Humni dhokataan sammuu dhala namaa keessa jiru humna akkamii akka ta‟e hubachuun ka‟umsa sammuu ofiitti fayyadamuuf nama afeeruudha. Ejjennaa tolaan darbatanii fageessu akkuma ja’amu, waa‟ee sammuu sirriitti hubachuuf wantoota muraasa haa ilaallu.
Voolkaanoon lafa keessaa dhohee yoo bahu teessuma lafaa jijjiiruun, tulluu sululaa, sululaa immoo tulluu taasisuu danda’a. Kana irra dabrees yaa’a bishaanii kallattii jijjiiruun boca lafaa akka biraa godhuu danda’a. Kana malees gamoowwan gurguddaa dhabamsiisuus ni danda’a. Dhagaawwan gurguddaa garagalchuufi mukkeen jijjiysuun
dhabamsiisuu danda‟a.
Boombii qaama gubbaa isii yoo laalan dhagaadhaan tokkuma. Akka jirutti yoo darban nama miidhuu dhabuu mala. Garuu humni boombii keessaa yoo ssosso’e garuu, maal godhuu akka danda’u tilmaamuuf ogeessa ta’uu nama hin gaafatu.
Humni muka kibriitaa takka keessa jiru gaafa gara ibiddaatti yoo jijjiirame, waan inni tolchus ta‟ee, wanta inni barbadeessuu danda’u tilmaamuun nama hin rakkisu
Sammuun kee inni akka salphaatti baattee iddoo hin malletti qisaasessaa ooltu, humni keessa isaatti kuufamee jiru yoo dhohee bahe jijjiirama akkamii fiduu danda’aa?
Addunyaa kana irratti wanti dhala namaatiin hojjetame hundi, gara samii bahanii qorachuun, bishaan keessa socho’uun, qaama namaa baqaqsanii yaaluun, sammuu namaa bananii yaaluun, kalee fi qaamota
biroo kan nama biraa irraa gara nama biraatti ceesisanii wal’aanuun, meeshaalee waraanaa hojjechuun, roobootii akka namaatti hojii hojjettu kalaquun, xiyyaara hojjetanii samiirra barrisuun, dooniidhaan
bishaan irra dambali’uun, fageenyatti wal dubbisuun, kuufama dandeettii sammuu dhala namaa keessaa burqedha. Akkuma bishaan lafa jala jiran keessaa muraasni dirree irratti ol bahanii bifa burqaatiin
mul’atan, kuufama dandeettii dhala namaa keessaayis kan bahee mul’atu muraasa qofa. Maarree osoo dhalli namaa hundi sammuu isaatti sirnaan fayyadamee yoona addunyaan kalaqaafi argannoo garagaraan badhaatee jiraatti turte.
Keessattu gurraachonni osoo kuufama dandeetti sammuu isaanii fayyadamanii waan hundaan akka eegee, orma duuba deemaa hin hafnu ture. Akka kaleessaa waan jabaa hojjechuu caala, warra ofiin jabaa
jedhan jala suksukuun kan dhufe, humna sammuu ofii wallaaluu irraayi.