Aliyyi Ibnu Abi Xaalib

Kutaa 4ffaa

Aliyyi haqaa fi wal qixxummaa dalaguun isaa muslimtoota qofa osoo hin taane, ilma namaa hunda birratti amala gaariifii nama dinqisiisaa ta’een kaafira qalbii jaraa bitee gara islaamummaatti seensisu ta’e.

Yeroo tokko Aliyyiin jalaa koombortaan badde. Kobortaa isaa kana gurbaa diin nasaaraa qabu tokko magaalaa keessatti kan gurguratu harkatti qabee “kiyya.” jedheen. Nasaartichis “kiyya.” jedheenii mormachuu eegale. Sababa kanaaf lameenuu gara mana murtiitti deeman.

Abban murtii kan Shureeymi jedhamu Aliyyiin ragaa yoo qabaate fidatee akka dhufu ajaje. Innis ilma isaa fidatee dhufe. Abban murtis “ilmi abbaadhaa ragaa tahuu hin dandahu.” jedhen. “Inni ilma kiyya kan Rasuuli s.a.w shabaaba jannataa tahuu himani. Akkam ragaa tahu hin dandenne?.” jennaan “shabaaba jannataa ta’us ana biratti ilmi abbaadhaa ragaa bahuu hin danda’u.” jedhen. Aliyyis kun haqa kiyya jedhee hindinne murtii abbaan murtii murteesseef ni fudhate. Ani mootiidha! isarra humna qaba jedhee, dirquun irra fudhachuu hin yaalle.

Nasaartichis haala Aliyyi dinqisiifatee, islaamummaa malee kan amala akkanati nama tolchu; mootii fi harka qalleyyii wal qixxessu kan hin jierre tahuu hubatee gara islaamummaa seene. Aliyyi kalattiin islaamummatti nama waamuu qofaan; osoo hin taane, Al-kallattin bareedina amala isaatiin islaamummatti nama waamaa turan.

Du’a Aliyyii

Jalqaba bulchinsa isaa keesatii yeroo muraasa booda mokkortiin ummata islaamaatti buuteen, guddaafii xiqqaan akkasuma dhalaa fi dhiira osoo hin jenne lolli dhiigni muslimaa keessatti dhangala’e argame. Sababa munaafiqtoonni Usmaaniin ajjeefteef, ummanni muslimaa yaada lamatti wal qooduun wal morman. Yaanni tokko erga dhiiga Usmaan haloo baanee booda bulchaa filanna kanjedhuufii inni lammataa immo bulchaa filannee humana muslimaa galma tokkoo keessaatti walitti gurmeesinee booda haloo Usmaan bahanna kan jedhu ture.

Yeroo kana warri Usmaaniin ajjeese durumaa jibbiinsa tokkummaa islaamaatiifi jibbiinsa islaamaa irraa kan ka’eef ammas mala malachuu eegalan. Dubbii hfarsuun jidduu muslimaatti akka ibidda citatti qabatee safisiisan Umata muslimaas yaada lamatti wal qoode, walitti buusan. Lola kana keessatti nama kuma (70,000) torbaatamaa ol kan ta’utu dhume. Lolli kunis lola Saffiinaa ykn duula kormaa Gaalaa jedhamuun beekama.

Haa tahuu garuu Aliyyi lola kana akka Roobnii ibidda dhaamsutti erga waldhabbii muslimaa dhaamsee booda ummanni muslimaa nagaafii tasgabbii argate. Akka yeroo angoo Usmaan, Umariifii Abbaa Bakriititti waa cufa irraa quufee bule.

Haa tahuu garuu munaafqitoonni fi warrootni Usmaan ajeesan ammas hin rafne. Hamma ummatni muslimaa bulchaa malee jiraatu barbaadan.

Kanaaf jecha Amiira mu’umintootaa Aliyyin Madiinatti, Mu’aawiyaa bulchaa Shaam Shaamitti, akkasuma Amri ibnu Aasii bulcha Masrii Masrittii sadiinuu halkan tokko keessatti ajjesuf qophaahan. mala baafatan kanas raawwachuf; hijraa irraa bara afurtamatti (40) ji’a Ramadaanaa bultii kudha torbatti (17) guyyaa Jimaataa sadeenuu al tokkotti ajjesuf qophaahan. Rabbiin garuu guyyaa Mu’aawiyaa fii Amri ibn Aasii hingeesine. Aliyyin garuu isaa salaata Fajriitif ummata walitti waamuf deemu, munaafiqtichi Abdurahmaan binu Muljim jedhamu seeyfiin mataa isaa rukute. Aliyyi rukutamee jennaan “لا إله إلا الله فزت ورب الكعبة” jechaaa ture. Hikkaan isaas “haqaan gabbarammaan hin jiruu Rabbiin malee, ani milkaawee Rabbii Ka’baatiitti kakadhee!.”

Namootni sagalee isaa dhagahanii gamaa isaa ori’an. Battalumatti Aliyyiin iddoo inni itti kufe irraa kaasanii namticha isa dhahes Abdurahmaan binu Muljim kan jedhamu qabanii Aliyyiin baadhatanii gara manaa geessan. Aliyyis akka ummanni deemee salaatu ajaje.

Jarris salaatanii munafiqtichas qabanii gara isaatti geessaan. Eega gaggabsuu sirritti bayfatee, ijoollee isaa Hasanii fi Huseenin akkasuma warroota isaa waamun “tola itti oolaa. Qubsuma isaa tolchaa. Yoo ani lubbuun jiraadhe dhiiga kiyya dhiisuu fi kaffalatuu anatu murteefata. Yoo ani du’es isuma qofa ajjeesaa. Naan dhaqqabsiisaa nama biraa hin ajjeesinaa. Rabbin warroota daangaa dabran hin jaalatu.” Haala kanaan gootni islaamaa kan Rasulli s.a.w jannataan gammachise, abbaan shabaabota lameen jannataa, jalalleen Rasuulla s.a.w addunyarraa boqate. Hirriba dhuma hin qabne rafe. Rabbiin isaafi fakkaatota isaatis jannatatti wal nuhaa agarsisu….Xumuramee jira.

Leave a Comment

Shopping Cart