuu akka isaanii tahuuf hin hawwan. Yeroo hunda amaloota namoota kanaa dinqisiifatu. ofiif dinqisiifatamoo tahuuf hin
yaalan.
Itti aansinee akkamitti dinqisiifatamaa tahuu akka dandeenyu haa ilaalluu. Gurbaan adeera keetii yeroo haasawa godhu maaliif namni marti qalbi takkaan isa dhaggeeffata?
Namni dhandhama haasawa isaatiin maaliif hawwatama? Yeroo ati haasoytu maaliif fuula isaanii sirraa garagalchan, maaliif walii wajjii gunguman? Ati beekumsa, dandeettii fi sadarkaa isaa olii qabaachuu dandeessa.
Duuba hoo inni akkamitti xiyyeefannoo argachuu danda‟e? Ati maaliif hin dadhabde? Maaliif ijoolleen abbaa tokko tokko yeroo inni hojii galee mana seenu Utaalanii itti maramanii bakka inni deemu mara silaa jala deemanii kan hawwaniif
maaliifi?
Abbaa tokko tokko ammoo osoo wajjiin deemna jedhee isaan kadhateehuu sababa kudhan kan isaa wajjiin deemu isaan dhoorgu kan tarreessaniif maaliifi? Lameenuu Abbumaa mitii? Maaliif garaagarummaan uumame? As irratti jireenya kana akkamitti akka itti gammannu baranna. Namoota ofitti harkisuuf kan si dandeessisan tooftaalee garaagaraa barta.
dhiibbaa gaari isaan irratti mul‟isi. dogongora isaaniitii wajjiin wal bartee, Namoota amala gaarii hin qabnee wajjiinis waliif galuu barta. Waan hedduu akka hojjattu hubatta. Kanaaf baga nagayaan dhufte.
Jechoota…
Milkaa‟inni waan namoonni jaalatan beekuu miti. Oogummaa jaalala isaanii si goonfachiisan argachuufi sanitti hojjachuudha malee.