Joollee Wajjin

Wantoonni Umrii Ijoollummaa keenyatti raawwataman kan hanga ammaatti sammuu keenya keessaa Yaadannoo
gammachuu yookaa yaadannoo gaddaa ta‟anii hafan hedduutu jira.

Mee yeroo ijoollummaa keetii yaadadhu. Firii barnootaa gaarii argachuudhaan gaafa badhaafamte akka ati yaadatte shakkii hin qabu, yookiin barattoota keessaa yaamamtee guyyaa maqaan kee faarfame yaadachuun kee hafa hin qabu. Wantoonni akkasii kun sammuu keessatti maxxanafamanii hafanii jiran goonkuma dagachuu hin dandeessu.

Haaluma wal fakkaatuun gadda yeroo ijoollummaa keenya nu qunname dagachuun ulfaataadha. fakkeenyaaf Arraba barsiisaan ijoollee fuul duratti nu arrabse.

Hiriyaa dareetii wajjiin kan wal tumne, hiriyoota keenya fuul duratti yeroo maqaan nu badu goonkuma irraanfatuun hin
danda‟amu. Tajaajilli gaariin ijoolleef godhamu ijoollee qofa irrattii miti kan dhiibbaa uumu. Warraa fi maatii isaanii
irraallee kabajaafi jaalala argamsiisa.

Maatiin barattoota mana Baruumsa sadarkaa tokkoffaa barsiisota ijoollee isaanii barsiisan ni ziyaaran, ni galatoomfatan, jaalalaa fi kabajaa isaaniif qaban isaaniif ibsan. Kun kan ta‟eef waan barsiisonni ijoollee isaanii jaalatanii kunuunsaniif ture.

Gammachuu isaanii yeroo tokko tokko jechaan yeroo tokko tokko ammoo xalayaan barressaniifi erganiif. Kanaafuu ijoollee
fuula gaarii itti agarsiisuun,Onnee isaanii booji‟uun akkasuma waan dandeettii oogummaa hariiroo namaa wajjiin qabu akka cimsatu godhu itti himuun waan salphaatti hin ilaalin.

Gaaf tokko mana baruumsaa tokko keessatti barnoota faayidaa salaataatiin ijoolleef kennaaa ture. Hadiisa wa‟ee faayidaa salaataa dubbatu tokko natti himaa jedheetin gaafadhe.

Gurbaan tokko lafaa ka‟ee “Garaagarummaan muslimaa fi kaafira jidduu jirtu salaata” jedhan Nabiyyiin (saw) jedhee deebii deebise. Deebisuu isaatii fi fedha inni deebisaaf qabu waanin dinqisiifadheef sa‟aatii kiyya harka irraa of baaseetin Badhaase.

Mudannoon tun gurbaadhaaf salphaa akka hin turin kanin bare garuu san booda ture.

Waggoota dheeraa booda gara masjiida tokkoo nan seene. Waan hedduu nama ajaa‟ibu imaamni masjiida sanii gurbaa
san ture, nama guddaa ta‟ee jira, qur‟aana haffazee jira, Waa‟ee murtii seera shari‟aa baratee mana murtii shari‟aa tokko keessatti qacaramee hojjata. Anilleen isa yaadachuu baadhu inni na yaadatee ture.

Kennaan xiqqoon gaafa ijoollummaa isaatti isaaf kenname kun jaalalaa fi kabajaa baay‟een onnee isaa keessa akka bulchuu
danda‟e yaadi.

Gaaf tokko chidha hoo‟aa tokko irratti affeerameetin irratti argamee ture. Gurbaan dargaggeessaa tokko dhufeeti salaamtaa hoo‟ituu takkaan na dubbise. Itti aansuun gaafa inni ijoollee mana baruumsa inni itti baratuu ture keessattii da‟awaa godhuu kiyya na yaadachiise. Da‟waa san yoomiyyuu akka hin dagatin naaf ibse.

