Akaakoon kiyya Makmaaksa dur tokko natti himuu ture. “Nama re‟ee dhalaa isaa dantaa dhabe, Korbeessa qabdee itti dhuftii” dubartiin fedha ishiin barbaaddu hin guutaminiif Gurbaa biraa kan ishii yaadeef hayyama ishii agarsiifti jechuudha.
Dubbii ijoon makmaaksa kanaa dhalaa fi dhiira re‟ee dhalaatii fi re‟ee dhiiraatiin wal fakkeessuu qofaa miti. Dhalaa fi dhiirti waahila jireenyaati. Rabbiin dhiiraaf qaama
jabaa hoggaa kennu dhalaaf fedhii jabaa kenne. Yeroo hedduu jeynootaa fi hooggantoota gurguddaalleen osoo hin hafin Qaruuxummaa dhalaan qabdu yeroo dhaban agarra.
Intala dhalaa Oogummaan itti dhihaachuudhaaf Qulfii fedha ishii beekuun barbaachisaadha. Nabiyyiin (saw) dhiironni
dubartootaa wajjiin gammachuun jiraachuuf jecha shamarran gara laafinaan qabuu fi Miira Isaaniitiif bakka qabaachuu irraa
gorsuu turan. Abboottiin intala dhalaa isaaniitiif akka garaa laafan ajajanii turan.
“Namni intala dhalaa lama tajaajilee guddise. Anaa fi inni Guyyaa Murtii akkana” jechuudhaan quba lamaan isaanii ol qabanii agarsiisan. Akkasumatti Dhiironni Haadha isaanii akka tajaajilan gorsanii jiran.
Eenyun kabajuu qaba jedhamanii yeroo gaafatamanillee Harmee tee: Harmee tee; Harmee tee: san booda Abbaa kee
jechuudhaan deebisaniif. (Bukhari fi Muslim).
Haaluma wal fakkaatuun Jaarsonni haadha manaa isaanii akka tajaajiluu qaban gorsanii jiran. Warreen haadha manaa isaanii
rifachiisanii fi miidhan ammoo komatanii jiran.
Xumura irratti ammoo gaafa Hajjii dhaammannaa ture „gurraachaa fi adiilleen, Manguddoo fi dargaggeessi, Sooressaa
fi Hiyyeessi bakka argamanitti Hujjaajota Kuma dhibba fuul duratti haasawa godhan dubbisi. “Jaartii (haadha manaa) teessan haala gaariin qabaa.” (Muslim)
Gaaf tokko Shamarran hangi tokko miidhaa abbaan manaa isaanii isaan irraan gahe himachuuf walitti qabamanii Warra Nabii Rabbii (saw) bira dhufan.
Nabiyyiin (saw) oduu tana yoo dhagahu namoota jidduu dhaabbatanii akkana jechuun dubbatan. “Shamarran hangi tokko Abbaa manaa Isaaniitiin hiraarfamanii Warra Nabii (saw) bira dhufan. Jaarsonni (abbaan manaa) akkasii sun isin keessatti warra gaggaarii miti.” (Abu Daawud)
“Isin irraa Irra – gaariin keessan warreen maatii isaanitiif gaarii ta‟aniidha. Ani Warra Kiyyaaf gaariidha.” (Tirmizii). Amantiin
Islaamaa Shamarraniif Kabajaa guddaa kennee jira. Dubartootaaf jedhamee lolli labsamee jira, Foon ilmi namaa muramee jira, Sammuun facaatee jirti.
Yahuudonni Madiinaa keessatti muslimootaa wajjiin ollaa ta‟anii jiraachaa turan. Isaan Allahaan ajaja Hijaabaa gaafa buusu booda dubartoonni muslimaa haguuggachuu hin jaalanne. Sababa saniif Firii jibbansaa nama keessatti habaqaaluudhaan akka isaan qullaa deemaniif yahuudonni yaalaa turan. Haa ta‟uu maleen isaaniif hin milkoofne.
