Kaafirtoota Wajjin

Rasuulli (saw) Namoota muslima hin ta‟iniifis yeroo hunda Haqummaan murteeysuu turan. Isaan gara islaamummaatti yaamuu fi Rakkoo isaanii isaan irraa salphisuuf Lubbuu isaanii isaaniif kennuuf qophii turan. Hammeenyaa fi miidhaa isaan irraan gayan obsaan dabarsuu turan. Maaliif?

Allahaan “Rahmata goonee si ergine” jedheenii jira. Eenyufaaf? Muslimoota qofaafii? Lakkii! “Addunyaaf”

Mee yahuudota ilaalaa; Arrabsuu turan, Shira itti xaxuu tura, Isaan garuu gaaruma isaaniif ta‟anii argaman. Aa‟ishaan yeroo dubbattu “Yahuudonni Hulaa teenya dura osoo dabraa jiranii Ergamaa Rabbiitiin (saw) “Assaama Aleykum” (Duuti si haa saamtu) jedhaniin. Isaanis “(Wa aleykum) Isin irrattillee” jedhaniin.

Aaishaan (Rabbiin ishii irraa haa jaalatuu) Wanni dhageesse waan akkaan ishii dallansiiseef. “Isinuma irratti Duuti haa
jiraattu” jetteen.

Nabiyyiinis (saw) “Yaa Aa‟ishaa dhiisi! Qaruuxee tahuu qabda. Abaarsaa fi jecha hamaa dubbachuu hin qabdu.” Jedhaniin.
“Hay! Waan isaan dubatan hin dhageenyee?” jetteen.

“Waan an dubbadhe hoo hin dhageenyee ati?” jedhaniin. Kadhaan (du‟aa‟iin) isaan narratti kadhatan isaaniif hin qeebalamtu garuu tanin an isaan irratti kadhadhu isaan irratti qeebalamti.” Jedhaniin.

Eeyyen! Hamtuu hamtuun deebisuun barbaachisaa miti. Allahaan “Namootaan jecha gaarii jedhaa” Jedha. Yeroo takka
Nabiin Rabbii (saw) Sahaabotaa wajjiin Duularraa deebi‟aa turan.

Bakka mukkeen itti heddummaatu takka jalatti boqonnaa godhuuf murteessaan. Namayyuu addaan faffaca‟anii Muka jala rafuu jalqaban.

Nabiyyiinis (saw) Seeyfii isaanii muka irratti fannifatanii rafan. Elloonuu Gurbaan kaafiraa tokko isaan hordofaa ture. Suuta jedhee itti dhihaatee Seeyfii isaanii muka irraa fuudhee “Yaa Muhammad! Har‟a Eenyuutu sirraa na dhoorguu danda‟a?” jechuun itti iyye.

Nabiyyiin (saw) Hirriiba isaanii irraa dammaqan. Namichi isaan ajjeessuuf qophaawee jira. Sahaabonni faffaca‟anii Muka jala rafaa jiran waan ta‟eef namni tokkolleen bira hin jiru.

Namichi humnaa fi jabina isaa abdachuun itti deddeebi‟ee “Eenyuutu sirraa na dhoorga” Jedhee fokkore. Isaanis “Allaaha”Jechuudhaan deebisaniif. Tasuma Gurbaan Sodaan guutame, Seeyfiin harka isaatii hurgufamtee buute.

Nabiyyiin (saw) Seeyfii lafaa fuudhanii “Eenyuutu sirraa nadhoorga?” jedhaniin. Hollataa Akka isaan irra dabraniif akkasumatti dhiifama godhaniif kadhachuu jalqabe.

“Namni narraa si dhoorgu tokkolleen hin jiru. Irra naaf dabri” jedheen. Nabiyyiinis “Islaamummaa ni fudhattaa?” jedhaniinii gaafatan. “Hin Islaamawu garuu garee isin waraanuu barbaaddu tokkollee wajjiin wal tahii hin uumu.” Jedheen.

Dhiifama godhaniif. Gurbaan hoogganaa Shanyii takkaa Ture. Deemee Orma Isaa guutuu gara islaamummaatti yaame. Ormi
isaa guutuun islaamummaa fudhatan. Eeyyen! Namaaf gaarii ta‟i onnee isaanii ni boojitaa.

