Kutaa 2ffaa
Obbolummaa Jidduu Muhaajiraa fi Ansaaraa
Rasuulli s.a.w akkuma Madiinaa seeneen, Masjiida eega jaaree wanti inni dura raawwate; obbolummaa islaamummaa jidduu muhaajiraa fi Ansaaraa tokkichummaa Rabbii irratti tokko godhee walitti hidhe. Aliyyi qofa malee. Wanti inni san godheefis; Aliyyiin obboleessa addunyaa fi akiraa godhee waan ofii qabateefi. Jaalala kanaas osoo wanta addunyaa keessa jiru hundaan wal bira qabanii madaalani, Jaalala Rasuulli s.a.w Aliyyif qabu tan galkaa onnee isaa dhooste tana hin madaaltu. Jaalala tanaas Rasuulli s.a.w gochaa fi jechaan ibsaafii turan.
San keessaa hadiisa Tirmiiziin nu gabaase keessatti, “Ani Aliyyi irraahi, innis anarraahi.” jechuun hangam takka akka ofitti anfatan ibsan.
Ammas hadiisa biraa keessatti “namni Aliyyi miidhe, anas miidhe.” jechuun yoo qoreelleen isa dirte, Rasuullis s.a.w waliin dhukkubsatee kan wajjin laalatu ta’e.
Gahee isaa Duula Keessatti
Muslimtoonni erga Madiinatti godaananii nagaya argannaan, kuffaarri qureeyshii hirriiba dhabde. Achittis hokkaruunii (jequunii) eegallaan Nabin (s.a.w) jihaadaaf labse. Aliyyis warroota jihaada keessatti hirmaatan keessaa qooda fudhachuun isa jalqabaa ture. Shahiidummaa argachuufis akka nama dirree raaree ykn saharaa keesssatti bishaan qabbanaahaa barbaadutti shahiidummaa barbaacha bololaa ture.
Duula Badrii
Hawwii shahiidummaa argachuuf Aliyyi Rasuulaa s.a.w fi Abbaa Lubaabaa wajjiin Gaala tokko dabaree dabareen, kan yaabbatan tahanii karaa bu’an. Aliyyi immoo shahiidummaa duras mindaa biraa argachuu fi jaalala Rasuulaaf s.a.w qabu irraa, isaafi abbaan lubaabaallen dabaree isaanii Rasuulaa s.a.w dabarsanii, miilaan deemuf hawwan. Rasuulli s.a.w garuu akkana jedheen isin humnaan narra cimoo miti. Anis mindaan isinirra dureessaa miti, jechuun didan. Isaan sadiinuu dabareen yaabbataa, yeroo kan miilaan deemaa dirree lolaa gahan.
Akka aadaa Arabaatti osoo waraanni lameen walitti hin seenin dura, gidduu goototaattii walii bahuutu adeemsifama. Garee lameen irraahuu namoota goota ta’an filatuun eegalame. Namoota muslimmaa irraa, namootni sadi duratti bahan. Warri kaafiraa tuffii fi of tuulummaan namoota nuun wal qixxatu as baasi jechuun Rasuula s.a.w itti lallaban. Kuffaaronni islaamummaa haa jibban malee, namni jarri waraanuu fedhan muhaajira ture.
Yeroo kana leenca Rabbii fi Rasuulaa s.a.w ka tahe; Hamzaa, Ubeeyidaa Ibn Haarisii fi Aliyyi duratti bahan. Si’uma takkaan isaa fi Hamzaalleen namoota isaaniin loluuf duratti bahan, ajjeesuun mo’atan. Rasuullis s.a.w malaa’ikaan Jibriil, Israafiliifi Mikaa’iil duula kanarratti Abbaa Bakrii fi Aliyyi waliin looluu himan.
Duula Kandaq
Duula kana keessatti gootni islaamaa Aliyyiin binu Abii Xaalib lakkoofsa mushriktootaa kan kuma kudhan gahu sodaatee dubatti hin deebine. Inumaahu goota mushrikaa kan ardii Arabaa keessatti tokkicha kumaan lakkahaamu Amri Ibn Wuddi jedhamuun kan beekkamuun wal dhaane. Seenaa guyyaa kana godhamees hayyootni akka armaan gadii jechuun gabaasan.
