Ogummatti Gammadi.

Oogummaan gammachuu qaamaa nuuf kenna. Gammachuu aakhiraa qofa osoo hin taane gammachuu addunyaa tanaatillee
dabalatee oogummaa keenya irraa argachuu dandeenya.

Kanaafuu oogummaatti gammadi; akkasumas Manguddoota, Dargaggoota, Sooressoota, Hiyyeeyyii, Warra sitti dhihoo fi
warra sirraa fagoo irratti oogummaa hojirra oolchi.

Miidhaa isaan sirraan gahan irraa of eeguuf, jaalala isaanii argachuuf yookaa badii isaanii sirreessuuf si gargaara.

Ali bin Al Jahm Walaleessaa jabaadha. Garuu warra baadiyyaati. Jireenya gammoojjii malee jireenya magaalaa Irraa
waan beeku hin qabu. Yeroo sanitti khaliifaan Al Mutawakkil nama jedhamu ture.

Khaliifaan kun yeroo namni isa ziyaaruuf dhaqe kennaa adda addaa Namaaf kennuun beekkama. Gaaf tokko Ali bin Al Jahm
magaalaa Baghdaad dhaqee Namni khaliifaa bifa walalootiin faarse kabajaa fi kennaa kaliifaa argata oduun jettu isa geesse.

Oduun tun isa gammachiistee gara masaraa khaliifaa deeme. Achumaan Walaleessitoonni walaloo isaaniitiin khaliifaa
faarsanii kennaa khaliifaa fudhatanii yeroo bahan arge.

Al Mutawwakkil Nama gaariidha, akkasumatti nama waan jedhe irraa of duuba hin deebine ta‟uun beekkama. Aliin
Walaloo isaa keessatti Khaliificha Sareen, re‟ee fi Looniin walitti fakkeessee faarsuu jalqabe. Haa ta‟uu malee walaleessitoonni
biraa Aduu, Ji‟aa fi gaaratti fakkeessanii faarsaa turan.

Khaliifichi dallanee Eeydonni seeyfii isaanii luqqifatanii morma Alii irraa darbuuf qophaawanii jiran. Haa ta‟uu malee haalli
Alii fi dhandhamni walaloo isaa akka inni warra gammoojjii irraa dhufe ta‟uu waan namatti mul‟isuuf kaliifichi dhimma kana hubannaa keessa galchuun Haala kana Ali irraa jijjiiruuf murate.

Masaraa khaliifaa keessaa manni tokko akka isaaf kennamu, tajaajilli addaa akka isaaf taasifamuu fi Wanni barbaachisu
hundi akka isaaf guutamu ajaja dabarse.

Al Jahm qananii tana dhandhamaa walaleessitootaa fi barreessitoota bebbeekkamoo irraa Muuxannoo garaagaraa fudhachaa ji‟a torbaaf masaraa khaliifaa keessa ture.

Guyyaa tokkoo khaliifaan Al Jahm yaamsisee mee walaloo waa xiqqo nu dhageessisi jedheen. Al Jahm jechoota lallaafaa fi mimmii‟aawaa adda addaa fayyadamuun Mooticha Aduu, Urjii fi Seeyfii wajjiin wal fakkeessuun Bo‟oo walaloo isaa tarreessuu jalqabe. Akkamitti khaliifichi haala Ali akka jijjiiruu danda‟e ilaali.

Yeroo hedduu nuti haala badaa ijoollee teenyaatti akkasuma hiriyoota keenyaatti dallanna. Haala isaanii jijjiiruuf garuu yaalii barbaachisu goonee hin beeknu. Kana caalatti Fuula guurinsa kee seeqinsatti, dallansuu tee obsatti, qorqodummaa kee Arjummaatti jijjiirtee haala kee fooyyessuu ni dandeessa.

Wantoonni oliitti dubbanne kun hundi ulfaatoo miti. Haa ta‟uu garuu obsaa fi murannoo nama gaafata. Kanaafuu Murataa ta‟i.

Namni Seenaa Nabii keenyaa (saw) dubbise Namoota oogummaa kanaan akka qabanii fi Onnee isaanii injifachuu akka turan hubachuun isatti hin cimu.