Dhugumatti Rasuulli Rabbii (saw) diinota isaa hooggantoota wajjiinuu haala gararree irra bareedaa ta‟een argama. Akkasitti
Onnee isaanii too‟ata, Kufrii irraallee isaan qulqulleessa.

Yeroo Ergamaan Rabbii (saw) dirree bahanii gara islaamummaatti waamicha godhuu jalqaban Qureeyshonni qajeellotti Isaaniin mormaa turan.

Walitti Qabamanii Yaaminsa Nabiyyii (saw) saffisaan namoota bira gahaa jira waan teheef nuti maal gochuu qabna jedhanii
dursanii wal mari‟ataa turan.

Isaan keessaa nama falaan, gheeybii himuun akkasuma walaloodhaan hedduu beekkamu filatanii Isa sadarkaa teenya gad buuse, jidduu teenyatti garaagarummaa uume akkasumatti amantii teenya xureessu kana akka dubbisu godhuu qabna jecha jedhu haa deeggarruu waliin jedhan.

Utbaa bin Rabii‟aa filatanii Yaa Abul Waliid namni dubbii tana gitu suma qofa jedhaniin. Utbaan nama Obsaadha. Inninis Qureeyshotaan “Yaa warra Qureeyshii Isa bira deemee Dubbisee Waan sossobnuun dhiheessineefii kan fedhe keessaa akka fudhatu narra barbaaddanii?” jedheen. Eeyyen! “Eeyyen! Abul Waliid” jedhaniin.

Utbaanis gara Nabiyyii (saw) deemee Isaanii taa‟aa jiru itti dhufe. “Yaa Muhammad! Sii fi Abdul Muxxalib (Akaakayyu kee) kamtu caala?” jedheen. “kabajaa Akaakayyuu isaaniitiif jecha ni cal‟san.”

“Isaantu narra caala kan jettu yoo taate xaa‟ota ati arrabsitu kana akkamitti gabbaruu danda‟an?, Isaan irra anaatu caala jettee kan yaaddu yoo te‟e ammoo dubbadhu waan ati jettu dhaggeeffannaa” jedheen.

Osoo Nabiyyiin (saw) hin dubbatin dura Utbaan dallansuun guutamaa “ Wallaahi! Nama akka keetitti Ummata kana irratti
rakkoo uume arginee hin beeknu.

Gargar nu guurtee jirta, Sadarkaa keenya xiqqeessitee jirta, Amantii teenya Xureessitee jirta. Rakkoolee gurguddoo nurraan geessee jirta.

Namoonni maal akka jechu jiranis quba qabda (ni beeyta). Seeyfii teenya Qarannee gariin keenya garii keenya ajjeesuu malee filannoon biraa hin hafne.” Jedheen.

Utbaan yeroo dallansuu isaa ofirraa dhoosutti jiru Nabiyyiin (saw) suuta jedhanii qalbi takkaan isa dhaggeeffataa jiran.

Sossobuu barbaade “Waan kana hunda yoo ka Qabeenya barbaadaaf kan gootu tahe Walitti buufnee Irra dureessa Qureeyshii si goona, Yoo aangoo (taayitaa) barbaachaaf ta‟e ammoo Hoogganaa Qureeyshii si goona, Yoo jinniin si dhooyte if wal‟aanuu dadhabde bakka jiruu haakima jabaa barbaannee si wal‟aanna…”

Yeroo Utbaan haasawa fokkotaa kana haasawu Nabiyyiin (saw) Suuta jedhee tasgabbiin isa dhaggeeffataa jira. Dheebuu
aangoo, Qabeenyaa, dhalaa, rakkoo sammuu yoo qabaatte jedhee erga tarreessee fi booda deebisaa eeggachuuf jecha cal‟ise.

“Nabiyyiin (saw) Yaa Abul Waliid! Fixattee?” jechuun gaafatan. Utbaanis “Eeyyen!” jechuun deebiseef.

