Kutaa 8ffaa
Abbaan Bakrii waraana Rasuulli s.a.w biraa du’an san duulaaf yeroo inni deebisee qopheessu, gargaaruun erguuf deemu ummanni muslimaa dura dhaabbate. Ummanni Arabaatuu diin keessaa fuula garagalfatee, akkamitti biyya biraatin loluuf deemtaa. Dura ummatuma kanaan loli ykn Osaamaa binu Zeydii umriin isaa xiqqaadha hoggantummaa nama osaamaa aqlii fi beekkumsa lolaatin caaluusaniif kenni jedhaniin. Yeroo kana Abbaan Bakrii Lolee (firinxiixee) nama Rasuulli s.a.w hoggantummaa isaaf kenne irra fuudhi naan jettanii jedhee dide.
Abbaan Bakrii waraana bakka kudha tokkotti hiree waraana Osaamaa binu Zeydii akkuma Rasuulli s.a.w hoggantummaa kennaniif inniniis isaaf deebisee gara biyya Ruumii duulsise, Kan hafan immoo biyya Arabaa keessa deebisee duulchise. Rabbiinis isaaf tumsee waraanni kudha takkanuu injifannoo fi milkii goonfatan. Sababa Abbaa Bakriitiin Rabbiin diin islaamaa tiiyse.
Duula kanneen keessatti sahaabonni qur’aana qomatti qabatan ykn haffazan hedduun dhumuu kan qalbise Umar ibnul-Kaxxaab, Keessattuu duula yamaamaa namticha ani nabiyyiidha ofiin jedhu Museylamatul Kazzaab kan jedhamu duula taasifame irratti eeydoota qur’aanaa ykn haafiztoota qur’aanaa dhibba shan ta’an waan dhumaniif, Gara Abbaa Bakrii deemuun yaada qur’aanni haa bakka tokkotti walitti qabamuu jedhu kaase.
Abbaan Bakrii waan Nabin s.a.w keenya hin godhiin akkamitti raawwadhu naan jetta? jedhee didullee, eegas booda qur’aana walitti qabuun irra caalaa ta’uu barraan sahaabticha Zeyd binu Saabit kan jedhamu kan wahyii Rasuulaa s.a.w irraa barreessaa tureen akka walitti qabu ajajan. Qur’aannis akka yaadanitti walitti qabamee harka Abbaa Bakrii gale. Abbaan Bakrii duunaan harka Umar ibnu Kaxxaab gale. Umar duunaan harka Hafsaa intala Umar gale.
Rabbi Sodaachuu Abbaa Bakrii
Guyyaa tokko gabrichi Abbaa Bakrii tokko nyaata isaaf dalagee fidee fi eega inni nyaate booda gabrichi nyaata nyaatte eessaa akkaan fide ni beeytaa? jedhee gaafate. Hin beeku jedhee deebiseef. “Zamana jaahilummaa keessa namticha tokkootu sobaan raageefiitin yeroo san maallaqa naaf hin kennine ture, har’a naaf kennee eegas maallaqa saniin bitee nyaata siif godhee fide.” jedheen. Yeruma san Abbaan Bakrii quba afaan of kaayee waan nyaate of haqqisiise, sodaa Rabbitiif je’ee.
Du’a Abbaa Bakrii
Abbaan Bakrii guyyaa qabbanaa tokko bishaan qabbanaawaan qaama dhiqatee leydaa ykn qaxaxxeen qabame. Hanga guyyaa kudha shanii mataa olqabachuu dadhabnaan adunyaa irraa garaa murate.
Abbaan Bakrii Bara godaansaa irraa waggaa 13ffatti dhukkubsannaan dhibee san irraa akka hafuu hin dandeenye baree, Akka Umar ibnul Kaxxab bakka isaa bu’u fedhee warroota dhimmi isaan ilaallatuun mari’ate. Hundinuu yaada isaa irratti waliigalan. Erga dhimma bulchiinsa islaamaa karaa qabsiise booda Abbaan Bakrii Aa’ishaa yaamee namni ani maatii kiyya irraa sirra jaladhu hin jiru oorruu dhugaan sif kennee ture garu gochi sun na qubsaa hin jiru. Oorruu san dinagdee dhaalma maatii keessa olchi jedhaniin. Isiinis ajaja isaanii tole jettee fudhatte.
Abbaan Bakrii erga angoo qabatee waan dinagdee isaa irratti dabalame cufa laalchisee kan argame hunda ofirraa gara Umar erge. Akka nama bulchaa tokkootti nyaata gaarii fi dhugaatii gaarii nyaatee osoo hin dhugin qabeenya tokkollee osoo bu’aa ofiitiif hin olfatin Rabbi sodaadhaaf malee maaliif ta’a ture?
Umariis gabra biyya nuubii Gaala bishaan obaasuufi uffata buburree Abbaa Bakrii irraa ergamte argee jennaan booyee imimmaaniin dachii akka titiifuu roobaatti lafa jiissaa Abbaan Bakrii Rabbi irraa haa jaalatuutii dhugumatti ba’aa guddoo baadhachisee jira nama isa boodaan jiru je’e.
Dhibeen itti jabaannaan Abbaan Bakrii guyyaa keessa jiru guyyaa kam akka ta’e namoota isa cinaa jiru gaafachuun akka guyya Isniinaa ta’e addaan baafate yoon guyyaa Isniinaa kana du’e borutti nan eeginaa rasuulatti fakkaachuun jaaladha jedhee dhaammate. Duuti kennaa Rabbiin ilma namaatiif qoode kan ganamaa waan ta’eef Abbaan Bakriitis du’uun dirqama itti taate. Guyyaa isniinaa bara godaansa ykn hijraa irraa ganna kudha sadihitti adunyaa tanarraa du’aan boqate…….Xumurame jira