Umar Ibnu khaxxaab

Kutaa 6ffaa

Galgala tokko Umar; gabricha isaa wajjiin osoo deemu jiruu, intala takka tan okkotee ibiddarra keessee, tan joolleen isii beelaa fi qabbanarraa moggaa isii teessee boochu arkee itti gore. “Joolleen maaliif booyan?’ je’ee gaafannaan beelaa fi qabbanaatu boochisa jettee deebisteef. “Haala keessan kana Umar quba ni qabaa?.” je’ee gaafate. “Umar nu quba hin qabu. Mootummaa keenya mooyee nu irraanfate.” jettee deebisteef. Yeruma san Umar rifatee gabricha isaa wajjiin deemee gara mana walitti qabama midhaanii ykn magaazinaa dhage.

Umar ficaa fi zeeta gabricha isaatiin duuyda kiyyarra naaf kaayi je’ee gaafannaan gabrichi immoo baadhachuun akka dirqama gabraa tahe beekee baadhachuu fedhe. “Guyyaa qiyaamaa cubbuu tiyya situu narraa baadhataa?.” je’eenii dide. Duuyda isaa irratti baadhatee deemee nyaata godheefii joollee nyachisee obaasee haadha joolleetiin; ganama Umar biratti natti koottu, achitti na agartaa je’eenii biraa deeme.

Borumtaa ganama deemtee arkitee akka inni Umar ta’e beeytee rifatte. “Hin rifatin.” je’eenii isii fi ilmaan isiitiif mindaa ji’aa godheef, mana dinagdee muslimootaa irraa.

Eega Umar du’e sahaabtichi maqaan isaa Usmaan binu Abil Aas ja’amu; jaartii Umar fuudhe. Maalif akka fuudhe gaafannaan Rabbii kiyyatti kakadhee kajeellaa dinagdeeti fi ilmaaniitiif isii hin fuune. Akkaataa Umar galgala ibaadaa itti godhu natti haa himtuuf malee je’ee deebiseef.

Guyyaa tokko Umar salaata Jum’aa khuxbaa irra ture. Eegas booda dhufee ummata dhiifama gaafatee, waan isa mudate akkana je’ee himeef: “ani uffata tokko malee hin qabu na duraa baqeeynaan jaartiin tiyya hanga isiin naaf hodhituutin eeguu ture.” je’ee rakkoo isaa himeefii dhiifama naaf godhaa je’een.

Akkasuma biyya Shaam dhaqee nyaata takkaa inni hin nyaatin godhanii dhiheessinaafiin, heedduu eega dinqisiifatee booda akkana isaaniin je’e “mee yoo nuti kana nyaanne, dhabaan muslimtootaa hoo; warroonni biddeena goggogaa nyaatanii hin quufin hoo maaliin jiraatan?.” je’e.

Guyyaa tokko magaalaa dhaqee Gaala gabbataa tokko arkee “Gaalli kun kan eenyuuti?.” je’ee gaafate. Ilmi isaa Abdallah kan ja’amu “kiyya anaatu warroota Gaala tiksanitti kennadheetiin akkanatti naaf gabbatee deebi’e.” je’een. “Kan ilma Amiira mu’mintootaati ja’anii kan namaatiin adda baasanii siif gabbisanii mitii?.” je’ee: Gaala gurguree maallaqa duraan inni ittiin bite deebiseefii, bu’aa arkame kara mana tajaajila dinagdee muslimootaatitti deebise.

Waan raajii namatti tahu guyyaa tokko; guyyaa oowwi isaa akkaan jabaatu, keessummaan biyya Iraaq irraa itti dhufte. Gizee kana Umar Gaalota sadaqaa wajjiin cinqamutti jira. Kessumoota keessaa; namni tokko akkana isaan je’e. “Yaa Amiira mu’mintootaa; hanga ifiif Gaala kanaa wajjiin cinqamtu, maaliif nama gabraa kan tiiysu itti hin barbaanne.” isaan jannaan: “anarra nama gabraatu jiraa? akka gabri sayyida isaatiif gabraa, ani cufa muslimtootaatiif gabra.” je’ee deebiseef.

Gaafa tokko halkan ummata to’achuuf osoo ganda keessa deemuu, haadhaa fi intala isii  kan wal morman arke. Haati intala isiitiin “yaa intala tiyya bishaan aannanitti naqii magaalaa geessi.” jetteen. Intaltiniis akkana jettee haadha isiitiif deebiste. “Lakkii! Bishaanii fi aannan walitti laaquu Umar dhoorkee jiraa.” jettee deebisteef. Haati intalaa ammaas deebistee; “Umar wahi nu arkaa, jetteenii walitti naqi.” jetteen. “Yoo Umar nun arkine, Rabbiin Umar nun arkuu?.” jettee intalti haadha cubbuu irraa deebiste. Yeruma san Umar dubbii intalaa dhagahee, kara ilma isaa Aasim ja’amuu deemee intala san akka fuudhu ajaje. Aasim intala san fuudhee intala maqaan isii Leylaa ja’amtu irraa arkate.

Intala Aasim arkate tana, Abdul Aziiz binu Marwaan kan ja’amu fuudhee ilma maqaan isaa Umar ja’amu irraa arkate. Umar kuniis kan kaliifaa 5ffaa Umar binu Abdul Aziiz kan ja’amu bara bulchiinsa isaa keessatti dinagdeen heddummaattee yookiin baayyattee, qananii irraa namni sadaqaa fudhatu dhabame.

Guyyaa tokko Umar ibnu Kaxxaab sahaabota isaa walitti qabee “mee hawwiin teessan maali?.” je’ee gafate. Osoo addunyaan tun Ziqiyaan guuttamtee, eegasii sadaqanne hawwii teenya ja’aniin. Eegas Booda “mee atihoo maal hawwita?.” ja’anii gaafatan. “Ani osoo dhirran akka Abu Ubeeydaa binu Jarrah, Mu’aaz binu Jabal, Saalim Mowlaa abii Huzeeyfaa, Huzeeyfaa binu Yaman kan akka isaanii lafa tana osoo gutaniin hawwa.” je’ee deebiseef……………………..Itti fuufa

Leave a Comment

Shopping Cart