Tuji Mussa

Aliyyi Ibnu Abi Xaalib

Kutaa 4ffaa Aliyyi haqaa fi wal qixxummaa dalaguun isaa muslimtoota qofa osoo hin taane, ilma namaa hunda birratti amala gaariifii nama dinqisiisaa ta’een kaafira qalbii jaraa bitee gara islaamummaatti seensisu ta’e. Yeroo tokko Aliyyiin jalaa koombortaan badde. Kobortaa isaa kana gurbaa diin nasaaraa qabu tokko magaalaa keessatti kan gurguratu harkatti qabee “kiyya.” jedheen. Nasaartichis “kiyya.” […]

Aliyyi Ibnu Abi Xaalib Read More »

Aliyyi Ibnu Abi Xaalib

Kutaa 3ffaa Duula Tabuuk Erga Rabbiin muslimoota injifannoo fatihii Makkaatiin gamachisee, ummanni Rum muslimootatti duuluuf qophaawan. Rasuulli s.a.w kana dhageenyaan “inuumaayyuu jarrii hindhuftu, nutu dhaqee lolaan.” jedhee waraana kurfeesse. Guyyaa kana garuu goota islaamaa duula hundarrattii hirmaatu, kan yeroo garii alaabaa islaamaa ittii kennuun, yeroo garii immo; gootota mushrikaa tokkoo kumaan lakkahaman haa ajjeesuuf durattii

Aliyyi Ibnu Abi Xaalib Read More »

Aliyyi Ibnu Abi Xaalib

Kutaa 2ffaa Obbolummaa Jidduu Muhaajiraa fi Ansaaraa Rasuulli s.a.w akkuma Madiinaa seeneen, Masjiida eega jaaree wanti inni dura raawwate; obbolummaa islaamummaa jidduu muhaajiraa fi Ansaaraa tokkichummaa Rabbii irratti tokko godhee walitti hidhe. Aliyyi qofa malee. Wanti inni san godheefis; Aliyyiin obboleessa addunyaa fi akiraa godhee waan ofii qabateefi. Jaalala kanaas osoo wanta addunyaa keessa jiru

Aliyyi Ibnu Abi Xaalib Read More »

Aliyyi Ibnu Abi Xaalib

Kutaa 1ffaa Seensa seenaa aliyyi ibnu abi xaalib Seenaa leenca injifataa ta’ee Aliyyii binu Abii Xaalib haasawuuf deemna. Aliyyi dura nama ijoollee irraa islaamaweetti. Guddina ijoollummaa isaa keessaatti mana Nabi Muhammad s.a.w keessatti guddifame. Guyyaa Rasuulli s.a.w godaansa ykn hijraa gara Madiinaatti godhan, kan firaasha isaanii irra ciisee argameedha. Kan inatala Nabi Muhaammad s.a.w Faaximaa

Aliyyi Ibnu Abi Xaalib Read More »

Usmaan Ibnu Affaan

Kutaa 6ffaa Walitti Qabiinsa Qur’aanaa Dachiin muslimaa babal’annaan hedduminni muslimas dabale. Sababa kanaan qaraatiin qur’aanaa garaagarummaa uummachuu eegale. Namoonni muslimaa cufti akka afaan isaanitittii qara’uun dhufte. Haala kana kan qalbise Huzeeyfaan Binu yaman wanni kun garaa isa nyaannaan, Lola biyya Azar bijaani fi Armaaniyaa irratti qooda fudhachuuf kan biyya Iiraaq jiru achii ka’ee Usmaanitti dhaquun

Usmaan Ibnu Affaan Read More »

Usmaan Ibnu Affaan

Kutaa 5ffaa Sodaa Qabaachuu Usmaan Usmaan hanga areenni isaa jiidhutti kan booyu ture. Waa’ee qabrii yeroo dhagahu. Sahaabonni haala isaa kana qalbisanii waa’een kun isaan dhibee maaliif yeroo waa’een jannataa dubbatamu maalif hin boonye, yeroo waa’een qabrii dubbatame akkasitti cinqamtee boocha ja’anii sababa isaa gaafatan. Usmaanis erga dubbii Rasuulaa s.a.w dhagahe ‘Qabriin dura mana aakhiraati.

Usmaan Ibnu Affaan Read More »

Usmaan Ibnu Affaan

Kutaa 4ffaa Usmaan gara namticha yahuudaa deemuudhaan akka eela itti isaaf gurguru gaafate. Namtichi garuu akka guyyaa tokko tokko waraabachuu danda’anitti malee akka itti hin gurgurre itti hime. Filmaatni biraa waan hin jirreef yaada namticha yahuudaatin walii galuun, Maallaqa yeroo sanii kuma kudha lamaan bite. Ummanni Madiinaa yeroo usmaan waraabbatu manatti kuufachaa turan guyya  yahuudichaa

Usmaan Ibnu Affaan Read More »

Usmaan Ibnu Affaan

Kutaa 3ffaa Godaansa Biyya Habashaa Usmaan sababaa islaamahuu irraa kan ka’e, ummanni Qureeyshii balaaleffannaa, jibbaa fi dararaa irraan gahaa turan itti hammessan. Haalli kun sahaaboota hundarrattuu waan jabaateef Nabi Muhammad s.a.w akka gara biyya habashaatti baqatan heyyama godheef. Biyyi Habashaa yeroo sanitti mooticha Najjaashii ja’amuun bulaa turte. Najjaashii bulchiinsi isaa kan nageenyaa waan tureef, Biyyi

Usmaan Ibnu Affaan Read More »

Usmaan Ibnu Affaan

Kutaa 2ffaa Wanni haboon (Adaadaan) isaa itti himte tun mul’ataas ta’u hedduu isa gammachiise. Eegasirraa kaasee mul’ata ykn oduu haboon (adaadaan) isaa: isaaf himte tana sammuu keessa of deddebisaa ooluun hojii isaa tan halkanii fi guyyaa ta’e. Mul’ata ykn oduu haboon isaa himteef tanaas sammuu isaa keessatti qabatee cal’isuu hin dandeenye. Gara Hiriyyaa ykn jaalallee

Usmaan Ibnu Affaan Read More »

Usmaan Ibnu Affaan

Kutaa 1ffaa Bara mootiin sanyii Habashaa kan biyya yaman bulchaa ture. Duula ka’abaa diiguuf Arba fe’atee dhufe. Ergamaan Rabbii nabi Muhammad s.a.w dhalatanii, Usmaan isaan booda ykn bara Arbaa booda amata jaha turee dhalate. Usmaan haala gaarii irratti guddate. Takkaa siidaa ykn taabotaaf sujuudee, gadi godhate (fogodee) hin beeku. Farshoo ykn dhugaatii sammuu hadoochu takkallee

Usmaan Ibnu Affaan Read More »

Shopping Cart