Waan hunda keessatti nama dhugaa taatee yoo jiraatte, karaan gama kaayyoo teetii itti geessu siif laaffata. Jireenyi dhugaan keessaa bade nama jibbisiisa, gammachuutu keessaa baqata.
Barbaachisummaan dhugaan jireenya keessatti qabu barbaachisummaa nyaataa caalaa bakka qaba. Dhugaan maali?
- Dhugaan wantoota uumama keessatti argaman keessaa waan akkaan barbaachisaa fi irra qaalii taheedha!
- Dhugaan tasgabbii qalbiiti!
- Dhugaan gammachuu jireenyaati!
- Dhugaan mallattoo mu’umina dhugaati!
- Dhugaan hawwii hawaasaati!
- Dhugaan furmaata dhala namaati!
Ganda lamaanittuu nama milkaawaa tahuuf:
- Rabbii kee wajji dhugaan jiraadhu!
- Lubbuu tee wajji dhugaan jiraadhu!
- Hariiroo fi jireenya namaa wajjii keessattiis dhugaan sirraa adda hin bahin!
- Kaayyoo tee keessatti dhugaarratti hundaa’i!
- Ilaalchi keetiis dhugaa bu’ura godhachuu qaba!
- Hifannaa fi dadhabbiis tahee waan biraatiin hojii silaa amma hojjachuu qabdu borutti, ta torban kanaa torban dhufutti dabarsuudhaan lubbuu tee hin sobin!
- Rakkina jireenya keessatti si qunname duraa hanga feete baqattuus duraa hin baatu! Fuul dura isaa dhaabbadhuu hanga dandeessetti dhiibbaa godhuu fi jijjiiruuf yaali! Waan jijjiiruun hin danda’amne yoo tahe ammoo qeebalii akkaataa wajji itti jiraachuu dandeessu fala kaayi!
- Yeroo hunda if sobaa hin jiraatin!
- Lubbuu teetiis tahu dhugaa jiru itti himtee, waan godhuu qabdu karoorfattee, Rabbii keetiin gargaarsifattee jijjiiramuuf tattaaffii barbaachisu godhuutu waa hundaaf furmaata!
- Boru, iftaan, jimmata dhufurraa, waggaa haariyarraa hin ja’in! Arrumarraa dhukkee if hifaataa hurgufadhuu ofirraa dhadhawii lafaa ka’i! Tarkaanfii jalqabi!
- Rabbii kee qabattee hayyama isaatiin waan fedheehuu galmaan gahuu ni dandeessa!
Namaa gad taasisee Rabbiin si hin uumne, of hin tuffatin! Ammoo yoomiyyuu dhugaadhaan adda hin bahin!!!