Kutaa 2ffaa
Guyyaa tokko Umar nabi Muhammadii s.a.w fi sahaabaan isaa Gaara safaa jalatti walitti qabaman jechuu dhagahee seeyfii isaa luqqifatee nabi Muhammad s.a.w ajjeesuun qaba jedhee bahe. Yeruma san namticha gosa banii Zuhraa irraa taheen walitti dhufe. Namtichi “eessa deemta?.” jedhee isa gaafannaan Muhammadiin “ajjeesuu deema.” jedheen. “yoo ati isa ajjeefte gosti isaa banii Haashimii fi banii Abdimanaaf si dhiistii yaaddaa?.” Jedheen. Umaris dallanee “Atiin kunuu isa jala deemuu hin ooltu.” isaan jedhe. Namtichis “sila obboleettiin tee Faaximaa fi jaarsi isiitilleen Seid binu Zeyd islaamawanii, jiranii yoo ajjeesuun kee hin oolle ofirraa eegalii.” jedheen.
Yeroma san gara mana Faaxumaatti qajeele. Yoo mana obboleetitti dhihaatu sagalee qur’aanaa namni mana keessaa qara’utti jiru dhagahe. Sagaleen dhagahes sahaabticha Kabbaab jedhamu, obboleettii isaatii fi jaarsa isii qaraasisutti jira ture. Umar mana seennaan Kabbaab duraa dhokate. “maali sagaleen ani dhagahe?.” jennaan obboleettiin “nuti homaa hin dhageenye.” jetteen: “isin lamaan islaama taatan jechuun dhagahee jira. Dubbiin tun dhugaadhaa jedheen?.” Battalumatti jaarsi Faaxumaa akkana isaan jedhe “atuu osoo islaamoytee, towbattee, waan ormi kee gabbaru kana dhiiftee.” jennaan Umar dhahaa jabduu dhahee lafatti kuffise. Faaxumaanis jaarsarraa dhoorkuudhaaf kaanaan: isiis dhahee dhiiga fuularraan garagalche. Dhiiga isii arkee heedduu rifatee garaa nyaatte.
Waraqaa qur’aanaa tan harkaa qabdu askanni jedheen. “Ni ciccirtaa sitti hin kennu!.” jennaan Umar hamtuu takkaanillee akka hin xuuyne isiif kakate. Faaxumaaniis dallansuu isii irraa tasgabooytee “Ati najisaa ka’ii dhiqadhu.” jetteen. Ka’ee dhiqatee xalayaa qur’aanaa tan suuraan Xaahaa itti barreeffamte; haga Ayaata 14tti qara’e.
طه (1) مَا أَنْزَلْنَا عَلَيْكَ الْقُرْآنَ لِتَشْقَى (2) إِلَّا تَذْكِرَةً لِمَنْ يَخْشَى (3) تَنْزِيلًا مِمَّنْ خَلَقَ الْأَرْضَ وَالسَّمَاوَاتِ الْعُلَى (4) الرَّحْمَنُ عَلَى الْعَرْشِ اسْتَوَى (5) لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا وَمَا تَحْتَ الثَّرَى (6) وَإِنْ تَجْهَرْ بِالْقَوْلِ فَإِنَّهُ يَعْلَمُ السِّرَّ وَأَخْفَى (7) اللَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا هُوَ لَهُ الْأَسْمَاءُ الْحُسْنَى (8) وَهَلْ أَتَاكَ حَدِيثُ مُوسَى (9) إِذْ رَأَى نَارًا فَقَالَ لِأَهْلِهِ امْكُثُوا إِنِّي آنَسْتُ نَارًا لَعَلِّي آتِيكُمْ مِنْهَا بِقَبَسٍ أَوْ أَجِدُ عَلَى النَّارِ هُدًى (10) فَلَمَّا أَتَاهَا نُودِيَ يَا مُوسَى (11) إِنِّي أَنَا رَبُّكَ فَاخْلَعْ نَعْلَيْكَ إِنَّكَ بِالْوَادِ الْمُقَدَّسِ طُوًى (12) وَأَنَا اخْتَرْتُكَ فَاسْتَمِعْ لِمَا يُوحَى (13) إِنَّنِي أَنَا اللَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا أَنَا فَاعْبُدْنِي وَأَقِمِ الصَّلَاةَ لِذِكْرِي (14)
“maalumaatu qur’aana kana akkanatti tolchee isa kabaje?.” jennaan sahaabtichi duraan mana keessatti dhokate Kabbaab binu Arattii itti as bahe “gammadi yaa Umar!.” isaan jedhe. “Ergamaan Rabbii kan du’aa’ii kadhatu dhagahee: akkana jedhee; ‘Yaa Rabbi islaamummaa tana jabeessi. Umarii fi Abu Jahli irraa tokkoon’ jedhe. “Sunis ani sitahuun kajeela.” yeroma san “gara Muhammad jiru na garsiisi, dhaqeetin islaamawaa.” jennaan akka gama mana Gaara Safaa san jiru itti hime.
Umar seeyfii isaa fannifatee dhaqee balbala itti dhadhahee: eegasii; sahaabtichi tokko qaawaan laale. Umarii seyfii fannifatee dhaabbatu arkee rifatee gama Rasuulaa s.a.w deebi’ee; “Umariitu seyfii qabatee balbala dura dhaabbata.” jedheen.
Yeruma san Hamzaan binu Abdul Muxxalib “yaa Rasuula Rabbii s.a.w hayyamiif, yoo kan nagiyaaf dhufu taate, isa kabajna: yoo inni hammeenyaaf dhufe immoo seeyfuma isaatiin isa ajjeesna. Jennaan ergamaan Rabbii s.a.w hayyama isaaf godhe akka seenuuf.
Umar akkuma seeneen ergamaan Rabbii s.a.w morma isaa qabee hurgufaa “maaltu sifide?.” jedheen “Rabbiif Rasuula s.a.w isaatti amanuufiin dhufe.” jennaan ergamaan Rabbii s.a.w gammadee “Allahu Akbar!.” jedhe.muslimtoonnis akka inni amanuu dhufe beekanii gammadan umariis achumatti islaamawee hojii eegale.
Umar yeruma san; “gadi baanee islaamummaa teenya haa mul’ifannuu je’ee sahaabota bakka lamatti qoode. Hanga takka, ofii hogganee hanga kaan Hamzaan hogganaa, haala saniin islaamummaa yeroo dheeraaf dhokatte ifatti baasan.
Mushriktoonni Makkaa humna jabeeffachuu islaamummaa arkinaan hedduu rifatanii gaddan. Keessaafuu islaamawuun Umarii fi Hamzaa hamilee isaanii tan islaamuummaa bariidhaan balleesina ja’anii dhaadachaa turan hamilee cabsite………………….Itti fuufa