Kutaa 3ffaa
Duula Tabuuk
Erga Rabbiin muslimoota injifannoo fatihii Makkaatiin gamachisee, ummanni Rum muslimootatti duuluuf qophaawan. Rasuulli s.a.w kana dhageenyaan “inuumaayyuu jarrii hindhuftu, nutu dhaqee lolaan.” jedhee waraana kurfeesse. Guyyaa kana garuu goota islaamaa duula hundarrattii hirmaatu, kan yeroo garii alaabaa islaamaa ittii kennuun, yeroo garii immo; gootota mushrikaa tokkoo kumaan lakkahaman haa ajjeesuuf durattii baasun itti fayyadamu kana duula kana keessattii hirmaachisuu irra Madiinaa warra isaa biratti bakka buufatee deemuu fedhe. Munaafiqtoonnis jaalala Rasuullii s.a.w Aliyyif qabu waan beekaniif akka hamtuun isa hin dhaqqabneef manatti isa dhiisa jechuun oduu [Eeybessuu] eegalan. Oduun tun gurra Aliyyii buunaan battalumatti duularratti hirmaatuuf fiigee Rasuula s.a.w dhaqqabee, “dubartiifi ijoollee wajjiin nagattee deemtaa?.” Jedheen. Rasuullis s.a.w dubbii mi’ooftuu tan muslimni tookkollee osoo waan fedhe dalagee argachuu hin dandeenne, tan hamma luubbuun qaama keessa jirtu hindaganne akkana jedhee himeef. “yaa Aliyyi koo ati narraa ta’uu hinfeetuu? Sadarkaa Haaruun Muussaa biratti tahe. Garuu ana booda nabiyyiin biraa hinjiru malee.” jedheen.
Yeroo kana Aliyyis seenaa Muusaa fi Haaruun; guyyaa Musaan baallama Rabbii isaa guutuf, Haaruniin ummata iisaatti dhiifate deeme san akkuma yaadeateen gammachuun gara Rasuulli s.a.w isa dhiifatanitti deebi’e.
Gahee Aliyyii du’a Rasuulaa s.a.w Booda
Guyyaan geettee Muhammad s.a.w gara irraa argame, kan nu hunduu itti deemuuf deemnutti deeme. Yeroo kana jaalalleedhan isaatti guyyaan dukkanaahe. Keesumaayyuu Aliyyi kan akka abbaa ta’ee isa guddise, kan dukkana jaahilummaa irraa jaalalaan harka qabee gara ifaa islaamaatti yaamen, Barsiisaa, abbaa ifaa, obboleessa karaa islaamummaa kan jaalalarraa hintala akka lubbuu ofiitti jaalatu kaadhimeef, Nabiyyii waa cufaa san dhabuun; gadda imimmaan jigusuun hin ibsine, kan onnee isaa ciccirte gadde. Rasuulli s.a.w Aliyyi abdii guddaa irra kaahun waraana duura buusee isa ergu, yaamicha karaa islaamaa haa babal’isuuf dura bu’aa godhee gara Yamanitti erguun, kan ummanni Yaman harka isaa irratti amane, Aliyyi aklaaqaa fii beekkumsa Rasuula s.a.w irraa qabsiifatullee, ajaja Rasuulli s.a.w kenneef hundaa dirqma bahullee, dheebuu Rasuulaaf qabu hin baane.
Rasuulli s.a.w darbinaan Aliyyi akka warra diin irraa gargalanii ulaagaalee islaamaa hir’isuu ykn ergamaan hin jiru jedhee islaamummaa tajaajiluu irraa duubattti hin deebine. Inumaayyu Abbaa Bakarii wajjiin warra diin irraa gargalan hamma islaamummatti deebisanitti lole.
Akkasuma gaafa angoo Umar Binu kaxxaab keessattis, warroota isatti irra dhihoo ta’anii amaanaa Rasuulaa s.a.w bakkaan gahuuf halkanii guyyaa carraaqan keessaa isa tokkoodha. Hamma Umar yeroo Madiinaa dhiisee deemu bakka bu’aa isa godhatee deemu gahe. Sahaabdonnis beekkumsa Aliyyi qabuu fi aklaaqa isaa waan beekaniif bakka guddaa kennaafi turan. Keesssumayyu Umar akkana jedhaanii ture; “osoo Aliyyi jiraachuu baatee, mootummaan Umar garagalte!.” Kana qofas osoo hin taane “bakka Aliyyi hin jirree jiraachuu irraa ni maganfadha.”! jedhaanii ture.
Erga Umar ajjefamee Usmaan mottummaaf filatame. Aliyyis Usmaanin beellamuu irratti dura bu’aa ture.
