Namni jannata Keessatti mana ijaarrachuu Barbaadu guyyatti Salaata sunnaa raka’aa 12 haa jabeeffatuu.
Hadiisa Imaamu Muslim Gabaase Keessatti Rasuulli SAW akkana ja’an. “ Gabrichi Muslimaa Tokko, kan guyyatti raka’aa 12 Salaata sunnaa kan fardii hin tahin salaate, Rabbiin jannata Keessatti mana isaaf Ijaaru malee Hin Taane”.
Salaanni sunnaa Raka’aa 12 Kun Sunnaalee Salaata fardii shanan duraa fi boodaan salaatamani.
• Zuhrii Dura 2+2 Raka’aa 4, Zuhrii Booda Raka’aa 2
• Maghriiba booda Raka’aa 2
• Ishaa’ii booda Raka’aa 2
• Subhii dura Raka’aa 2
Jannata keessatti mana ijaarrachuun dalagaa laaftuu miti, silaa arra beeta mangistii keessatti mana siif ijaarraa waan akkanaa dalagi nuun ja’an, hanga dandeenyutti daaraa taanee mana san ijaarrachuuf waan san daleeyna.
Mana Addunyaa kana kan boru qullaa keessaa deemtu irra mana aakhiraa kan zalaalam qananiin keessa jiraattu santu caala.
Kanaafuu sunnaalee tana salaatuun mana guyyaa boruu jannata keessatti haa jaarrannu.
Rabbiin Fooqii Jannata Keessaa Nu Haa Shallamu.