Gaarummaan immoo madda bareedina keessaati. Dhalli namaa uumamaan gaarummaan kennameefi jira.
Gaarummaan gaarii godhuu irra gaarii ta’anii argamuudha. Gaarummaan sagalee malee dhaga’ama. Fageenyaan hin daangeeffamu. Qabeenya irratti hin hirkatu. Gaarummaan onnee namaaf mararfamuu fi sammuu waan gaarii yaaduun namaaf galaafama.
Gaarummaan madda bareedina keessa sammuu namaati. Dhalli namaas, ta’ee uumamni biroo bareeduuf waan hin goone hin qabu. Hunduu bareedee akka hundi afaan qabatee dhaabbatee ilaalu barbaada. Yeroo baay’ee dhalli namaa bareedina ijaan argu faana osoo culuullatuu bareedina isa ijaan hin mul’anne garuu kan nama nama
taasisu dhaba. Qarshiin, aangoo fi sadarkaan barnootaa qaamaa fi uffataan nama bareechuu danda’a. Garuu boqonnaa fi gammachuu kan namaaf kennu bareedina sammuuti. Sammuun dabaa fi gidiraa yaadu,
saamichaa fi ajjeechaa, akkasumas qaraa fi qaroomina sabaa fi nama biraa balleessu boqonnaa hin argatu. Akka fedhetti nyaatee dhuga garuu itti tolee akka fedhetti jiraachuu hin danda’u. Sababni isaas garaan quufee rafuus sammuun gocha kee badaadhaaf murtii dura si dhaaba waan ta’eef!
Yeroo hedduu namoonni guyyaa daba hojjechaa oolanii, mana namaa diigaa, jiruu namaa balleessaa, uffata isaanii keessatti maraatan halkan osoo asii fi achi galagalanii itti bari’a. Sammuun isaanii itti iyya waan
ta’eef.
Faallaa kanaa hiyyeessi haqni isaa haqanqaalamee, uffata gatee maraate, karaa irra dashaq jedhee rafa.
Maarree gaarummaan yeroo hedduu warra uffataa fi konkolaataa gatii jabaa qaban osoo hin taane, warra uffanni isaanii xuraa’ee fi onneen isaanii fayyaalessa ta’e bira jiraatti. Kanaafuu madaalliin namummaa gaarummaa isa sammuu keessa miidhaksu malee kan alaan nama kuulee keessa amala yeeyyii namaaf kennu miti.
Gaarummaan qoricha godaannisa hin mul‟anne fayyisudha. Dhalli namaa oolmaa gaarummaa yoo dagate illee bineeldonni akka saree, ameessii fi fardi gaarummaa hin dagatani. Sareen nama ishee guddise hin dagattu. Ameessi illee haadha qe‟ee ni beekti. Fardis abbaa warraa gatee hin galu, yoo kufee ala bule waliin ala bula.
Gaarummaan faaya dhala namaa faayuudha. Amala miidhagaa nama biraa illee miidhagsuudha.