Jireenya Haraaraa Fi Mirqaanaa

Yaa obboleessa kiyya atiis yaa obboleeytii tiyya mee dhaamsa kana si fayyaduun ooluu narraa dhaggeeffadhu. yoo jiruun tee mirqaanumaa fi haraaraa jidduu jiraatte ati khasaaraa hoonga hin qabne keessa jirta. ilmi namaa haraaruun, mirqaanuun waan gaarii tahee garuu jiruun tee guutuun haraarumaa fi mirqaanuu yoo taate khasaaraa hangana hin ja’amne keessa jirta. mee akkamittiin khasaaraa keessa jira jattee nan gaafattuu ? ilmi namaa kan araada adda addaa malee jiraachuu hin dandeenye yeroo araada san dhabe araada bare san yeroo dhabe ni haraara, yeroo araada bare san arkate ammoo ni mirqaana. haala lamaan kana keessattuu kufaatii keessa jira.

Gaafa araada barbaade san dhabe haraaraan itti jabaatte waan godhu hin beekhu, waan dhiisu hin beekhu, dalagaa hin beekhu, qaraatii hin beekhu, ilmi namaa haraarumaa fi mirqaana jiddutti if hidhee gabrummaa hammana hin ja’amne tan mirqaanaatii fi tan haraaraa keessatti zal if godhee jiraata jachuu. akkasuma yeroo mirqaanees mirqaana isaa kana keessaa waan hedduutu jira jachuu. biyya teenyatti namni mirqaanee fi namni haraare waanuma ajaa’ibaa dalaga. abbaan dukkaana gurguru ganama gizee haraaraan itti jirtu nama dhufee waa irraa bituuf deemu hunda silaa afaan tolee itti gurguratee risqii rabbiin isaaf kanne ol gaggalfachuu qaba.

Garuu waan haraaraan itti jirtuuf jecha yoo sukkara naaf kanni ja’aniin soogidda itti kanna, yoo soogidda naaf kanni ja’aniin barbaree itti kanna tuni dhiibbaa haraaraati jachuu. yeroo mirqaane ammoo ol ka’uu hin dandahu mirqaanni itti tolee bakkuma itti mirqaane sanii hin jirtuu gurgura. hin jirtu, adeeroo maal naaf kanni jatte hin jirtu, karameellaa naaf kanni hin jirtu, mee ficaa xaafii takka naaf naqi hin jirtu, ganamaa galgala hin jirtuu gurguraa jachuu.

Tanaaf obboleeyyan kiyya jireenyi haraaraa fi mirqaana jidduu jiraatan kun hedduu nama hin tarkaanfachiisu. kanaaf araada adda addaa irraa if tiiysaa. yoo araada adda addaa san dhabdaniis akka normal life tti jiraachuu dandeessan if godhaa. ilmi namaa araada kana ifumaaf gabra ifiin godha yoo lubbuu tee amansiistee ani waan kana malee jiraachuu niin dandaha jattee itti murteessite guyyaa takka, torbaan takka, baatii takka, jiraachuu malta. achii gad garuu amata guutuu hin rakkattu. kanaafuu jireenya haraaraa fi mirqaanaa jidduu bahii jireenya nagayaa, jireenya ilmi namaa jiraatu jiraadhu.

Leave a Comment

Shopping Cart