Duula kana keessatti mala Salmaan Al-Faarisin maleen, nannawa Madiina guutuu boolla bal’oo taate, diinarraa of baraaruf ummanni muslimaa qote. Hallayyaa qotame kanas mushrikoonni darbuu dadhabanii ji’a tokkoo ol turan. Amri Ibnu Wuddis Rasuula s.a.w ajjeesuf waan karoorfateef, obsuu dadhabee hallayyaa irraan farda utaalchisee seene. Dura waraanatti bahe nama isaan wal dhaanu gaafate. Muslimtoonnis hunduu ajaja Rasuulaa s.a.w eegaa waan jiraniif, cal’isan garuu Aliyyi ana jedhe. Rasuulli garuu s.a.w siin hin madaalu jedhanii Aliyyiin dhorkan. “Amriis yeroo kaan duunee jannata seenna jettanii hin dhaadattani, “mee eennu ree kan qara seeyfii kootiin morma irraa muree jannata seenu?.” jedhee lallabe. Ammas Aliyyi leenci Rabbii ana jedhee duratti bahe. Yeroo kana Rasuulli s.a.w Aliyyiin koofiyyaa ofii itti godhee akka duratti bahu eyyameef. Haatahu garuu muslimtoonni Amrii kana waan beekaniif, Aliyyiin dhabuu sodaatanii du’aa’ii godhaniif.
Amris yeroo Aliyyin bira gahu “ati eennu?.” jedheen. Aliyyis eennummaa isaa itti himee jennaan, ani ijoollee akka keetii ajjeesuun naaf hin eeyyamtu gabbaramtuu (siidaa) tiyyaa jedheen. Aliyyi immoo an “Rabbiin kiyya si ajjeesu naaf eeyyama. Garuu dura islaamummatti si yaama.” jedheen. Yeroo kana Amri Fardarraa utaalee bu’ee, Farda yaabbatee dhufen irraa miila ciree. Aliyyis mataa dhahee koofiyaa sibiila dhoose mataa isaa dhaqqabe. Yeroo kana Rasuullaa s.a.w fii muslimtoonni ijaafii qalbii isaanii tumsa Aliyyii barbaaduuf samitti ol fuudhuun du’aa’ii godhaaniifi. Innis battalumatti goota Arabni abdatte kana miila irraa ciruun ajjeese. Haala kanaan Rabbiin injifannoo goota islaamaa Aliyyiif godhee irra oolche.
Duula Keeybar
Duula keeybar irraa gootni islaamaa Aliyyi sababa dhukkubbii ijaa lola kanarraa hafe. Garuu jaalallee isaa irraa hafuun gonkumaa waan ta’uu hin qabne ta’ee itti mul’ate. Kanaaf erga waraanni karaa bu’e osoo dhukkubuu waraana dhaqqabe.
Halkan barii Rabbiin keybariin banuuf jedhu, kana keessatti Rasuulli s.a.w akkana jedhan. Boru! alaabaa islaamaa tana nama harka isaatti Keeybar banu kan Rabbii fi Rasuula s.a.w isaa jaalatu, kan Rasuulli s.a.w fi Rabbis isa jaalatuuf kenna jedhan.
Namoonni eennu kennuu heda laata? Eennu namni kun jechuun ofis gaafataa tokkoon tokkoo isaani ana osoo ta’e jedhe hawwaa bulan. Yeroo bariites hunduu osoo anaaf kenna jedhee eeguu, Rasuulli s.a.w “Aliyyiin eessa jira?.” jechuun gaafate. Jarriis “ija dhukkubsate.” jedhaniin. Rasuulli s.a.w “naaf haa dhufuu! naa fidaa.” jedhani jennaan Aliyyi bakka inni jiruu fidaniif. Rasuulli s.a.w ijatti tufeefi Rabbi kadhateefi akka waan takkaa hindhibaminitti fayyee.
Battalumatti alaabaa itti kennee hoggantummaa waliin deem jedheen. Aliyyi yeroo alaabaa baatee deemu akkana jedhee Rasuula saw gaafate. Yaa Rasuula Rabbii isaaniin lolaa hamma isaan islaama tahanitti jedheen. Rasuullis akkana jedhanii deebisaniif Yaa Aliyyi yoo isaan birageette islaamummatti isaan yaami. Haqa Rabbii irraa waan isaanirratti dirqmatahu itti himi. Rabbin nama tokko harka keetirratti qajeelchutu Gaallan diddiimtuu araba siifcaala jedhaniin.
Yahuudaan keeybar gaafa san jogola saddeet ]8[ qabdi saddeettanirraa jogola Naa’im jedhamutti qajeelan muslimtoonni. Jogola kana keessa mooticha isaanii goota nama kumaan madaalu marhabuu kan jedhamutu jira.
Akkuma achi gahaniin Aliyyi islaamummati isaan yaame. Nididan lolaaf dirretti gadi bahan jegnichi warra yahuudaa marhabuu kan jedhamu dhaadatee eennutu naaf baha jedhe. Achumaa gurbaan muslimaa kan qaamaaan qal’aa kan iimaanaan furdaa isaaf bahe kan maqaan isaa Amiri binu
Akwa kan jedhamu akkuma isaaf baheen ajjeesame.Taraa lammataa immoo leenci Rabbii Aliyyi binu Abiixaalib isaaf bahee ajjeesee akka daaraa bubbeen fuute isagodhe. Achitti yahuudaan harka kennattee biyya gadi dhiiftee baate.
Alhamdulillaahi galanni kan Rabbii guddaati………………………………..Itti Fuufa