Usmaan Ibnu Affaan

Kutaa 1ffaa

Bara mootiin sanyii Habashaa kan biyya yaman bulchaa ture. Duula ka’abaa diiguuf Arba fe’atee dhufe. Ergamaan Rabbii nabi Muhammad s.a.w dhalatanii, Usmaan isaan booda ykn bara Arbaa booda amata jaha turee dhalate.

Usmaan haala gaarii irratti guddate. Takkaa siidaa ykn taabotaaf sujuudee, gadi godhate (fogodee) hin beeku. Farshoo ykn dhugaatii sammuu hadoochu takkallee afaanin hin xuuyne.

Zamana jaahilummaa keessatti tapha shabaabaa ta hamtuu ykn gadii aantuu taate tamuu hin taphanne. Zulmii ykn hamtuu namarratti hin raawwanne. tolaa fi amala gaarummaa qabaachuun isaa tun dardara Qureeyshii beekkamaa fi jaalatamaa isa taasiste. Ummata kessatti gaarummaadhaan maqaan isaa yaamamaa ture.

Usmaan maatii gaarii keessaa dhalate. Gosa isaa keessatti, dinagdee fi arjoomaan waan maqaa qabuuf, dhugaa dubbachuudhaan, haqa namaa eeguudhaan, beellama kabajuudhaan, ummata Qureeyshii biratti beekkamaa ta’e.

Bara san keessatti beekkamtii fi jaalala isaa irraa kan ka’e haati joolle isii yeroo taphsiistu, maqaa isaatin akka armaan gadii jechuudhaan joollee faaarsuun taphachiisti.

Sin jaaladha – kakadhee Rahmaanittii.
jaalala Qureeyshiin -Usmaan jaalatanii.

Karaa dandeeytii barumsaatiin Usmaan akka gaaritti dubbisuu fi barreessuu nama danda’uudha. Hojitti immoo daldalaa dureessa fi maqaa qabeessa. Sababa inni haqa namaa eeguu fi dhugaa dubbaturraa kan ka’e, warri bittaaf bahe ummata Qureeyshii kan biraatirra, isa maamilummaaf filatan. Haalli kun immoo Usmaan hojii daldalaa keessatti bu’aa qabeessummaa isa goonfachiise. Duroomuu isaa irraa kan ka’ees fakkeenya dureessoota Qureeyshii warra ta’an waliin hiriiree lakkaawame.

Islaamahuu Usmaan Binu Affaan

Usmaan nama waa xinxaluun isaa akkaan fagoo taheedha. Sababa kanarraa kan ka’e ummanni Makkaa siidaa ykn taaboota gabbaruun isaa wallaalummaa dukkana jimjim akka ta’e durumarraa kaasee beeka. Kanaaf dukkana taaboota gabbaruu irraa akka ummanni gara ifaa iimaanatti fuula garagalfatu hawwaa ture.

Jidduma kana Abbaa Bakriitiin waahela waan taheef, Akkasuma haalli jara lamaanituu kan nabi Muhammadin s.a.w wal fakkaataa waan tureef nabi Muhammad s.a.w waliinis dhiheenya qabu ture. Haaluma kanaan osoo waliin jiranii, Rabbiinis nabi Muhammad s.a.w Rasuulummaaf isaan filate.

Usmaan Intala nabi Muhammad s.a.w Ruqiyyaa fuudhuf osoo inni yaadutti jiruu, wanni hawwii isaa dukkanessitu fi qalbii cabsitee isa nyeeneessitu uumamte. Ruqiyyaan inni waliin bultii jaarachuuf hawwaa ture,ilma adeera Rasuulaa s.a.w kan maqaan isaa Utbaa abii lahabiif akka kaadhimamte dhagahee. Usmaan intala namummaa gaarii qabdu, tan warra gaarii irraa dhalatteen wal jala dabruun isaa, hedduu itti dhagahame. Nabi Muhammad s.a.w akkaan haala miidhaga qabaatuus walitti dhiheenya qaban gara firummaatti jijjiiruuf yaadaa waan tureef mul’anni isaa abjuu qofa ta’ee itti golgolaawe.

Osoo inni hin yaadin; haalli kun uumamuun Usmaan yaadaan boqonnaa isa dhoorke, haala isaa tasgabbeessuu fi gadda itti dhagahame cabsachuuf gama warra isaatti deebi’e.

Usmaan osoo maatii isaa wajjiin Jiraachutti jiruu, haboon (adaadaan) isaa Su’uudaa intalli Kureeyzii tan ja’amtu mana ol seente. Su’uudaan intalli Kureeyzi manguddoo aqlii qabdu waan turteef haala Usmaan keessa jiru arkitee hasofsiisuudhaan, yaaddoo isaa irraa isa boharsuu eegalte. Keessaafuu.” nabiyyii siidaa (taabota) ummanni keenya wallalummaaf gabbaru irraa karaa meysee Rabbi tokko gabbaraa ja’u, kan siidaa (taabota) caccabsee diigutu dhufe jetteen atis waahila nabiyyicha kanaa taata, intala isaatis ni fuuta.” jettee ka himteef, sammuu duraan yaadaan weeraramte. Dubbii haboo isaa dhageenyaan, abdii godhatee ganamaa fi galgala sammuu isaa keessa deddebisuu eegale……………………………….Itti fuufa

Leave a Comment

Shopping Cart