Hojjadhu Yookiin Baradhu

Yookiin hojjadhu yookiin baradhu lameen irraa takka filadhu masluufummaa irraa fagaadhuu walaleessaan mo wallisaan tuni dhaamsa ergaa guddaa ifirraa qabdi ilmi namaa waan lameen kana keessaa takkarra jiraachuun dirqama lameen kanaa ala yoo taate ati nama faa’idaa qabuu miti ilmi namaa barumsaan bareeda ilmi namaa akkasuma hojiin ykn dalagaan bareeda yoo barumsarraas hin jiraanne yoo dalagarraas hin jiraanne mee maalirra jirta takka takka dhaabbadhuutii if gaafadhu.

Zamana amma keessa jirru kana keessa dargaggoonni keenya hedduun isaanii kan barnoota fixees ciqilfatee qama’aa jira dalagaan hin jirtu gaafuma baratu sani irra hedduun namaa hojii mootummaatiin arkadha je’ee ifitti himee barateen sahaa hojiin mootummaa dhabamnaan namni harka marateetuma ciisuu taate dubbiin obboleessa kiyya obboleeytii tiyya yaa tan warri umrii saanii guutuu itti laffa’anii osoo hin qabne kiisha saaniitirraa xiqqoo qaban hiikanii si barsiisan eega barattee eeybifamte booda hoo ol deebitee maatii teetirratti ba’aa ta’aa jirta mo daddeemteeti barnoota baratte saniin hojii uummattee ifiis gargaartee maatii teetirraahis ba’aa buusaa jirta.

Obboleessa kiyya obboleeytii tiyya ilmi namaa wanni baratuuf sammuu ifii tana jijjiiruuf barata barnoonni sammuu tee sin jijjiirin gad bu’ee hojii sitti godhee jijjiirama sira fidee nama gaarii hawaasa keessatti sin taasisu yeroo barattu hojii mootummaa yaadaa hin baratin namni baratee hojii mootummaa arkatu parsanti takkaa fi laman gahu populationa biyyi tun qabdu guddoo tana keessaa baradhu yeroo barattu waan baratte saniin hojii uummadhu amata kudha shan kudha jaha barattee yoo eega eeybifamte booda sammuu itti hojiin uumtu yo dhabde wanni baratte sanuu waan jirtu jachuu kanaaf obboleessa kiyya nama lameen kanaa ala jiru hin tahin yoo barumsi si dide mudhii tee marxifadhuu warra keessanitti ba’aan tahinii deemii dalagadhu warra keessanitti ba’aan tahinii.

Haatee si qaraasistee abbee si qaraasisee eega qaraate boodallee manuma isaaniititti siruma isaanitirratti fuutee jaartii fi ilmoo teetiis warrummaan keessan nafaquun wallaahil aziim tun musiibaadha musiibaa irraa maganfatanii rabbi isin haa sattaru.

Leave a Comment

Shopping Cart