“Hayyee amma ana dhaggeeffadhu” jedhaniin. “Hayyee” jedheen. Nabiyyiinis “Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa rahmata namaa godhaa ta‟een. Haa Miim. (Qur‟aanni kun) Rabbii akkaan mararfataa, rahmata godhaa ta‟e irraa buufamaadha. Kitaaba keeyyattoonni isaa namoota beekaniif, dubbifamaa afaan arabaa ta‟ee, adda baafamteedha. Gammachiisaa fi Akeekkachiisaa te‟ee kan (buufameedha); irra hedduun isaanii irraa gara galan saniifuu isaan hin dhagayan.”

Nabiyyiin Keeyyaticha (aayata) dubbisuu itti fufan. Qaamni Utbaa hollachuu jalqabe. Harka isaa of duuba deebisee irratti hirkatee aayatoota dhaggeeffachuu itti fufe. Nabiinis aayatoota itti aanan qara‟uu itti fufan. “Yoo isaan didanii gara galan ani iyyansa hamaa, akka iyyansa ummata Aadii fi samuudin isin sodaachiseen jira” jedhiin.

Utbaan Akeekkachiisaa fi dinniina ibiddaa yoo dhaga‟u onneen isaa isa sodaatte. Utaalee lafaa ke‟eeti harka isaatiin afaan isaani qabe. Haa ta‟uu malee Nabiyyiin hanga aayata sujuuda nama buuftu gahutti dubbisuu hin dhiifne. Sujuudas bu‟anii Sujuudaa ol jedhanii Xiyyeeffannoon ilaalaa “Yaa Utbaa! Dhageessee mitii?” jedhaniin. “Eeyyee” jedheen. “Filannoon teeti.” Jedhaniin.

Utbaan Saffisaan gara hiriyoota isaa kan isa eegaa jiranitti deeme. Lakkuma inni itti dhihaatuun “Rabbittin siif kakadha bifa addaatiin deebi‟aa jira” waliin jechuu jalqaban. Yeroo inni isaan bira gahu “Maaltu uumame abul Waliid” jedhaniin.

“Jechootan kanaan dura dhage‟ee hin beeynen dhage‟ee dhufe, Wallaahi! Jechoota walaleessitootaa kan falfaltootaa ykn kan
raagdotaatii miti. Yaa Qureeyshota akka kaayyoo isaatti gahuuf gurbaa kanaaf bilisummaa guutuu akka kennitaniif gorsa kiyya akka narraa fudhattanin isin gaafadha.

Karaa kanaan qofa nagayaan isa irraa addaan bahuu kan dandeessan. Isiniifin kakadha jechoonni inni jedhu kun wilii galma gahuuf taa‟a.

Yaa jara keenya Isaa akkana jedhun dhage‟e; “Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa rahmata namaa godhaa ta‟een. Haa Miim. (Qur‟aanni kun) Rabbii akkaan mararfataa, rahmata godhaa ta‟e irraa buufamaadha…! “Yoo isaan didanii gara galan “ani iyyansa hamaa, akka iyyansa ummata Aadii fi samuudin isin sodaachiseen jira” jedhiin.

Yeroo inni kana dubbatu utaaleetin afaan isaa qabe. Firummaa teenyaan si qabee dhaabi jedheetin kadhadhe. Muhammad
yeroo haasawu akka hin kijibne ni beeytan. Akka adabni isinitti hin buunen sodaadha” Jedheen.

Abul Walid Cal‟isee xiinxaluu jalqabe, hiriyoonni isaa xiyyeeffannoon ilaalaa jiran. “Rabbiinin kakadha haasawni san haasawa qalbii nama fuudhu, bareedina qaba, Jalli isaa jiidhaadha kanaaf firii bareedduu kan magarsu. Dhugumatti jechi sun jecha namni jechuu danda‟uu miti.” Jedheen.

“Kunimmaa Walaloodha Abul Waliid! Walaloo qofa” jedhaniin. “Wallaahi Waa‟ee Walaloo fi mana dhawiinsa namni narra
beeku hin jiru. Walaloon goototaa osoo hin hafin nan beeka.

Wallahi haasawni isaa Walaloo takkaa wajjiin wal hin fakkaatu!” Utbaan Waa‟ee Nabii (saw) haasawuu itti fufe. Islaamummaa fudhachuullee baatu lubbuun isaa gara isaaniitti godaante. Utbaan hangafoota Diina Islaamaa ta‟ullee Haalli Nabiyyii bareedaanii fi dhaggeeffataa gaarii ta‟uun isaanii Utbaa irratti dhiibbaa hangamii akka uume ilaali.

