Abu Bakri Siddiiq

Kutaa 5ffaa

Rasuulli s.a.w akka ummanni Makkaa hin amanin hubatanii Jibriiliin ummanni kiyya nan dhugoomsine jedheen. Jibriilis Abaa Bakriittu sidhugoomsa jedheen inni Siddiiqi. Siddiiqi jechuun dhugoomssa jechuudha.

Godaansa Abu Bakriitii fi Rasuulaa s.a.w

Nabi Muhammad s.a.w gara mana Abbaa Bakrii deemun akka Rabbiin godaansa (hijraa) eeyyameef itti hime. Abbaan Bakriis gammachuu guddoo gammaduu irraa kan ka’e booye. Osoo manarraa hin bahin Abbaan Bakrii yaabbii lama siinqii /galaa/ waliin qopheessee, yaabbii isaan lamaanii namticha kaafiraa Abdallah ilma Ureyqix kan karaa beekuun beekkame bira kaahee biraa deeme. Sana booda godaansa seenaa islaamaa keessaatti hanga har’aa Hijraa jedhamtee beekkamtu eegalan.

Rasuula s.a.w fi Abbaan Bakrii godaansaaf hanga gaara Sowrii gahanitti miilaan deemanii, gaara san keessatti goda wahii argan. Abbaan Bakrii goda seenee eega qulqulleessee booda boollowwan hedduu cufe. Garuu boolla takka waan ittiin cufu dhabee jennaan, faana miila isaatiin afaan gubbaa dhaabbatee cufe. Rasuulas s.a.w akka ol seenu affeere.

Nabi Muhammadis s.a.w erga ol seenee booda, mataa isaatiin miila Abbaa Bakriititii irkatee rafe. Osoo Nabi Muhammad s.a.w hirriba keessa jiruu Abbaa Bakrii qaawwa inni miilaan cufe keessaan miila isaa Jawween ykn Qajjibbuun ciniinte.

Abbaan Bakrii nyaatama (ciniinnaa) qaama isaa kana Rasuula s.a.w hirriba keessaa dammaqsuun waan itti ulfaateef jecha itti obse. Garuu qaama isaa irra inni hirriba Rasuulaa filatus, ijji isaa laalaa irraa kan ka’e imimmaan roobsuurraa caamuu hin dandeenye. Imimmaan ija isaa keessaa maddee fuula isaa irra akka lolaatti gadi yaa’ee, boqoo Rasuulaatti s.a.w gadi cobe. Yoo kana Rasuulli s.a.w hirribaa dammaqe. Imimmanahuu Abbaa Bakrii sababaa gaafate.

Abbaan Bakriis “Yaa Rasuula Rabbii ni ciniiname bar.” jedheen. Yeroma san Rasuulli lafaa utaalee ol ka’ee bakka inni ciniiname sanitti tufee jannatas isaa kadhate. Rabbiinis tuftoma kana dawaa godheefii fayyiseen.

Mushriktoonni ykn warri Rabbitti kafaran faana dhahanii dhufan. Hamma goda Rasuulli s.a.w fi Abbaan Bakrii keessa jiranitti. Abbaan Bakrii miila kafirtootaa argee, gara kaafirtootaa laalaa “yaa Rasuula Rabbii s.a.w tokkoon isaanii osoo gara miila isaanii gadi laalanii silaa nu argan.” jedheen. Rasuullis s.a.w haala Rabbii isaa dhugoonfataa taheen, “yaa Abbaa Bakrii maali seeteen tee nu lamaanitti haala sadaffaan keenna Rabbiin tahee jirutti jedheni. Rabbiin ijaa kafirtoota jalaa isaan haguuge.

Osoo aakkanatti jiranuu, Kaafirtichi Abdallaah ilmi Ureyqix dhufee isaan lamaan erga goda keessa guyyaa sadi bulanii booda fuudhee kara Madiinaa isaaniin deeme.

Jaalala Abbaan Bakrii Rasuulaaf Qabu

Yeroo karaa deeman Abbaan Bakrii dura Rasuulaa s.a.w darbaa, al tokko tokko immoo duuba isaanii, Moggaa mirgaa fi bitaa Rasuulatti s.a.w naannawaa deema. Rasuulli s.a.w gocha isaa kana arganii “maal taate Abbaa Bakrii?.” jedhanii gaafatan. Abbaan Bakriitis hamtuu irraa isaan eeguuf akka irra garmaamaa jiru itti hime. Yeroo dadhabbii irratti argu immoo bakka gaaddisaa barbaadee afeefii, Rasuula s.a.w ciibsee ofii isaatii taa’ee hamtuu irraa isaan eega.

Guyyaa tokko osoo isaan ciibsee eeguun; Tiksee re’ee tokko argee akka mallaqaan aanan isaaniif elmu gaafate. Aanan mucaan elmee kenneef Rasuulaa s.a.w geesse. Hamma hiribaa ka’uu eegee obaaseen.

Haala saniin deemanii Madiinaa gahan. Warri Madiinaas haala gaariin simannaa godhanii fi moggaa ganda Madiinaa bakka Qub’aa jedhamtu yeroof qubatan……………..Itti fuufa

Leave a Comment

Shopping Cart