Eenyuutu Si biratti akkaan jaalatamaadha?

Yeroo namoota hundaa wajjiin hariiroo gaarii uumtu, san irraa ka‟ee inni nama akkaan si biratti jaalatamaati jedhee hanga yaadu yoo goote hariiroo namoota biraadhaa wajjiin godhuu keessatti jabaa taatee jirta.

Fakkeenyaaf Ummaa tee kabajaa fi haala gaariin itti dhihaatuu qabda. Akka ishiin namni gurbaan kun akka kiyyatti kabaju
tokkolleen hin jiru jettee yaaddutti.

Yeroo Abbaa kee, Haadha manaa tee qunnamtu, Ilmaan Keetis yeroo qunnamtu bifuma armaan olii kanaan ta‟uu qaba.
Inumaa namoota yeroo takka qofaaf wal argitanuu Abbaa dukkaanaa tahuu, Konkolaachisaa tahuu haaluma gaarii olitti
kaafne san agarsiisuu qabda.

Yeroo ati namoonni hundi si biratti jaalatamoo tahuu isaaniif raggaasiste atis isaan biratti nama akkaan jaalatamaa taata.

Kana irratti Hidhannoon keenya Nabiyyiin (Sallallaahu aleyhi Wasallam) Seenaa jireenya isaanii yoo dubbifne namoota
hunda haala gaariin kan itti dhihaatan ta‟uu hubanna.

Nama hunda Seeqaa fi Salaamtaa hoo‟ituuni kan dubbisaa turan. Kana irraa kan ka‟e namoonni hedduun nabiyyiin (Saw) namoota biraa caalaa na jaalata jedhanii yaaduu turan. Akkasumatti Nabiyyiin keenya (saw) Namoota biratti jaalatamoo turan.

Gamnoota Arabaa Afurtu ture. Isaan keessaa Amri bin Aas (Ra) tokko ture. Sababa Oogummaa, Qaruuxummaa fi beekumsa isaa irraa kan ka‟e sadarkaa kana qabaachuu kan danda‟eef. Amri yeroo Islaamummaa fudhatu Hoogganaa orma isaati ture. Nabiyyiin (Saw) yeroo isa arge cufa salaamtaa hoo‟ituudhaan isa simata.

Yeroo namootaa wajjiin taa‟utti jirus yoo Amri ol seene haala gaariin isa simata. Maqaas ka inni jaalatuun isa yaama. Hariiroo gaarii isaan lamaan jidduu jirtu tana laaleeti Nabiyyiin namoota hunda caalaa akka isa jaalatu hubate.

Guyyaa tokko kana mirkaneeffachuu barbaadee “Yaa Ergmaa Rabbii Isin biratti namni akkaan jaalatamaa Eenyu?” jedhee
gaafate. Rasuulli keenyas (Saw) Aishaa Jedhanii deebisaniif. “Yaa Ergamaa Rabbii Maatii keessan irraa osoo hin taane
namoota biraa irraa jechuu kiyya” jedheen. “Abbaa ishiiti” jedhaniin.

“Isatti aansee hoo” jedheen. “Umar bin Al Khaxxab” jedhaniin. “Isatti aansee hoo” jedheen Amri. Nabiyyiin keenya “Abalu abalu jechuun namoota jalqaba Islaamummaa fudhatan fi Namoota Islaamummaaf aarsaa guddaa kafalan maqaa dhawuu jalqaban” sadarkaa xumararratti ana dubbatan jedhee
waanin sodaadheef of irraan cal‟ise jedhe Amri.

Mee gadi ilaali akka haalaa fi amala gaariin Nabiyyiin keenya (saw) Onnee Amrii itti too‟achuu danda‟e. Haa ta‟uu malee
Nabiyyiin Rabbii (saw) Namootaaf akkuma sadarkaa isaanitti sadarkaa kennaniif.

Yeroo Ergamaan Rabbii (saw) biyyoota heddu banuu jalqabu (Futuhaata) garaagaraa yeroo banan Islaamummaan haalaan babl‟achuu jalqabe.

Ergamaan Rabbii Du‟aata hedduu gara gosoota adda addaatti erguudhaan gara Islaamummaatti isaan yaamuu jalqaban. Yoo Rakkoo isaan mudate furuuf humna waraanaa erguu turan.

