Sammuun madda beekkumsaati; doofummaan illee sammuu keessaa madda!

Addunyaa kana irratti warri qaroomes ta‟ee warri doofummaa haammatee rafu, tolcha godhatanii miti. Sammuu ofii fayyadamaniiti.
Warri qaroome humna sammuu beekee, hojjetee qaroome. Warri doofummaan mataa irratti mana ijaarrates, of wallaalanii waan hojjechuu qaban hojjechuu dhabaniiti. Qaroomni samii irraa akka bakakkaatti kan bu‟u miti; lafa keessaa akka burqaattis hin bahu.

Coba yaadaa sammuu keessatti biqiletu walitti qindaa‟ee, gurmuu fi humna qabaniin hojiidhaan dabaalu. Fakkeenyaaf Gadaan jalqaba yaada ture. Yaada sammuu namoota muraasaa keessatti cobe. Sana boodaa akka dambalii bishaanii bal‟achaa deeme.

Leave a Comment

Shopping Cart