Yeroo tokko tokko namoota tokko tokkoon tajaajilli gaariin gaafa isaaniif godhame ijoolleen maatii isaanii fidanii nama sanii wajjiin wal barsiisan. Kana kan godhaniif maatiin isaanilleen namoota kanaaf kabajaa fi jaalala isaaniif qaban akka itti agarsiisan yaadaniiti.

Nama ijoollee jaalatu fi ijoolleef garaa laafu ta‟uu kiyya dhugumatti isin dhoysuu hin barbaadu. Yeroo hedduu waan biraa bareedaa kanin godhuuf jiraatuu baatullee haasawa isaanii gaarii qalbi takkanin dhaggeeffadhaaf.

Yeroo tokko tokko jaalala maatii isaanii argachuuf jechas heddummeessee ijoolletti nan dhihaadha.

Hiriyaa tokkon qabaachuu ture kan gurbaa dhiiraa tokko qabu. Gurbaa isaa itti dhihaadheetin taphachiisuu ture. Hiriyaa kiyya kana qophii sargii (Cidaa) takka irratti wal arginee turre. Nagaya na gaafatee “Gurbaa kiyya maal itti goote?” naan jedhe.
Daree keessatti gaafii barsiisaan gaafa guddattan maal ta‟uu barbaaddu jedhee gaafatuuf gari gariin isaanii Doktora,
Injinara jedhanii yeroo deebii deebisan mucaan kiyya ammoo akka “Muhammad Al Ariifii” tin ta‟uu barbaada jedhee deebisaaf jedhee naaf hime.

Namoonni akkaataan ijoolletti itti dhihaatan wal dhaba. Abbaan tokko tokko mucaa isaa qabee iddoo namni walitti qabame keessatti namoota nagaya gaafataa mucaa isaa of jala oofa.

Namoonni Abbaa dubbisanii mucaa gara galanii hin ilaallees jiru. Tokko tokko ammoo harka ni fuudhan. Gariin ammoo dhungatanii “baabaayyee akkami ati?” jedhaniinii salaamtaa hoo‟ituu dhiheessaniif.

Nabiyyiin (saw) hariiroon isaan ijoollee wajjiin qaban nama dinqa. Ibnu Malik (Rabbiin isa irraa haa jaalatu) obboleessa
isarra xiqqaa qaba ture. Nabiyyiiin (saw) hedduu waan jaalataniif wajjin taphatuu turan. Maqaa jaalalaa “Abuu umeeyr” jedhamullee moggaasaniifi turan.

Shinbirroo xiqqoo wajjiin taphatan takka qaba waan ta‟eef yeroo isa argan irraa “Yaa Abuu Umeeyr Shinbirroon tee akkamitti jirti? Jechuun itti qoosuu turan.

Ijoolleef rifannoota kan qabanii fi ijoollee yeroo qunnaman kan taphachiisan turan. Zeeynab bint Ummu Salaamaa yeroo argan
“Zuweynab, Zuweynab” jechuun yaamuu turan. Karaa irratti ijoollee yoo argan osoo salaamtaa hin jenneen hin dabran turan.
Yeroo ansaaronni dhufanii isaan ziyaaran ijoollee isaanii nagaya gaafatanii harkaan mataa isaanii hahaxaawuu turan.

Waraanni muslimaa Mu‟xaa irraa gara madiinaa gaafa deebi‟u maatiin duultotaa bahanii maatii isaaniitiif, ilmaan isaaniitiif,
ijoollee isaaniitiif simannaa godhan. Nabiyyiini (saw) ijoollee Ja‟far naaf fidaa jedhaniiti itti maramanii ofitti qabanii yaabbii isanirratti ol baasan.