Adiy bin Hatim Al Xayyi‟ii Mootii Ilma mootii ture. Nabiyyiin gara gosa isaatti yeroo waraana ergu inni gara biyya Sooriyaatti
baqatee kolu galtummaa gaafate.

Waraanni muslimaa injifannoof itti hin ulfaanne. Sababni Hoogganaa waraanaatis tahee Humni waraanaa kan qindaa‟es waan hin jirreef jecha ture.

Muslimoonni yeroo hunda Warreen Injifataman ni kabajan miira isaaniitis ni eeganiif. Kaayyoon waraanichaa rakkoo
Warri Adiy Muslimtoota irraan gahu hambisuuf kan kaayyeffatameedha.

Muslimoonni Gosa Adiy irraa nama haga tokko fuudhanii gara madiinaa deebi‟an. Isaan irraa takka obboleettii Adiy turte.

Adiy akka gara sooriyaa baqate Nabiyyitti himan. Nabiyyiinis (saw) dinqisiifatee Akkamitti amantii irraa dheessa? Akkamitti
Orma isaa dhiisee dheefa biyyaa baha? Jedhan.

Muslimoonni Adiy barbaadanis argachuu hin dandeenye. Adiyyiifis jireenyi Sooriyaa (shaam) isatti toluu hin dandeenye. Gara biyya Arabaatti deebi‟uuf dirqame.

Gara madiinaa dhufee Nabiyyii (saw) Qunnamee isaanii wajjiin nageenya uumuu yookaa walii galtee wahii irra gahuuf murate.
(Obboleettiitu Sooriyaa dhaqee achii isa fide Warri jedhus ni jira).

Adiy Seenaa tana hogguu dubbatu akkana jedha. “Araboota keessaa namni akka kiyyaa Nabiyyii (saw) jibbu hin jiru ture, Mootii kiristaanaatin ture. Waa‟ee Ergamaa Rabbii yeroon dhaga‟u Isaan tuffadheetin Ummata kiyyallee dhiisee gara Roomaa Qeesaritti baqadhe.

Haa ta‟uu malee achi turuun na jibbisiise. Mee gara Namticha sanii deemeetin dhugaa tahee soba tahee adda baafadha jedheetin yaade. Dhaquufis nin murteesse.

Yeroon an madiinaa gahu namoonni “Adiy bin Hatim, Adiy Bin Hatim ilaalaa Waliin jedhan.” Haaluma saniin Nabiyyii (saw) bira nan dhaqe. Isaanis “Adiy bin Hatimii ati” naan jedhan “Eeyyeen” jedheen.

Adiy bin Hatim kanaan dura muslimootaa wajjiin wal waraanaa turullee, Islaamummaa tuffatee dheefa gara biyya biraa baqatullee Nabiyyii (saw) dhufiinsa Isaatiif baay‟ee
gammadanii jiran.

Simaannaa hoo‟aa isaaf taasisan. Harka isaa qabanii gara mana isaanii deemaniin. Adiy Nabiyyii (saw) wajjiin hoggaa deemu
akka nabiyyiin (saw) waa takkaanuu isa hin caalle yaade.

Muhammad bulchiinsa madiinaa fi naannawa Madiinaa yoo tahu, Adiyyis Bulchiinsa gaara Xayyi‟ii fi naannawa ishiiti, Muhammad Hordofaa Amantii Samii irraa dhuftee Islaamaa yoo ta‟u, Adiyyis Hordofaa Amantii Samii irraa dhuftee Kiristaanaati.

Muhammad Qur‟aana kan jedhamu kitaaba kabajamaa yoo qabaates, Adiyyis Wangeela kan jedhamu kitaaba qulqulluu qaba. Saniifuu garaagarummaan nu lamaan jidduu jirtu guddina Humna waraanaa qofa jechuudhaan yaade.

Osoo karaa deemaa jiranii Waa sadiitu isaan qunname. Namtittiiin takka dhuftee “Yaa Ergamaa Rabbii! Gargaarsa Keessanin barbaada jettee iyyite. Nabiyyiinis gara ishii
deemee rakkoo ishii dhaggeeffachuu jalqabe. Adiyyi kan Seenaa moototaa fi hoggantootaa hedduu beeku Moototaa fi Ministeerotaa wajjiin wal dorgomsiisuu jalqabe.

