Sammuun yaada akka ifii barbaadetti uumuu danda’a. Waa’ee ofii isaas ta’ee dhugaa addunyaa isa sitti beekee akka fedhetti qajeelchuu danda’a. Kanarra dabrees waan itti amanu, akkasumas waan hojjetu akka isaatti tolfachuun sammuu isaa amansiisuu danda’a. San booda sammuun ni dandeessa jedhaani. Faallaa kanaa yaadaan of gaadi’anii miira gadaantummaa fi hin danda’u jechuun yoo of amansiisan…hojii salphaa hin dandeessu siin ja’a Sammuun. San booda hojjetanii bakka yaadan gahuun ni hafa. Dura yaada kee hogganta, booda immoo yaada sammuu kee keessa jirutu si hoggana. Siif galee? Dhaabbadhu fakkeenya kanaan siif himaa.
Nyaatakee filattee nyaatta. Fakkeenyaaf dhadhaa yoo nyaatte hanga liqimsitutti situ hoggana. Liqimsuus dhiisuus ni dandeessa. Garuu eega qaama seeneen booda qaamakee ijaaruu fi dhiisuu isaatu hoggana. Summiinis akkasuma fedhii keetiin dhiisuu dhuguus ni dandeessa. Eega liqimsitee booda garuu qaamakee diiguu fi dhiisuu irratti aangoo kan qabu summii sani! Ammahoo siif dhufee? Eeyyee dura yaada filattee gara sammuu teetii seensisuu dandeessa. Eega seenee booda garuu gabra yaada keetii taata. Yaadakee eeggadhu!