Waanyoon yeroo kamuu muslimtootaa hin raftu. Ammas akkuma Umariin ajjeesan Usmaaninis aajjeesuf mushriktoonnii qophaahanii jennaan. Aliyyi guyyaa sanis goorsaan yaalii godhee deebisuu dadhabnaan, akkuma Rasuula s.a.w hamtuu irraa tiksaa ture, bulchitoota islaamaas tiiksu irraa of hin qusanne. Kanaaf mushriktootaan loluuf Usmaanin eyyama kadhateen. Usmaan dinnaan ijoollee isaa Hasanii fi Huseeniin ganda isaa akka eegan ajaje. Wanti Rabbi murteessee garuu namni nama tiikseef waan hin hafneef Usmaan ni ajjeefame.
Aliyyi Mootummaaf Filatamuu
Usmaan ajjeefamnaan Madiinaan nageenyi isii boorahee, ummanni muslimaas bulchaa malee hafe. Kanaafis nama nagaa isii deebisuu fi ummata ishee bulchu barbaacha, ummanni muslimaa mala maluu eegalan. Cinqii isii kana keessaa nama baasu; kan Aliyyiin caalu tokkollee waan hin agriniif isuma filataniin. Inni garuu bulchaa tahuu irra, gargaaraa bulchaa tahuu naaf wayya jedhee dide. Akka ummanni nama biraa filatuufis badee oyruu keessatti dhokate. Muslimtootni garuu kan Usmaaniin bakka bu’u, kan amaanaa Rasuulaa s.a.w fi kaliifota isas bakkaan gahu, isa kan caalu akka hin jirre yaaduun, koreen marii bakka inni dhokatetti dhaqanii angoo itti kennan.
Sahaabdonni gurguddoon akkasuma muslimtoonnis Masjidu-nabawii keessatti beellamaniin. Haala kanan Aliyyi erga angoof filame, dalagdoota beekkumsa qaban gargaarsaaf filate.
Nageenya Madiinaa kan boorahes deebisuuf hidhate. Aliyyi erga Amiira mu’umintootaa tahee, amaanaa ummata isaa, amaanaa Rabbiin mormatti na dire, dinaara takkallee maaf hin taane, yoo bu’aa ummataatif hin tahin hin baasu jedhee, akkuma duula keessatti goota waarana tahun beekkame addunyaa irrattis bulchaa haqaa tahun mottummootaaf fknya tahe. Gargaartota (bulchitoota) wal qixxumaa fi haqaa dalaguu irratti kan ajajuu fi rakkoo ummataas hamma qe’etti faana bu’anii akka ummata too’atan jara too’ataa ture.
Magaalaa kuufaa keessas deemaa jireenya ummataa hubataa, jallataa gara haqaatti kan waamu, fedhinnaa ummataa kan fixuuf ture. Akkasuma warra aanaa isaatii fi lubbu isaas ummataan wal qixxeessee, masaraa keessa jiraatuu didee, goojjo kessa jiraataa ture.
Gaafa tokkos gabrichi isaa Qunbur kan jedhamu hajaa qabaachuu Aliyyii waan argeef, kennaa dureeyyiin moototaa ergan keessaa akka kaaheef itti hime. Aliyyi didee gara mana isaa deeme. Yoo mana gahu kennaa mana guute argee, dallanee Gabricha isaatin “Ibidda mana kiyya seensisuu feetaa? jedheen. “Adduunyaa na hin dagin, nama biraa dagi!.” jedhee, harka qalleeyyii Madiinatiif, hundaa qoodee fixe. Gaafa tokko osoo kuxbaa godhaa jiruu, ijoollee isaa Hasanii fi Huseeniin uffata haara’a irratti arge. Akkuma kuxbaa geesseen eessaa fuudhanii akka uffatan gafannaan, dureessa Faaristu nuu erge jedhanii itti himan. Innis ijoollee isaa nama biraatiin akka adda hin taanee fi haqa isaanii akka hin taane itti himee, uffata cufaa irraa baasee, mana diinagdee muslimtootaatti deebise.
Aliyyi yeroo waa bitatus gatii akka isaaf rakasiisanii fi dhiisaniif hin eyyamu. Fkeenyaaf guyyaa tokko uffata bitachuu magaalaa bahee, namni hunduu mallaqa irra fudhachuu dide. Innis nama isa hin bekne soqee dardarticha tokko argee irraa bitate. Abbaan dardartichas yeroo dhufu, “ummatni ilmi kee Amiira mu’umintootaa uffata mallaqaan itti gurgure.” jennaan dardartichis amiira muslimtootaa tahuu beeknaan mallaqa qabatee dhaqee dhifama gafate. Aliyyi garuu galatomfatee mallaqas osoo irraa hin fudhatin geegesse. Akkasumas mootii tahuyyuu, hamma hiyyummaa irraa seeyfii jaalatu gurguratu gahe. Magalaas bahe “ennu namni seeyfii tana narra bitu Rabbii firii dhoosetti kakadhee: osoo wanta marxoo takkaan bitadhu qabaadhee seeyfii cinqii fuula ergamaa Rabbii irraa s.a.w dhabamsiisuun lolaanii ture hin gurguru.” jedhee dubbate…………………………………..Itti Fuufa