Saniifuu amala akkanaa kan agarsiisan Mootota osoo hin taane Nabiyyoota tahuu yaade. Haajaa namtittiidhaa erga baasanii
raawwatanii booda Nabiyyiin (saw) gara Adiyyii deebi‟anii karaa isaanii itti fufan.

Xiqqo erga deemanii booda namtichi tokko isaanitti dhufee waa jedheen. Namtichi maal jedheen dhiiroo? Akkana jedhaa? “Yaa
Ergamaa Rabbii! Qabeenya bay‟een qaba. Haga tokko hiyyeeyyiif kannuun barbaada” ykn “Midhaan hedduun Oomisheetii maal haa godhu? Osoo jedheenii Adiy Muslimoonni haalaan sooreyyiidha jedhee yaada ture.

Haa ta‟uu malee gaafiin Namtichaa akkana jetti. “Yaa Ergamaa Rabbii! Beelaa fi Hiyyummaa na rakkise” Namtichi waan isaa
fi ilmaan isaa beela ittiin dandamatan dhabeeti.

Muslimoonni naannawa isaa jiranis humaa hin qaban. Isa gargaaruu hin dandeenye. Yeroo namtichi gaafii gaafatu Adiy ni dhagaha. Ergamaan Rabbii (saw) Namtichaaf deebisaa kennee karaa isaanii itti fufan.

Adiy waan arge kana of keessa oofuu jalqabe. Inninuu Hawaasa isaa keessatti kabajamaa ture. Ta‟ullee diina isa sodaachisu hin qabu ture. Namoonni hedduunis amantaa tana qabatanii jiran. Maaliif laaafoo fi hiyyeeyyii tahan ree? Mana
Nabiyyii Rabbii (saw) gahanii seenan.

Mana isaanii keessa kursii (teessoo) takka qofaatu jira. Nabiyyiiin (saw) Adiyyi kabajuudhaan taa‟i jedhaniin. Adiyyis “Lakkii isin taa‟aa” jedheen. Lakkii taa‟i ati jedhaniinii Adiyyis teessisan.

Nabiyyiin gufuu Adiyyii fi Islaamummaa jidduu jirtu caccabsuu jalqaban. Nabaiyyiin (saw) “Adiyyi Islaamawi, Nagaya baataa.” Jedhaniin.

Adiyyis “An Amantiin qaba” jedheen. Nabiyyiinis (saw) “Si caalaan waa‟ee amantii keetii beeka” jedhaniin. “Isin na caalaa
waa‟ee amantii kiyyaa beeytanii!?” jedheen.

“Ati Ar Rokuusiyyaadha mitii?” jedhaniin. Oogummaa akkanaa kan ittiin nama amansiisan qaban. Nabiyyiin (saw) Ati
kiristaanaa jechuurra Keessa seenanii Amantii san irraa iddoo inni qabu isaaf eeran.

Nama tokko Awrooppaatti wal agartanii “Maaliif kiristaana hin taane?” yoo siin jedhe “Ani amantiin qaba” jettaan. “Ati Muslimaa?” siin jechuurra “Hordofaa Mazhaba Shaafi‟iiti moo Hanbaliiti?” yoo siin jedhe namni kun waa‟ee Islaamummaa gadi fageenyaan beeka jechuu hubatta.

Kanuma kan Nabiyyiin godhanis. “Ati Ar Rokuusiyyaa turtee mitii?” Ee ani Ar Rokuusiidha jedhee deebiseef. “Boojuu ormi
kee argate irraa tokko afraffaa siitu fudhataa mitii? Jedhaniin. Eeyyee jedheen.

“Amantiin kee garuu kana hin hayyamu” jedheen. Adiyyi qaanfataa eeyyee jedheen. “Waan akka ati Islaamummaa fudhachuu si dhoorku nan beeka jedhaniin.

Namicha kana namoonni hordofan dadhabdoota, Miidhamtootaa fi Araboota tuffatamoo jetteeti. Waa‟ee Hiiraa
(Magaalaa Iraaq keessatti argamtu) Dhageessee? Jedhaniin “Dhaqee beekuullee baadhu garuu dhageheetin jira.