Yeroo biraadhaa Abbaa Sahaabaa Nabii kan ta‟e Abbaa Imraan Bin Huseen abbaan isaa Huseen bin al munzir al khuza‟ii gara
Nabiyyiitti (saw) ergan.

Ergamaa Rabiitii Wajjjiin mari‟atanii Waan isaan jalqaban kana akka dhaabsisuuf dhufe. Akkasumatti waanuma qureeyshonni hogguu dubbatan “Gargar nu diiyde, sadarkaa teenya xiqqeessite,…!Fkkf jedheen.

Nabiyyiin tasgabbiin erga dhaggeeffatan boodaan “Abaa imraan xumurtee?” jedhaniin. “Eeyyen” jechuun deebiseef.
Hayyee “Gaafiin si gaafadhuuf deebii anaaf deebisi” jedhaniin. “Hayyee” jedheen.

“Yaa Abuu Imraan! Xaa‟ota meeqa gabbartan?”jedhaniin. “Torba gabbarra, jaha kan dachii jiranii fi tokko kan samii jiru” jechuun deebiseef. “Kani akkaan jaalattuu fi kan ati sodaattu kami?” jedhaniin. “Isa Samii jiru” jedheen.

Nabiyyiinis jecha laafeysaan “Yaa Huseen yoo kan islaamummaa qabattu taate jecha lama kan akkaan si fayyadun si barsiisa” jedhaniin.

Huseen hoggasuma islaamummaa qabatee “Yaa Ergamaa Rabbii jechoota lameen sin barsiisa naan jette na barsiisi” jedheen. “Yaa Rabbi karaa qajeelloo irra na kaayi, Hamtuun ofiif ofitti fidu irraallee na tiysi jedhi” jedhaniin.

Karaan Nabiin Rabbii (saw) namootaa wajjiin ittiin haasawan yeroo hunda bareedaadha. Haalli isaanii bifa dinqaa ta‟een namoota irratti dhiibba gaarii uuma. Adeemsi akkanaa gaariin kun namoota muslima hin taane gara islaamummaatti fiduuf aarsaan guddaan kafaleera.

Gurbaan dargaggeessaa tokko barnootaaf jecha kara jarman deemuudhaan gamoo gamtaa takka keessa jiraachuu ture.
Nama lammiin isaa jarman ta‟e tokkootu ollaa isaa ture. Manni isaanii walitti aanuurraa kan hafe wanni isaan walitti fidaa takkalleen hin jirtu. Tasa gurbaan lammii jarman kun diida deeme.

Gurbaan gaazexaa namaaf raabsu tokko ganamuu fideeti gaazexaa hulaa jarmanicha kanaa dura kaa‟ee deema. Dargaggeessi kun gaazexaan hulaa dura guutuu yeroo argu jaarmanichi kun diida deemu beeke. Gaazexaalee walitti qabee mana isaa kaa‟eef. Guyyuu guuree mana isaa kaa‟uufi itti fufe.

Jaarmanichi ji‟a lama booda diidaa deebi‟e. dargaggeessichi erga nagaya gaafatee booddee “Gabaasa oduu ni hordofta Yookaa dorgommii gaazeexaa irratti adeemsifamtu keessatti hirmaachuu hin ooltu yaada jedhuunin akka si dabru waan hin barbaadiniif mana kiyyatti ol siif kaaye.” Jechuun gaazexaalee isaa fideefi kenneef.

Jarmanicha dubbiin tun dhibdee; godhii ati anaaf gooteef Maallaqa siif kafaluu? Jedheen. Lakkii! “Amantiin tiyya ollaa kiyyaaf akkan gaarii oolu na ajajji, Sii Ollaa kiyyaaf gaarii ooluun dirqama narra jiru” jedheen. Hiriyoota akkaan walitti dhihoo tahan. Xumurarratti jaarmanichi Islaamummaa qeebale.

Ibsa…
Daa‟ii gaarii jechuun kan jecha isaa dura gocha isaatiin da‟awaa godheedha.

Leave a Comment

Shopping Cart