Maaliif mariin namoota tokko tokkoo mormitti jijjiiramti, kan namoota biraa ammoo ajandaa walfaakkaatu irraa osoo tehellee kan mari‟atan kan jaalalaan raawwatamuuf maaliif? Kun Muuxannoo marii wajjiin kan wal qabateedha. Yeroo namni tokko tokko khuxbaa godhu maaliif dhaggeeffattoonni garii amammoodaa mul‟atan (yawning), kuun ammoo hirriibaatu isaan qaba, kaan Musallaa tuttuqa, kaanis gamaa gamana ilaala
Garuu yeroo namni tokko tokko ajanduma wal fakkaatu irrattillee osoo tehee khuxbaan isaa Callisaa fi xiyyeefannoodhaan dhaggeeffatama.
Dhaggeeffattoonni ija isaaniituu osoo asiif achi hin oofne qalbi takkaan isa dhaggeeffatan. Kun Muuxannoo Haasawa godhuu gabbifachuu irraa kan ka‟eedha.
Maaliif yeroo namoonni tokko tokko wal gahii irrattti haasawa godhan dhaggeeffattoonni xiyyeefannoo kennaniifi hordofan, yeroo namoonni biraa haasawa godhan immoo walii wajjiin wa‟ee biraadha kan haasawaniif maaliif?
Yookaa moobaayila isaanii bananii text kan dubbisaniif maalifi sitti fakkata? Kun bu‟aa Muuxannoo Haasawa beekuu irraa kan
argameedha.
Yeroo barsiisaan tokko tokko mana baruumsaa keessa deemu maalif barattoonni isa marsan? Tokko gaafii gaafata, ka gorsa irra barbaadus jira, garii ammoo rakkoo isa mudate isaa wajjiin
mari‟ata.
Yoo biiroo ol seenee taa‟e akka seenaniif barattootaaf yoo hayyame barattoonni kan isa bira guutaniif maaliifi? Sababni
barattoonni isa dubbisuu waan jaalataniifi.
Haa ta‟uu malee Barsiisaa tokko tokko osoo mana baruumsaa keessa akka fedhetti olii gad deemee barattoonni isatti hin dhiyaatan. Yeroo hunda kophaa deema, barattoonni rakkoo isaanii isaa wajjiin hin mari‟atan.
Osoo bahiinsa biiftuutii jalqabee hanga biiftuun seentutti Biiroo isaa banee taa‟ee namni isatti ol seenu hin jiru. Maaliif? Kun
bu‟aa muuxannoo yookaa oogummaa hariiroo namaa wajjiin qabaachuuti.
Namni tokko yeroo wal gahii takka irratti seenu namoonni ni seeqan. Isa arguuf ni gammadan, Isa cinaa taa‟uu namni hin
barbaanne hin jiru.
Garuu inni biraa hoggaa dhufe salaamtaa qabbanooytuutu deebifamaaf, Kan ka‟ee isa teessisu yookaa kan isa cinaa taa‟uu jaalatu tokkollee hin jiru. Maaliif?
Kun bu‟aa Muuxannoo dhiibbaa nama Irratti uumuu fi nama gammachiisuu qabaachuuti.
Maaliifi yeroo abbaan tokko tokko gara manaa dhufu ijoolleen isaa gammachuu irraa bakka of keessu kan wallaaltuuf?
Abbaan biiraadhaa gaafa manatti galu garuu ijoolleen isaa gara galteetuu isa hin mil‟attu. Kun bu‟aa muuxannoo ijoollee kunuunsuu beekuu qabaachuu irraa kan argamuudha. Masjiidaa fi iddoo cidhaa fi kkf kanumaan wal fakkaata.
Namoonni dandeettii namaa wajjiin waliif galuu irratti karaa adda addaatiin wal dhaban. Fudhatamummaan isaan nama
biratti qabanis hedduu wal dhaba.
Yoo nuti hariiroo namaa wajjiin qabnu bareechuun ejjannoo gaarii qabaannee fi qabaachuuf of leenjisuu kan barbaannu te‟e Namoota irratti dhiibbaa uumuu fi jaalala isaanii argachuun hedduu salphaadha.
Kana hoggaan jedhu raaguu kiyyaa miti. Waanin mataa kiyyaan yaalee Onnee namootaa argachuun (Jaalala namaa
argachuun) Salphaa akka tahe waanin mirkaneeffadheedha.
Nuti hubannuus hubachuu baannus namoonni akkaataa nuti isaanitti dhihaannuun kan Harka nuuf kennan haalaataa nuti isaan simannuun irra dhaabbataniiti.
Masjiida Humna waraanaa (Military force) tokko keessa waggaa kudha sadiif Imaamummaan tajaajilaatin ture. Masjiiduma cinaa karra waardiyyaa qabdu takkaatu jira.
Yeroo hunda waardiyyichaan salaamtaa hoo‟ituu osoo hin jenne dabree hin beekun ture. Guyyaa tokko yeroo muraasaaf
moobaayila kiyya cufeetin ture, Yeroon banadhu Ergaa gabaabduu (Message) hedduun naaf seenuun arge.
Ergaalee gabaabduu tana dubbisaa waanin tureef waardiyyichaan salaamtaa osoo hin jedhinin dabre. Yeroon deebi‟u na dhaabbiseeti “Yaa Sheekha Jaalatamaa! Waanin si godheetu jiraa moo?” jechuun na gaafate. “Akkamitti waa na gootan?” jedheen. “Lakkii, yeroo biraa seeqaa fi gammachuun na bira dabarta. Har‟a garuu hin seeqxus gammachuus hin qabdu” naan jedhe.
Hedduu akka na jaalatuu fi hedduu akka na kabaju hoggaa na arge akkamitti akka gammadu fuula keessa na ilaalaa natti
himuu jalqabe.
Sababa kiyyaas himeetiifin dhiifama gaafadhee biraa kute. Oogummaa akkanaa hoggaa itti fayyadamne Humna Uumama
keenyaa keessaa tokko tehee hafa.
Baruumsa…
Nama dhiiftee maallaqa hin qabatin.Nama qabachuun maallaqa qabaachuuf nama gargaara.