Nabiyyiin (saw) Maloota barbaachisaa te‟e fayyadamuun Onnee namootaa booji‟uun namni isaanitti qixxaawu hin jiru. Adeerri isaanii erga du‟an booda qureeyshonni isaan rakkisuu jalqaban.
Shanyii Saqiifota irraa gargaarsa barbaadaaf jecha, Miidhaa Qureeyshotaa jalaa bahuufis kologaltummaaf akkasuma Amrii Rabbiin biraa isaanitti kenname isaan biraan gahuuf jecha akka isa irraa qeebalan hawwaa gara Xaa‟iif deeman.
Hooggantoota shanyii saqiif kan ta‟an obboleeyyan sadeenin wal argan. Isaan ilmaan Amri bin Umeeyriiti. Abdu Yaaliil,
Mas‟uudii fi Habiibi.
Nabiyyiin (saw) akka isaan Diin Islaamaa fudhataniif yaamicha isaaniif taasise. Akka isa gargaaranii fi akka Diin kana deeggaran akkasumatti hamtuu fi miidhaa shanyii isaa irraa isaanitti gahu kana akka irraa dhoorgan isaan gaafate. Deebiin isaanii garuu nama fokkisaa ture.
Inni duraa;- “Yoo dhugumaan Rabbiin kan si ergu te‟e ani Sitaaraa ka‟abaa nan cira” jedhe. Inni lammadaa “Rabbiin nama ergu dhabeetuma si ergaa?” Jedheen.
Inni Sadaffaa ammoo “Wallaahi an deebisaa siif hin kennu, Akkuma jettu kana yoo Ergamaa Rabbii (saw) taate siif deebisaa kannuun ulfaataadha.
Yoo kan Rabbi irratti Sobaa jirtu taate ammoo wilii siin hin dubbadhu.” Jedheen.
Nabiyyiin (saw) Deebiin gurguddaan saqiifotaa isaaniif deebisan tanaaf jecha dallanaa taa‟umsa isaanii irraa lafaa ol
ka‟an.
Saqiifonni waan Muhammad itti himu dhaga‟uu didanii ari‟an jechuu yoo qureeyshonni dhaga‟an miidhaan isaanii daran natti jabaatti waan jedhu yaadudhaan sodaan onnee isaanii keessatti uumame. “Akka fedhes ta‟u haasawa keenya kana akka iccitiitti naaf qabaa” jedheen. Garuu isaan hin gooneef.
Faallaa kanaa Ummata isaanii kakaasanii; akka isaan isa arrabsan, dhagaan isa tuman godhan. Hanga ooyruu utbaa bin rabii‟aa fi sheeybaa bin rabii‟aatti isaan guysan.
Isaan lameenuu ooyruu isaanii keeysa jiru. Yeroo namoonni addaan faffaca‟u nabiyyiinilleen (saw) muka wahii tokko jalatti haara baafatan.
Ilmaan Rabii‟aa lameen Waan Ergamaa Rabbii irra gahe kana arganii Rifannoonni (mararfannaan ) itti dhaga‟ame. Addaas
Nama jedhamu gabricha isaanii tokko yaamanii “Muka Inabaa tokko murii saanaa irra godhii namticha saniif kenni.” Jedhaniin.
Addaas inaba san fuudhee fidee “Hoodhaa Nyaadhaa” jedheen. Nabiyyiin (saw) Inabicha fuudhuuf harka isaanii bal‟isanii “Bismillah” jedhan.
Yeroo kana Addaas “Wallahi biyya tana keessatti namni jecha kana fayyadamu tokkolleen hin jiru.” Jedheen. Nabiyyiinis (saw) “Ati warra eessaati?, Amantiin tee hoo maali?” jedhaniin. “Ani Kiristaana, Neeneewee irraa dhufe” jedheeni deebiseef.
“Warra Biyya Yuunus bin Mattaa gaarii saniitii?” jedhaniin. “Waa‟ee Yuunus Ilma Mattaa maal beeyta?” jedheen. “Inni
obboleessa kiyya, Nabiyyiidha, anis Nabiyyiidha” Jedhaniin.
Saniin booda Addaas Fuula, harkaa fi miila Ergamaa Rabbii (saw) osuma ilmaan Rabii‟aa arganii dhungachuu jalqabe.
Namtichi kun gabricha kana duruunuu balleesse waliin jechuu jalqaban.
Addaas Gara Ilmaan Rabii‟aa yeroo deebi‟u Nabiyyii (saw) fi Haasawa isaaniitiin qalbii fuudhamuun isa irraa mul‟atti ture. “Addaas Maaliif Adda, harkaa fi miila namtichaa dhungatta?” jedhaniin. “Gooftaa kiyya! Addunyaa irratti namni akka isaanii hin jiru.
Waan Nabiyyoonni qofti beekan anaaf hime.” Jedheen. “Us Nurraa! Amantuma tee akka sin jijjiirsisne, Amantii isaatirra amantii teetu caalaa beeki” jedhaniin.
Yeroo ammaa nuti Sadarkaa jireenya namootaa osoo dhimma keessa hin galchin haala bareedaa kanaan itti ni dhihaannaa?
Mil’uu…
Bifti isaanii, Qabeenyi isaanii akka fedhe haa ta‟uu Namoota namummaa isaanii qofaaf itti dhihaadhu.