Rabbiin lubbuun tiyya isaa harka jirtuunin kakadha Rabbiin diin kana galmaan gaha. Intalli dubaraa takka hajjii godhuuf jecha kophaa ishii osoo humaa hin sodaanne Hiiraa kaatee Makka dhufuuf teessi.

Akkas jechuun isaanii gaaf tokko diin kun jabaatee Mahrama malee dubartiin Hiiraa kaatee makkatti imaluuf teessi jechuu
isaaniiti.

Gosootaa fi shanyii adda addaa bira dabartee osoo nama ishii miidhu yookaa qabeenya ishii kan ishii jalaa saamuuf yaalu
tokkolleen ishii hin qunnamin makka dhayxi jechuu isaaniiti.

Kun kan ta‟uuf humni muslimootaa waan jabaatee jiruuf Kaafirtoonni muslimoota ni sodaatu. Sababni muslimoonni maalif tuqamne jedhanii waliin tahanii nurratti duulan ja‟anii waan sodaataniif.

Adiy dubbii sammuu isaa keessa olii gad oofuu jalqabe. Intalti dhalaa kophaa ishii Iraaqii kaatee yeroo makka dheyxu jechuun
naannoo baharaa kutaa kaabaa kanaa kaatee lafa ummanni isaa jiraatu gaara Xayyi‟ii dabartee yeroo makka seentu yaaduu jalqabe. Shiftoonni nuu fi namoota biraa karaa kanatti shoorarkeessan eessa deeman? Jedhe.

Qabeenya Kisraa ilma Hurmuz siitu dhaaluuf taa‟a jedhaniin.Qabeenya ilma Hurmuz moo? Jedheen Adiy. Eeyyee kisraa ilma Hurmuz. Qabeenya san guutuu karaa Rabbii keessatti kannuuf teessa.

Yoo Rabbiin Umrii si dheeresse Nama warqii fi qarshii harkatti qabatee eenyuufin kanna jedhee gaafatu kan hiyyeessa isa irraa fudhatu dhabu arguuf jirta.

Qabeenyi akkaan baay‟atee Sooreyyiin nama sadaqaa itti kennan barbaadanii hiyyeessa irraa fudhatu yeroo dhabantu dhufa.

Achiin booda Nabiyyiin (Saw) guyyaa qiyaamaa yaadachuun adiyyi akeekkachiisuu jalqaban. Guyyaa qiyaamaa namni cufti tokkoon tokkoon turjumaana tokko malee Rabbi qunnama.

Yoo gara mirgaa gara gale jahannam malee hin argu yoo bitatti gara gales jahannam malee hin argu jedheen. Adiy yaaduu itti
fufe. Isaanis Allahaan tokko tahuu, Muhammad ergamaa isaa tahuu ragaa bahuu irraa maaltu si dhoorga jedhaniin? Rabbii isa caalu beeytaa?

Adiyyis “Wanni na dhoorgu hin jiru. Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad Ergamaa isaati jedhe.
Ergamaa Rabbii (saw) fuulli isaanii ife.

Adiy bin Haatim yeroo dheertuu booda akkana jedha. “Intalti dhalaa takka gaala yaabbattee Allaaha malee nama tokko osoo
hin sodaatin hiraa kaatee Hajjii godhuuf makka yeroo dhuftu argeetin jira.

Qabeenya qeesar bin hurmuz warri bane keessaa tokko ana. Rabbii lubbuun tiyya harka isaa jirtuunin kakadha Dubbiin sadaffaa sunis ta‟uuf teessi. Sababni isaatis Ergamaan Rabbii himanii jiran waan te‟eef (Muslim).

Nabiyyiin (Saw) haala kamiin Adiyyi akka itti qaban yaadi. Simannaa akkamii akka godhaaniif, Shakkii takka malee Adiy
simannaa isaanii saniif gammadee jira.

Haalli gaariin isaanii Adiy akka islaamawu akkamitti akka godhe ilaali. Oogummaa akkanaa kana namoota irratti osoo hojirra oolchinee Onnee isaanii bifa ajaa‟ibaatiin qabuu dandeenya.

Barnoota…
Abshaalummaa fi oogummaa namaa wajjiin waliif galuun kaayyoo keenya galmaan gahuu ni dandeenya.

Leave a Comment

Shopping Cart