Aannan Jigeef hin booyin

Namoonni tokko tokko amala irratti guddatanii fi kan namoonni biraa ittiin isaan beeku jijjiiruun goonkuma hin danda‟amu ja’anii yaadu.

Akka namni dhaabbii fi bifa isaa jijjiiruu hin dandeenyetti amala isaanii jijjiiruun ulfaataa ja’anii of amansiisanii jiran.

Haa ta‟uu malee gamni namaa amala isaa jijjiirrachuun akka uffata jijjiirrachuun salphatutti salphaadha je’ee yaada.

Amalli keenya akka aannan takka yoo gad naqame hin deebineetii miti. Inumaa yeroo hunda too‟annoo keenya keessa jiraachuu beekuu qabna. Tooftaan ittiin fooyyessinus ni jiraa amanuu qabna.

Ibn Hazm “Xawq al Hamaamah” kitaaba je’u keessatti seenaa Daldalticha tokkoo barreessee ture. Daldaltichaa fi hiriyoota
isaa kan wajjiin daldalan afurtu turan.

Jarri afranuu isaa wajjiin wal dorgommii hin barbaachisne wal dorgomuu jalqabaniiti jarri afranuu daldalticha Waan jibbaniif maraachuu barbaadan.

Guyyaa tokko ganama isaa Imaamaa Adii uffatee kara hojii deemaa jiru daldaltoota afran keessaa tokko itti dhufee, “Imaamaan keelloon kun numa bareeda!” je’een. Namtichinis “ijji tee hin agartuu? Imaamaan an uffadhe adiidhaa bar!”je’een. “Lakkii, keellummaa keelloodhaa garuu hedduu bareeda!” je’ee deebiseef. Xiqqo erga deemee booda ammas daldalaa lammadaatiin walitti dhufan. Erga Salaamtaa waliin je’anii booda “Har‟a hedduu sirraa bareeda, Uffata babbareedaa uffattee jirta keessattuu Imaamaan kee Magariisni kun” Je’een.

Namtichinis “Bar Imaamaan kiyya adiidhaa” je’een. “Lakkii Magariisaa” je’een. Namtichis dallanee “Deem achi nurraa Imaamaan kiyya adiidhaa” je’een.

Namtichi osuma deemaa jiruu imaamaan isaa adii tahuu mirkaneeffachuuf ammaa amma of irraa fuudhee osuma ilaaluu Suuqii isaa gehe.

Daldalaan sadaffaatis itti dhufee “Guyyaan har‟aa numa bareeda! Uffanni kee hedduu sirraa miidhaga. Keessattuu Imaamaan kee Cuquliisni kun faan Hedduu si bareechee jira” je’een.

Namtichinis bifa imaamichaa adda baafachuun qajeellotti imaamaa ilaaleti “Obboleessoo Imaamaan tiyya adiidha”
je’een. “Lakkii Cuquliisummaa Cuquliisa garuu waan hedduu sirraa bareeduuf hin rakkatin” je’eenii deeme.

Namtichinis irra deebi‟ee bifa adda baafachuuf Imaamaa san ilaalaa “Imaamaan kiyya adiidha” je’ee iyyuu jalqabe. Suuqii keessa taa‟ee agartuu isaa imaammata irraa ol fuudhuu dadhabe.

Daldalaan afraffaa itti dhufee erga salaamtaa je’eeni booda “Imaamaa diimaa kana eessaa argatte? Je’⁷eenii gaafate.
Namtichinis Imaamaan kiyya cuquliisa jedhee Iyye. “Lakkii dimaadhaa” je’een.

Namtichinis “lakkii magariisaa, lakkii adiidhaa, lakkii cuquliisaa, Lakkii gurraachaa!” jechaa Iallabaa ofiin kofluu
jalqabe. Ammaas Koflaa utaaluu jalqabe.

San booda Ibnu Hazm akkana je’e “Namtichi kun sammuun isaa wal gad dhiistee (Maraatee) karaa irratti yeroo ijoolleen
dhagaa itti darbattun arge je’e.

Jarri Afran kun Oogummaa isaanii fayyadamanii amala qofaa mitii Sammuu namtichaatuu jijjiiruu danda‟anii jiru. Erga akkas tehee maaliif namni tokko Waan Rabbitti nama dhiheessuu danda‟u Kan Wahyiin deeggarame hojii irra oolchuu dadhabe.

Oogummaa gaarii argatte cufaawuu hojii irra oolchi Gammadaa taata. Hin danda‟u yoo kan naan jettu taate, yoo xiqqaate yaalin siin je’a. Akka itti hojjatan hin beeku yoo naan jette. “Beekuun ni danda‟aman” siin ja’a.

Nabiin Rabbii (Sallallaahu aleyhi Wasallam) akki ja’an. “Beekumsi kan argamu barachuudhaani, Waliif rahmatuun kan
argamu Murannooni.”

Ijoo dubbii…
Goota jechuun Oogummaa isaa fooyyeessuuf dandeettii isaatii ol kan
tattaaffatuudha. Kan ofii bira dabree kan namaa foyyessuuf kan carraaquudha.”

Leave a Comment

Shopping Cart