Gaaf tokko Intalti Muslimaa takka Gara magaalaa yahuudotaa warra banii qeeynunaa deemte. Intala gaarii turte. Meeshaalee faayaa ilaaluuf dukkaana tokkotti meyxe.
Yahuudonni yeroo ishii argan akkaataa uffannaa ishiitti dallanan. Ishii xiqqeessuu fi maqaa balleessuuf yaaluu barbaadan.
Hijaaba ishii irraa fuudhuuf fuula ishii irraa banuuf yaalan. Garuu ishiin isaaniif hin hayyamne.
Abbaan dukkaanaa osoo ishiin ofirraa hin argin duubaa fiixa qamisa ishiitii fi hijaaba ishii walitti hidhe. Yeroo ishiin dhaabbattu qaama ishii irraa uffanni banamte.
Yahuudonni itti kofluu jalqaban. Intalti baay‟ee booche. Qaama kiyya kana qullaa dhaabuu irra osoo ana ajjeesanii jechaa du‟a
hawwuu jalqabde.
Ishii akkatti jirtu kana gurbaan muslimaa tokko argee dallanee meeshaa Waraanaa baafatee abbaa dukkaanaa san ajjeese.
Yahuudonn kuun wal irratti duulanii gurbaa kana ajjeesan.
Ergamaan Rabbii (saw) yeroo oduu tana dhaga‟u yahuudonni sababaa intala tana xiqqeessuu yaalaniif jecha Walii galtee nuu
wajjiin qaban diiganii jiran jechuudhaan hanga isaan harka kannanii murtii teenyaaf qaalii godhaniitti jedhanii Isaaniin marsan. Kabajaa intala tanaatiif jecha, gocha fokkotaa raawwataniif isaan adabuuf murteessan.
Garaa fi fedhiin isaanii hin hir‟atin malee kabajaan intala muslimaa tun hir‟atuun warri isaan hin yaachifne Hordofaan sheeyxaanaa tokko lafaa ka‟e.
Itti gaafatamaa munaafiqootaa kan te‟e Abdellah bin Ubey bin Saluul,“Yaa Muhammad Jaalawwan kiyyaaf irra
dabri/Araaramiif” jedhe. Wanni kana dubbateef Osoo Ergmaaan Rabbii (saw) hin ergamin dura Zabana jaahiliyyaa waan jaalawwan walii turaniifi.
Nabiin (saw) “Yaada kana waan hin jaalatiniif irraa garagalan. Mu‟imintoota xiqqeessuu warra barbaadaniif akkamitti
dhiifama godhuu danda‟u? Munaafiqtichi itti deebi‟ee “Yaa Muhammad! Jaalawwan kiyyaaf irra dabari.” Jedheen.
Nabiyyiin (saw) ammallee kabajaa intala gaarii sanii caalchisuudhaan munaafiqticha irraa garagalan. Munaafiqtichi ni dallane. Kiisha qamisa isaanii qabee harkisaa “Jaalawwan kiyyaaf irra dabri, Jaalawwan kiyyaaf irra dabri” jechuu itti fufe.
Nabiyyiin (saw) dallananii “na gad dhiisi” jedhaniin. Munaafiqtichi Rasuula gadhiisuu mannaa Akka adaba isaan irratti hin murteessineef kadhachuu itti fufe.
Rasuulli (saw) isatti garagalee ammas ni jedheen. “Isaan jaalawwan Keeti, San booda hoo?” jedheenii jara adabuu dhiise (irraa oole). Haa ta‟uu malee Madiinaa keessaa isaa baasuun isaan adabe. Eeyyee kun hundi kabajaa dubartii muslimaatiin maluudha!
Khawlaa bintu Sa‟alabaan sahaabota gaggaarii Nabiyyii (saw) keessaa tokko turte. Abbaan manaa ishii Awsi bin Al Samit
Manguddoo ta jirtuu fi tan jirreen ishii waqasu ture. Gaafa tokko alaa dhufee dubbii wahii itti hime.