Gaaf tokko Nabiyyiin (saw) Wuduu‟a godhachaa jiran ture. Gurbaan waggaa shanii Muhammad bin al Rabii‟i itti dhufe.
Nabiyyiin (saw) bishaan xiqqo qicanii itti facaasanii taphachiisuu turan. (Bukhaarii)

Walumaa galatti Nabiyyiin Rabbii (nagayaa fi rahmanni Rabbii irra haa jiraatuu) nama cufaa wajjiin Gammadaa jiraataa turan.
Yeroo hunda nama gammachiisuuf yaalu turan. Nama nama gammachiisuu fi taphatu waan turaniif namni isaan bira jiru hin mukaa‟u ( hin nuffu) ture.

Namni tokko imala isaatiif kan ooluuf gaala wahii barbaadee isaan bira dhufe. Itti qoosaa “Gaala ilmoon siif kenna” jedhaniin. Namichinis ajaa‟ibee ilmoon gaalaa akkamitti na danddeessi jechuu yaaduun “Yaa Ergamaa Rabbii! “Ilmoon gaalaa maal naaf gooti” jedheen.

“Duuba hoo gaalli gaala malee maal dhalti?” jedhaniin. Akkas jechuun isaani gaallin siif kennu guddoodha taatulle ishiinis ilmuma gaalaati jechuu isaaniiti.

Gaaf tokko Anasiin (Ra) “Yaa gurbaa gurra lamaa!” jechuun itti qoosan. Intalli takka waan jaarsi ishii isii rakkiseef Nabiyyii (saw) bira dhuftee itti himatte. “Jaarsi kee ka Ija isaa keessa addenyi jiru sanii mitii?” jedhaniin.

Jaarsi kiyya ni balloomee jettee yaaddawutti seente. Rabbiin Nabi ya‟qubiin heddummina gaddaa irraa kan ke‟e “Ijji isaa lameenis addaatte” jechuun ijji isaa arguu dhabde jechuu yaadatte.

Akkuma jeeqamteen Saffisaan gara manaa galtee ija abbaa manaa ishii keessa xiyyeeffannoon ilaaluu jalqabde. Abbaan
manaa ishiitis rakkoon maalii akka ishii mudate ishii gaafate.

“Nabiyyiin (saw) ija tee keessa akka addeenyi jiru natti himan” jetteen. Jaarsi ishiitis (Yaa Namtittii)! Ija tiyya keessa
gurrachomminarra akka addeenyi heddummaatu hin beeytuu ?”jedheen. Ija nama hundaa keessaa addeenyaa fi
gurraachomminni akka jiru ibsuufii isaati.

Nabiyyiin (saw) qoosaa fi tapha taphataniif deebisaa dhugaa kennuudhaan fuula isaanii ibsu. Gaaf tokko Umar bin Al khaxxaab Haati manaa isaa raashina hedduu waan isa
gaafatteef dallanee Ergamaa Rabbii (saw) bira dhufan.

“Yaa Ergmaa Rabbii gaafa dhiirran Qureeyshii turre san jaartoliin teenya too‟annoo keenya jala jirti turte. Dubartiin takka maallaqa nuti itti kanninee achi yoo nu gaafatte utaalleetuma morma ishii qabna.

Garuu gaafa madiinaa dhufne dubartoonni dhiira too‟annoo jala galchanii jiran. Jaartoliin keenyas tooftaa kana baranii
jiran.” Umar ni haasawa Nabiin (saw) ni seequ.

Hadiisota hedduu keessatti akka dubbifnetti Nabiin Rabbii (saw) Ilkaan booddee isaani hanga mul‟atutti seequu turan. Isaan dhugumatti nama gaarii fi Hiriyaa Gaarii namaa wajjiin waliif galu turan. Nutilleen abbaa oogummaalee akkanaa ta‟uuf yoo of leenjifne Dhugumatti dhandhama jireenyaa bareedaa dhandhamuun keenya hin oolu.

Barsiisa tokko…
Ijoolleen xixiqqoon akka biyyee supheeti
Gara barbaannetti qoruu dandeenya.

Leave a Comment

Shopping Cart