Karaan sobaan dabran deebii nama dhibaa jatte oromoon obboleessa kiyya zamana kana keessa zamana dhugaan dhabamtee khijibni bakka dhugaa qabatee dhugaa dhaale keessa jirra ilmi namaa amrii xiqqoo fi guddoo hunda keessatti numa kijiba kijiba isaa qofaa mitii kijibeeti maqaa rabbiitiin irratti kakata osoo kijiba beekuu amriin akkanaa tun hedduu fokkottuudha obboleeyyan kiyya kan islaamaa rasuulli rabbii s.a.w akki ja’u inna siddqa yahdii ilal birri wa innal birra yahdii ilal jannati fa’inna rajula yasduq hattaa yuktaba indallahi siddiiqaa wa’innal kaziba yahdii ilal fujuuri wa’innal fujuura yahdii ila naar inna rajula layakzibu hattaa yuktaba indallaahi kazzaabaa rasuulli rabbii s.a.w waan ja’aniif.
Kijiba dubbachuun dhugaarraa fagaatanii dhara odeessuun hamtutti nama geessitii waan fokkotutti nama geessitii wanni fokkottuun ammoo azaabatti nama geessitii ibidda azaabaatti nama geessiti ilmi namaa tokko kijibuurraa hin deebi’u hanga rabbi biratti kijibaa namaa ja’amee beekkamutti obboleessa kiyya obboleeytii tiyya yoo namni tokko dhufee ya bada kijibaa ya bada kijibduu siin ja’e hamgam takka sitti dhaga’ama ilma namaatii wajji ballama wahii qabda sii mijjooyne irraa turte takkaanuu jalaa dhooytee hafte aboo maalif turte takkaanuu maalif hafte je’ee yeroo san namni yoo si gaafate taarika hin jirre ka biraa ka kijiba guddaa olii ifirran oofin.
Obboleessa kiyya nama ati itti kijibu jirtu kanarra kaaliqa guddaa ati sodaa isaa dhabdee kijiba akkanatti miila lamaan lafa deemu uumtu kana sodaadhu ilmi namaa waan takkallee sin godhu aboo naaf hin mijjooyne waan akkanaati na mudate wahuma takka wallahi hanguma ati kijibarraa fagaattee dhugaa dubbachuuf tattaafattu takka rabbi s.w waa hunda sii laaffisa jachuu kanaaf obboleeyyan kiyya yaa nama ganamaa fi galgala kijiba dalagaa godhatee jiruu fi jireenya godhate koottaa kijiba dhiisnee gama dhugaa haa deebinuu kijibnee akka kijibarratti hin kakanne haraam biraa kijibninuu haraamii ammaas kijibarratti kakachuun haraam biraa ka ajaa’ibaati tanaaf rabbii haa sodaannuu kijibarraa haa fagaannuu.