Ishiinis deebii gaarii hin deebisneef. Achiin booda dallanee “Arraan booda ati anaaf akka duyda kiyyaati” jedheenii biraa bahe. Zabana jaahiliyyaa san keessatti jechoonni akkanaa akka „si hiike‟ jechuutti itti fayyadamama. Islaamummaa keessatti
garuu hin hojjatu.
Khawlaanis wa‟ee kanaa irratti Murteen Islaamummaa waan te‟e hin beeytu. Khawlaan yeroo Aws manatti deebi‟u “Rabbii lubbuun tiyya harka isaa jirtuunin kakadha hanga Ergmaan Rabbii (saw) murtii kennutti erga jecha san naan jettee booda natti dhihaachuu siif hin hayyamu” jetteen.
San booda Nabiyyii (saw) bira deemuudhaan rakkoo abbaan manaa ishii isii irraan gahu isaanitti himte. Nabiyyiin (saw) tasgabbeessanii akkana jechuudhaan ishii gorsan.
“Inni ilma haboo teetiiti, akkasumaa wajjiinuu mangoddoodha. Isa irratti Rabbi sodaadhu” jedhaniin.
Ishiinis “Yaa Ergamaa Rabbii! Anaa dubraati na fuudhe. Boorcee kan natti be‟eef sababa ulfaati. Amma ammoo an dulloome dhala dhiifnaan na hiike. Yaa Allaah kiyya an sittiin himadha!”jette.
Nabiyyiin (saw) haasawa ishii erga dhaggeeffatan booddee Rabbiin wa‟ee ishii irratti akka ragaa buusu eegan. Yeruma san jibriil dhufee aayata wa‟ee kanaa murtee kennitu Nabiyyiitti (saw) buuse.
“Yaa Khawlaa! Rabbiin waa‟ee siifi jaarsa keetii ilaalchisee Qur‟aana buuse.” Jedhaniin.
“Dhugumatti Rabbiin jecha ishii waa‟ee abbaa manaa ishii keessatti siin wal falmituu fi gara Rabbiitti himannaa
dhiheeffattuu dhaga‟ee jira. Rabbiinis falmii keessan lamaan ni dhagaya. dhugumatti Rabbiin dhagayaa, argaadha.” Jechuudhaan Aayatoota suuraa mujaadilaa keessaa kan
jalqabaa dubbisaniif.
Akka inni (abbaan manaa kee) gabra tokko bilisoomsu himiif jedhaniin. “Yaa Ergamaa Rabbii! Gabra bilisoomsu hin qabu” jetteen. “Walitti dhaabee akka baatii lama soomanu itti himi” jedhaniin. Yaa Ergamaa Rabbi! Manguddoo waan te‟eef danda‟ee soomanuuf hin tolu jetteen.
Hiyyeessa 60 f Wasqii tokko (160kg) timira haa kennuu” jedhaniin. Yaa Ergamaa Rabbii timira dila kanallee hin qabu jetteen. Ergamaan Rabbiitis “Timira hanga tokko nuutu kennaaf” jedhaniin.
Ishiinis “Anis Timira hanga tokko nan kannaaf” jette. Nabiyyiinis (saw) kun siif gaariidha jedhaniin. Deemiiti akka isaa ta‟ii sadaqaaf kenni, akkasumatti ilma haboo teetii jajjabeessi (tajaajili).” Jedhaniin (Ahmad).
Ergamaa Rabbiitiif haala gararree rakkoo ilmaan namaa ittiin furu Rabbii kanneefiif galanni haa ga‟u. Anummaanuu of irraa jalqabee haadha tiyyaa fi obboleettii tiyya akkasumatti haadha manaa tiyya irratti ammaas intala tiyyarratti Abshaalummaa fi oogummaa jaalalaatiin bu‟aa argadheetin jira. Nama ofii kabajaa qabuutu dubartoota kabaja. Nama ofii isaatiif salphataa malee
namni dubartoota salphisu hin jiru.
Qabxii yaadannoo…
Jaartiin miskiinummaa jaarsaa, bifa fokkina isaa, hojiin shaakalamuu isaa obsuu dandeessi garuu amala badoommina obsuu hin dandeessu.