Kutaa 7ffaa
Gaafa tokko Umar ilmi Kxxaab manguddittii ija hin qabne takka arkee, Gargaaruu fadhe. gizee inni nyaataa fi dhugaatii fuudhee dhufu namni biraa isa dura geesseefi biraa deeme. Yeroo hunda yoo inni nyaata fi dhugaati qabatee dhaqu namtichi sun isa dura geesseefi biraa deema. Namni yeroo hunda nyaataa fi dhugaatii qabatee isiif isa dursee kennuuf enyuu akka ta’e beekuuf dhokatee eege. Yeruma kana mana manguddittii keessaa Abuu Bakrissiddiiq isaa gadi bahu argee Umar boohee akkana jedhe, Rabbitti kakadhee ani tola tokko keessattillee si hin caalu jedheen.
Sadarkaa Abu Bakriin Nabi Biratti Qabu
Nabi Muhammad s.a.w akkana jedhe; Rabbii kiyya malee Osoo jalallee godhachuun kan naaf hayyamamu taatee silaa Abbaa Bakriitin jaalallee godhadha. Garuu inni obbolessa kiyya niin jaaladha. Hulaan ykn balballi gara masjiidaa seensiftu takkalleen cufamtu malee akka hin hafne, Hulaa ykn balbala Abu Bakrii malee. Jechi Rasuulaa s.a.w kunilleen sadarkaa Abbaa Bakrii muldhisuufi.
Rasuulli s.a,w waa’ee balbala jannataa saddeet akka jirtu dubbatee jennaan Abbaan Bakrii akkana jedhee Rasuula gaafate silaa hulaa saddeettan san namni tokkichi seenuu ni dandaahaa? Jedheen. Yaa Abbaa Bakrii atuu balbala saddeettan irraahuu ni yaamamta jedheeni isa gammachiise
Rasuulli s.a.w yeroo dhibame akka Abbaan Bakrii ummata Islaamaa salaachisu ajaje. Sababa saniif Abbaan Bakrii nama Nabi Muhammad s.a.w irraa bakka bu’ee yeroo duraatif osoo Rasuulli s.a.w lubbuun jiruu ummata Islaamaa salaachise tahee argamee dha.
Yeroo muraasaan booda Nabi Muhammad s.a.w ni du’e. Sababa du’a Rasuulaatiifis s.a.w dachiin ummata Islaamaatitti dukkanooyte, Hamma waan dalagan wallaalanitti.
Abbaan Bakrii Nabi Muhammad s.a.w akka du’e gizee bare boohee maquu isaa dhungatee “du’a Rabbi sitti murteesse duutee jirta yaa Rasuula Rabbii.” s.a.w jedhee karaa ummataa garagalee akkana isaaniin jedhe,.”namni Muhammadiin s.a.w gabbartan Muhammad s.a.w du’e, Kan Rabbi gabbartan ammoo Rabbiin yoomuu jiraataadha hin du’u.” isaaniin jedhe. Ayata Qur’aanaa: Suuraa Al-Imraan 144 irratti dubbise ykn qara’e akka ummanni obsaan jajjabaatuuf jecha.
وَمَا مُحَمَّدٌ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ الرُّسُلُ ۚ أَفَإِن مَّاتَ أَوْ قُتِلَ انقَلَبْتُمْ عَلَىٰ أَعْقَابِكُمْ ۚ وَمَن يَنقَلِبْ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ فَلَن يَضُرَّ اللَّهَ شَيْئًا ۗ وَسَيَجْزِي اللَّهُ الشَّاكِرِينَ. آل عمران: ١٤٤
Taaytaa Qabachuu Abbaa Bakrii
Eega Nabi Muhammad s.a.w du’e guyyaa lamadaa Umar ibnul Kaxxaab wal tajjii irratti olka’ee eega Rabbii isaa faarfatee booda akkana jedhe.” Nabi Muhammad s.a.w du’ullee Rabbiin jidduu keessan karaa sirritti fakkeenya isinii tahe, daandii dhugaa isin agarsisee galma isin geessu isiniif dhiisee jira. Abbaan Bakrii nama Rasuula waliin guyyaa sadii goda keessa bule. Dhimma muslimtootaatti nama haqa godhatu waan taheef, tole jedhaatii harka isaa fuudhaa. Waadaa isaa seenaa.” jedheen. Ummannis yaada Umar fudhatanii Abbaa Bakrii tole jedhanii waadaa isaa galan.
Abbaan Bakrii eegasii wal tajjii irratti bahee akkana jedhe “aniin kun bulchaa ta’ullee irra caalaa keessanii miti. Waan ta’eef; yoon ani dogongore na qajeelchaa, yoon ani laaffadhe na jabeessaa. Dhugaa dubbachuun amaanaa tiysuu jedhama. Kijiba dubbachuun nama ganuu dha.” isaaniin jedhe.
Rasuuulli s.a.w hoggantummaa nama Osaamaa binu Zeydii jedhamuun waraana guddaa duula biyya Ruumiif qopheesse osoo waraanni moggaa madiinaa keessaa hin bahin Rasuulli s.a.w dhibeen qabamee dhibeen itti hammaannaan waraanni karaa deebi’e. Du’aa fi jiruu isaa hubachuuf jecha. Nabi Muhammad s.a.w duunaan yeruma san ummanni islaamaa diin irraa garagalan, gariin isaani innaawaa murtaddii ykn amantii islamaa kan gadi dhiisan tahan, gariin immoo ani nabiyyiidha ofiin jechuu eegalan, Kessattuu; kan akka Museylamatul Kazzaab. Ummanni hedduun immoo zakaa kennuu didan…………………..Itti fuufa