Nabiyyiin (saw) Namoota alaa wajjiin qofa haala kana fayyadamaa hin turre. Yeroo gara mana isaanii galan maatii isaanii keessatti obsa dallansuun kan jijjiiran hin turre.
Namoota biraatiif seeqanii maatii isaanitti fuula kan guuran hin turre. Namoota biraatiif arjaa tahanii maatii isaatiif qorqodaa hin turre.

Yeroo hunda haalaa fi amala wal fakkaataa qabaachuu turan. Akkuma Du‟aa‟ii fi Leeylii dhaabbachuun Rabbi gabbaranitti Haala isaanii gaariinillee Rabbi gabbaruu turan.

Seeqinsa isaanii akka sadaqaatti, haala gaarii isaanii akka ibaadaatti, Dhiifama nama godhuu isaanii akka hojii gaaritti
lakaawwachuu turan.

Namni Haala gaarii akka ibaadaatti lakkaawwatu Lola keessatti, yeroo nagayaa, Yeroo beelawe, yeroo quufe, Yeroo dhukkubsatees ta‟u yeroo fayyaa qabu, Gaddi itti jiraatus yookaa gammachuu qabaatus haala gaarii san hojirra oolchuu itti fufa.

Haati warraa (jaartiin) hedduutu jira tan Abbaan manaa isaanii alatti haala gaggaarii isaa irraa haasawan, obsa isaa irraa,
arjoommina isaa irraa, tapha isaa irraa kan dubbatan garuu yeroo manatti galan Haala gaarii tokkollee kan hin calaqqisiisne hedduutu jira.

Mana keessatti hammeenya, obsa dhaba, fuula guuraa gungumaa ta‟ee kan argamu Abba Manaa hedduudha.

Yeroo Kara Ergamaa Rabbii (saw) deebinu “Irra caalaan keessan nama maatii isaatiif gaarii ta‟ee, Ani maatii kiyyaaf gaariidha” jedhan. (Tirmizii).

Maatii isaanii wajjiin akkamitti akka jiraachaa turan haa ilaalluu.

Al Aswad bin Yaziid yeroo dubbatu “Aa‟ishaadhaan haalli Ergamaa Rabbii (saw) mana keessatti akkami?” jedheetin gaafadhee.

“Maatii isaanii tajaajilu, Yeroon salaataa yoo geesse wuduu‟a godhatanii bahan” naan jette jedhe.

Namoonni tokko tokko arjoominni isaan nama alaatiif godhan, qoosaan, gara laafinni irra deddeebi‟amee dhaga‟ama.

Kanneen akka haadhaa fi abbaa, Jaartii fi ilmaan akkasuma warra itti gaafatamummaan guddoon isa irra jirtu warra akkaan isatti dhihaatu biratti haalli gaariin sun hin mul‟atu. Yoo jiraates qabbanaawaadha.

Eeyyen! Jidduu keessanitti irra caalaan nama maatii isaatiif caalaa ta‟eedha.

Haadha, abbaa isaatiif, Haadha manaa isaatiif, Joollee isaatii fi hojjattoota isaatiif nama gaarii ta‟eetu irra caalaa keessani.

Guyyaa tokko Abuu leeylaan osoo Nabiyyii (saw) cinaa taa‟uu Ilmi intala isaanii Hasan dhufe. Nabiyyiin (saw) itti maramee ol
fuudhee achumaan gurbaan isaan irratti fincaane.

Abuu Leeylaan yoo dubbatu “Garaa Ergamaa Rabbii irraa fincaan yoo yaa‟u arginee jirra. Akka nutti hin facaaneef of boodatti jalaa dheessine. Nabiyyiin (saw) “Ilma kiyya dhiisaa hin rifachiisinaa” nuun jedhan. Gurbaan yeroo fincaanee fixatu booda bishaan fichisiisee Garaa isaanii irratti facaasise. (Ahmad)

Akka Ergamaan Rabbii (saw) haala isaa bifa bareedaa kanaan of leenjisanii bareeffatan ilaali. Onnee xiqqaa fi guddaa yoo injifate maaltu nama ajaa‟iba ree?

Yaada…
Dukkana abaaraa oolurra Faanusaa qabsiifachuuf yaali.

Leave a Comment

Shopping Cart