KHUXBAA XUMURAA TAN RASULLI RABBII S.A.W GODHE

Dhaamsi armaan gadii kun Khuxbaa Ergamaan Rabbii Nabi Muhaammad (s.a.w) tulluu Arafaa irratti ummataaf godhan irraa kan fudhatameedha.

“Yaa ilmaan namaa! Waggaa kana booda irra deebi’ee jidduu keessanitti argamuu koo ani hin beeku. Kanaaf wanta har’a isinitti himuuf jiru gurra naaf ergisaa
sirritti qalbiin na dhageeffadhaa. Warreen har’a jidduu keessanitti argamaniitiin carraa dhageeffachuu hin
arganneef immoo ergaa koo kana geessaafii.”

“Yaa ilmaan namaa! Baatiin (keessa jirru) tun, guyyaan har’aa tunii fii magaalaan tuni akkuma qulqulluu fii kabajamoo tahuu isaanii beektan hundatti lubbuu fii qabeenya tokko-tokkoo muslimaa illee akka kabajaadhaan qabdan amaanaan isin irratti gatamee jira. Meeshaalee amaanaadhaan harka keessan jiru
abbootii isaaniitiif deebisaa. Namni kamiyyuu akka isin hin haleelle. Nama kamiin irrattiyyuu haleellaa hin
geessinaa! Shakkii tokkoon alatti fuuldura Gooftaa keessanitti akka dhihaattan yaadadhaa! Innis dalagaa
keessan ni madaala. Dhala hin nyaatinaa Rabbiin irraa isin dhowwee jiraaf. Kanaaf dhala liqaa kafaluudhaaf waadaa galtanii jirtan kafaluun asiin booda isinirratti
haraama godhamee jira. Amantii keessan kunuunfachuuf sheeyxaana irraa of-eeggadhaa. Dhimmota gurguddoo irratti isin dogongorsee dachee tana irratti gara hallayyaatti isin naquuf akka hin dandeenye beekee abdii waan muree jiruuf dhimmoota xixiqqoo irratti akka hordoftoota sheeyxaanaa isin hin godhanne dammaqaatiin eeggadhaa!”

“Yaa ilmaan namaa! Dubartii teessan irratti mirga murtaawa tahe qabaachuun keessan dhugaa dha. Haatahuu garuu isaanis isin irratti mirga qaban. Hanga to’annoo keessan jala jiranitti dirqama nyaachisuu, uffisuu fii mararfannaan isaan qabuutu isin irra jira. Dubartiin teessan hiriyyoota jireenya keessanii fii deeggartoota kaluu keessanii waan tahaniif bifa mararfannaa qabuun isaan kunuunsaanii. Nama isin hin barbaadne wajjiin hariiroo akka hin uumnee fii manni keessan gonkumaa akka hin akka hin tuffatamne gochuun mirga keessani.”

“Yaa ilmaan namaa! Sirritti na dhageeffadhaa! Rabbii keessaniif bitamaa! Guyyatti yeroo shanii salaata
keessan salaataa! Baatii Ramadaanaa soomaa! Qabeenya keessan irraayis zakaa baasaa! Akkasuma yoo dandeessan hajji godhaa! Tokkoon-tokkoo muslimaa muslima birootiif obboleessa tahuu isaa ni beektu. Hundi keessanuu wal-qixa. Rabbi sodaachuu, amala gaariiqabdanii fii hujii keessaniin yoo tahe malee!” “Yaadadhaa! Guyyaa tokko Rabbii keessan fuuldura dhaabbattanii dalagaa dalagdaniin ni gaafatamtu. Kanaaf of- eeggadhaa! Ani eega dabree booda daandii Rabbii keessan sodaachuu irraa of-duuba hin deebi’inaa! Yaa ilmaan namaa! Ana booda nabiyyiin yookaan Ergamaan haaraa tahe hin dhufu. Amantiin haaraa tahes hin dhalatu.

Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Leave a Comment

Shopping Cart