Kutaa 7ffaa
Du’a Umar ibnu Kaxxaab
Umar mootummaan isaa eega babal’atte, magaalota hariya hedduu jaare. Fkn; Kuufaa, Basraa, Fusxaax fa’a. Warroota magaalota bulchan namoota gaggaarii kan Qur’aana, Hadiisa, sunnaa ykn karaa Rasuulaa s.a.w beekan aangoof dirqama ta’uu beeysisee magaalota hundarratti bulchaa godhe.
Halkan tokko manaamni Umar kan Lukkuun taraa lama isa kontooru (waraanu) arkee, ganamuma san namootaaf hime. Araba biratti Lukkuun alagaadha. Sababa kanaaf nama Araba hin tahiniitu na ajjeesa je’ee hiikkate. “Ani wareegama (shahiidummaa) niin arkadha je’ee dubbate.
Sababa biyyoonni islaamaa hundi baballatteef waraanni muslimtootaa heddummaatee, biyyoota hedduu qabatanii diin islaamaa babali’saniif jecha dararaan kaafirtootaatif munaafiqtootaa hedduu jabaachaa dhufte.
Yeruma kana kaafirtootaa fi munaafiqtoonni lafti itti dhiphattee hedduu yaaddawan. Dhiphinna isaaniitiifis; falli amiira mu’imintootaa Umar ajjeesuu qofa akka ta’e wal mari’atan. Keessaafuu; kan akka Hurmuzaan dhalataa biyya Faaris kan tahe, Jufeeynaa kan amantiin Nasaaraa ta’e, fi Abu Lu’lu’aa kan amantiin isaa Majuusaa ta’e Umar ajjeesuf murteeffatan.
Guyyaa tokko salaata subhii irratti amiira mu’mintootaa Umar ajjeesuuf Abu Lu’lu’aan akka isaaf tolutti mijjeefatee tarree salaataa tan duraa keessa dhaabbatee eege. Amiirri mu’mintootaatis Umar akkuma dur imaamummaaf duratti bahe. Yeruma Umar salaatatti seene garaa isaa keessa tara takka diree, baafachuuf of duuba garagalee namoota isa duuba jiran, if duraa diddiraa gad bahe. Namoota inni diddire keessaa 7 ni du’an 6 ni madaawan. Dhumarratti namtichi tokko uffata fuularratti darbinaan Abu Lu’lu’aan lafa dhahee bakkuma kufetti ifumaaf if diree if ajjeese. Umar ummataan salaatuu dadhabuu isaa agarraan harka Abdurahmaan binu Oowfii qabee akka ummata salaachisuuf duratti harkisee dabarseef. Umar fuudhanii mana isaa geessan. Umar gara manaa isaa eega geessanii booda gaggabbii irraa akka bayfateen ummanni salaatee je’ee gaafate. Akka salaatan sahaabonni itti himnaan “namni salaata dhiise islaamummaa keessaa qooda hin qabu.” je’ee osoo dhiiyni irraa yaa’uu wudu’a godhatee salaate.
Eegas booda warroota koree marii 6 jahan Usmaan binu Affaan, Aliyyii binu Abiixaalib, Abdurahmaan binu Oowfi, Zubeeyri binu Awwaam, Xalahaa binu Ubeeydullah, Sa’aad binu Abii Waqqaas, eega yaamsisee isaan dhufnaan kitaaba Rabbii qabadhaa je’ee dhaameef.
Umar jannata qofatti osoo hin taane awwaalcha qabriitiinis oollaa Rasuulaatii fi Abbaa Bakrii ta’uu waan hawwaa tureef awwaalcha isaatiif Aa’ishaa hayyama gaafate. Aa’ishaan hayyamnaafiin gamachuu irraa kan ka’e akka nama hin dhukubsatiniititti humni isaa jabaatte “murtiin Rabbii taatee jirti.” je’ee Rabbi galatoomfate.
Akkuma hawwii isaa baatii Muharram hijraa irraa ganna 24tti du’ee ganama guyyaa Alhadaa ollaa nabiyyiitii fi Abbaa Bakriititti awwaalame.
Inni aduunyaa haqa dalaguu fi qajeellumaan guute, gara laafiinsaa fi haala rifataa taheen haala kanaan adunyaa tanarraa godaane.
Amiira mu’mintootaa Umar eenyummaa isaa ibsuuf jechi nutti xiqqaata. Hundumaafu galata inni ummata islaamaatiif oole Rabbiin jannatatti isaa haa kafaluu……………………….Xumuramee jira.