Of Fooyyeessi

Dargaggeessa amata digdamaa tokkoo wajjiin teessee osoo jirtuu akeeka, Manxiqaa fi yaada mataa isaa qabaachuu isaa hubatte.

Eegasii isaa amata soddom guute deebitee wajjiin teessee akkuma amata kudhan dura ture irraa humaa osoo hin fooyya‟in agarte. Haa ta‟uu malee warri biraa jireenya isaanii akka fooyyessanii jiran hubatte.

Guyyarraa jechuu dandeenya kan of fooyyessan. Diiniinis ta‟u duniyaan osoo of hin fooyyessine sa‟aan takka isaan hin dabartu.

Of fooyyessuu keessatti namoonni Adda addaa akka jiran beekuu yoo barbaadde qabxiiwwan armaan gadii xiinxali. Namoota televiziyoona ilaaluu jaalataniitu jira.

Kan Beekumsa walii galaatii fi sammuu isaa guddisuuf akka isa gargaaraniif Mariilee adda addaa dhaggeeffachuun Muuxannoo
nama biraa irraa qooddataniitu jira.

Ogummaa Falmii fi nama amansiisuu irraa baratan, Afaanii fi hubannoo irraa fooyyeffatan, Karaa biraatiin kan  televiziyoonuma irratti Diraamaa seenaa jaalala hin milkaawinii daawwatuutu jira.

Filmii nama sodaachisu ykn Addunyaa irra jiraannu tanaa wajjiin waan hidhata takkallee hin qabne daawwachuun kan isa hin dabarreetu jira.

Amata Shan yookaan Amata kudhan booda garaagarummaa isaan jidduu jirtu laali. Kamii isaaniitu waan isa fooyyessuu isa dandeessisu walitti qabate?

Kami Kan beekkumsa waliigalaa kuufate? Dandeettii nama biraa amansiisuu kan argate? Haalaataa adda addaa wajjiin
waliif galuu kan danda‟e? Shakkii hin qabu isa duraatu of fooyyeesse. Inni duraa jijjiirama amalaa fidee jira. Yeroo falmu ragaa sirrii wabeeffateeti.

Kan lammaffaa garuu artistoota irraa, sirbitoota irraa ragaa wabeeffata. Gaaf tokko nama tokkoo wajji haasoynee waanin
dhagehe tokkon isiniif qooda.

Gaaf tokko namni tokko “Rabbiin Yaa gabricha kiyya carraaqqii godhi aniis sii wajjiinin carraaqqii godhaa ja’a” naan je’e.

Aayanni Qur‟aanaa tan akkana jettu akka hin jirre hoggaan itti himu rifateeti use. Boodarra hoggaan qoradhu Diraamaa musalsala irraa akka argatee fi jechama warra Masrii tahuun hubadhe.

Eeyyeen! Weelkaan hundi waanuma isa keessa jiru yaasa! Mee kanuma roga biraatiin ha laalluu. Barreeffamoota Gaazexaa irraa meeqa keenyaatu odeeffannoo faayida qabeessa tehe
dubbisa?

Dandeettii isaanii kan guddisu beekumsa waliif galaa kan isaaniif dabalu, oduu barbaachiftuu fi ragaalee garaagaraa
dubbisuuf meeqaatu fedhii qaba?

Karaa biraatiin Spoortii fi oduu bashannansiisoo malee kan hin dubbifne hedduutu jira. Gaazexaan hedduun Spoortii fi oduu bashannanaa qofa Irratti dabaluudhaan waan biraa irraa dhiisanii wal dorgomuu irra gahanii jiru.

Yeruma walitti qabamnetti yeroo teenya hedduu kan gubnu waanuma akka olitti ibsine kanatti. Eegee osoo hin taane yoo
mataa tahuu barbaadde Wantoota faayida qabeessa tahan hunda hojii irra oolchuuf yaali.

Abdallaan gurbaa Si‟aawaadha, Garuu oogummaatu isa hanqata. Guyyaa tokko salaata Zuhurii salaatuuf mana isaatii bahee gara masjiidaa deema.

Wanni manaa isa baase jaalala salaataaf qabuu fi kabajaa inni Amantii isaatiif qabuudha. Osoo Iqaamaan hin gahin
dhaqqabachuuf jecha saffisaan tarkaanfata.

Osuma deemuu karaa irratti namticha Tuuttaa hojii Uffatee Muka Timiraa irratti rarra‟ee hojjatu tokko arge. Abdallaan
ajaa‟ibeeti akkana je‟ee yaade.

Namni ku eenyu? “Kan salaataaf dantaa hin qabne Azaana dhagayuuf deebii hin kennine, iqaamaa geheefis hin cinqamne.” lolaanii “ka‟ii bu‟ii salaati” jedhee itti lallabe.

Namtichinis suutuma “hayyee, hayyee” jedheen. Itti deebi‟ee “Dafii bu‟ii salaati harricha” jedheen. Namtichinis Mufatee
“Harree naan jettee?” jedheetuma damee timiraa cabsatee itti gad bu‟e. Abdallaan garuu fuula isaa imaamaan dhokfatee
namoota hedduu keessatti jalaa bade.

Namtichinis manatti galee salaata salaatee xiqqo boqatee gara hojii deebi‟e. Asrii irratti ammaas Abdallaan yeroo gara masjiidaa deemu namtichi hojjatumatti jira.

Tooftaa jijjiirratee “Assalaamu aleykum Obboleessa kiyya akkami?” jedheen. Namtichinis “Alhamdulillaah nagaya”
jedheenii deebiseef. “Mee oduu gaarii naaf himi. Dhiheenya kana oomishni timiraaa akkami?” jedheen. Namtichis “Alhamdulillah bareedaadha” jedheen.

Abdallaanis “Rabbiin milkii si haa goonfachiisu, jiruu tee jiruu qajeelloo Rabbi siif haa godhu. Fayyaas siif haa tursiisu, Gatii laffaatii teetii sin hoongeessin!” jedheen.

Namtichinis du‟aa‟ii osoo inni hin yaadin isaaf godhamte irraa gammaduudhaan “Aamiin, Aamiin” jedhe. Achiin booda, Hojiin haalaan waan shaaghalamteef azaana waan dhageesse natti hin fakkatu.

Azaanamee iqaamaanis dhihaattee waan jirtuuf bu‟ii xiqqo boqadhuutii gara salaataa deemi. Erga salaattee booda gara hojii keetii deebita.

“Rabbiin Rizqii tee siif haa bal‟isu” jedheen. Namtichinis “In Shaa Allah, In Shaa Allah” jechaa muka irraa bu‟ee Salaamtaa hoo‟ituu erga dhiheessee fi booda, “Haalaa fi amala gaarii kee kanaaf si galatoomfachuun barbaada.

Akka tokko yeroo zuhurii na godhemoo, osoon argee eenyu harree akka tehe isuman agarsiisa ture.” Jedheen.

Bu’aa…
Akkaataan ati namootatti dhihaattuun akka isaan sitti dhihaatan tolchuuf yokn balleessuuf murteessaadha

Leave a Comment

Shopping Cart