Sadarkaa Du’aa’iin Onneerraa Kaate Qabdu

Subhaanallaah

Gurbaa tokkootu jira kan gandi isaa hundi akkaan isa jibbu. hoggaa inni du’e namni tokko kan isa awwaalu dhabame ilma tokko qofa qaba ilmi isaa kun reeffa (janaazaa) abbaa isaa tana lafarra harkisaa gara lafa dirree barahaa takka awwaaluuf geesse hoggaa kana gurbaan re’ee tiissu tokko argee aboo maalif kophaa tee reeffaan deemta ja’ee gaafate. hoggaa kana ilmi kun abbaa isaa qaaneessuu hin feene “innaa lillaahi wa innaa ileyhi raaji’uun” ja’e.

Hoggaa kana gurbaa re’ee tiissu kana dubbiin galteefi qabrii qotee wajjiin awwaalee biraa deeme. ilmi abbaan irraa du’e kun gara mana isaa yaaddawaa gale, galgala akkuma rafeen abbaa isaa manaamaan (abjuun) isaa gammadee jannata keessaa koflaa jiru arge hoggaa kana yaa abbaa kiyya maaltu jannata si fide ati nama hamaa turtee ja’een.

Hoggaa kana abbaan du’aa’ii gurbaa re’ee tiissuu saniin rabbiin as na fide ja’een. ganama hoggaa hirriibaa ka’e, deemee gurbaa san barbaadee argee “ati abbaa kiyyaaf akkam jattee du’aa’ii goote” jechuun gaafate hoggaa kana gurbaan re’ee tiissu kun akkana ja’eetiin rabbi kadhe ja’een, ammas kadhaa gabricha if gad qabee kadhatuutiin kadhe ja’een

“Yaa rabbi aniihuu arjaadha keessummaa tiyya kabjeetiin awwaale ati arjaa arjaa caalu gabrichi kee kun gama kee dhufe keessumma teeti yaa rabbi rahmata godhiif” ja’eetiin kadheef ja’een

Mee laalaa obbaleeyyan kadhaan if gad qabanii dhugaan Rabbi kadhatan sadarkaa akkanaa qabdi

Warra dhugaan Rabbi kadhatee rabbirraa arkatu nuhaa godhu.

Leave a Comment

Shopping Cart