Kutaa 2ffaa
Wanni haboon (Adaadaan) isaa itti himte tun mul’ataas ta’u hedduu isa gammachiise. Eegasirraa kaasee mul’ata ykn oduu haboon (adaadaan) isaa: isaaf himte tana sammuu keessa of deddebisaa ooluun hojii isaa tan halkanii fi guyyaa ta’e. Mul’ata ykn oduu haboon isaa himteef tanaas sammuu isaa keessatti qabatee cal’isuu hin dandeenye. Gara Hiriyyaa ykn jaalallee isaa Abu bakrii deebi’uun waan haboon isaa itti himte guutu itti hime.
Abbaan Bakriitis waan haboon isaa itti himte kana erga dhagahee booda, “Haboon tee dhugaa jette.” je’eenii akka Nabiyyiin ergame itti hime. Usmaan waan nabi Muhammad s.a.w ergamuu isaa yeroo san waan hin dhagahiniif.
Nabi Muhammad s.a.w ta’uu itti himee akkana je’een “yaa Usmaan haqni sirraa hin dhokatu.” Ummanni keenya dukkana akkam keessa akka jiran ni beeytaa. Osumaa ummanni keenya akkanatti jiranii Nabi Muhammad s.a.w Nabiyyummaan dhufee.” jachaanii kara islaamummaatti isa yaamuu eegale.
Usmaaniis eega dhugoomsee booda kara Nabi Muhammad s.a.w na geessitaa je’een. Abbaan Bakriitiis fuudhee nabi Muhammad s.a.w biraan gahe, Rasuulliniis Usmaaniin.” yaa Usmaan awwaadhu yaamicha Rabbii.” je’een. Inniniis Nabi Muhammad bira gahee islaamummmaaf ragaa ykn shahaadaa qabate. Isaa fi Abbaan Bakriitis warra dura islaamawan keessaa turan.
Usmaan Ruqiyyaa Fuudhuu
Nabi Muhammaditti s.a.w wahyiin bu’uu osoo hin eegalin dura Ruqiyyaan intalti Nabi Muhammad s.a.w ilma Abii lahab kan maqaan isaa Utbaa ja’amuuf qaadhimamtee turte. Eegas Nabi Muhammad s.a.w ergamnaan Abii Lahab adeerri Rasuulaa s.a.w diina itti ta’uun nama isa hordofu irraa gorsuu eegale. Jaartiin isaa Ummu Jamiil ammoo qoree karaa Rasuulli s.a.w deemurratti guuruudhaan dararaa turte.
Rabbiin hojii isaan lameenii tana balaaleefachuudhaan, suuraa Masad buuse. Abii Lahabii fi jaartiin isaa akka malee itti hammaachuudhaan Rasuula s.a.w taa’umsa fi deemiinsa dhoorkuuf maatii isaa wajjiin mari’atee, Akka ilmaan isaa ilmaan Nabi Muhammad s.a.w dur qaadhimatan akka gadi dhiisan irratti walii galan. Sababa kanaaf Utbaan gorsa haadhaa fi abbaa isaatiin Ruqiyyaa qaadhimummaa isaa jalaa baase.
Usmaan akkuma ilmi Abii lahab Utbaan, Ruqiyyaa gadi dhiisuu dhagaheen gammachuu irraa kan ka’e barrisuu gahe. Yeruma san gama Nabi Muhammad s.a.w deemee akka Ruqiyyaa qaadhimaniif gaafate. Nabi Muhammadis s.a.w heyyameefii fuudhe.
Usmaanii fi Ruqiyyaan bareeddinni isaanii kan fuulaa akka urjii halkan dukkana keessa wal faana iftuuti. Amalli isaan lameeniituu akkuma dachiiti haala gaarii, hedduu bareedaa fi wal fakkaataa ta’e qabaachuu turan.
Obsa Usmaan
Usmaan dargaggeessa Makka keessatti nama maqaa qabeessaa fi akkaan jaalatamaa waan tureef, Yeroo inni islaamawe dhagiyan warri Makkaa hedduu rifatan. Akka dargaggoonni isaanii miila Usmaan hin hordofneef wanni hin dalagin hin jiru. Sababa islaamaawu isaa dura fakkeenya dargaggoota Makkaa waan tureef.
Ummanni Makkaa kan kaafira turan akka Usmaan amanti islaamaa irraa garagalu isa balaaleffachuu, jibbuu, fi dararuu eegalan. Keessaafuu Adeerri isaa kan akka Haakim Binu Abil Aas ja’amu isa hidhuudhaan nyaataa fi dhugaatii malee darare.
Usmaan dararaan tun qaama isaa laaffisuu, Qalbiin isaa tan duraaniitirra akka Rabbiif bultu isa taasise. Adabbii tanaan isa dadhabnaan, Reebichaan eegale, kanattis dadhabnaan qaama isaa guutuu saalana maree ibidda itti qabsiisee hanga aarri isaa usmaan ukkaamsee ajjeesuu gahutti gube. Garuu Usmaan ifa arkee dukkanatti deebi’e keessa taa’uu irra je’ee du’a filate. Eegas booda Adeerri isaa hanga humni isaa danda’e agabsuu, reebuu, aaraan dararuu Usmaan akka durirra Rabbi galatoomfachutti jabaate. Usmaan islaamummaa irraa deebisuu dadhabnaan hidhaa irraa gadi dhiisan……………………………
…………………………………………………..Itti fuufa