October 2024

Umar Ibnu khaxxaab

Kutaa 6ffaa Galgala tokko Umar; gabricha isaa wajjiin osoo deemu jiruu, intala takka tan okkotee ibiddarra keessee, tan joolleen isii beelaa fi qabbanarraa moggaa isii teessee boochu arkee itti gore. “Joolleen maaliif booyan?’ je’ee gaafannaan beelaa fi qabbanaatu boochisa jettee deebisteef. “Haala keessan kana Umar quba ni qabaa?.” je’ee gaafate. “Umar nu quba hin qabu. […]

Umar Ibnu khaxxaab Read More »

Umar Ibnu Khaxxaab

Kutaa 5ffaa Bulchiinsa Umar Ibnu Kaxxaab Mootummaa isaa keessatti waraana jajjabaa qopheessee, biyyoota hedduu cabsee diin islaamaa baballisaa ture. Biyyoota inni cabse keessaa; Faaris, Persia, Iraaq, Shaam, Masri, Ruumii fi biyyoota birootis cabsee mootummaa isaa jala oolche. Faaris (Persia) waraanni muslimootaa bay’inni isaanii laakkofsaan 10,000 kan gahan hoogganummaa Abu Ubeeydaa binu Mas’uud kan ja’amuun hogganamee,

Umar Ibnu Khaxxaab Read More »

Umar Ibnu Khaxxaab

Kutaa 4ffaa Qur’aanaa fii Umar Umar ibn Kaxxaab qur’aana suuraa Al-baqaraa waggaa 10ni /kudhani/ ol irra ture. Osoo yeroo gabaabdutti haffazuu dandahuu sababni, isaas aayata takka bira hinkutu, hujirra oolchuu malee. Yeroo qur’aana dhageeffatu hedduu booya.Guyyaa tokko osoo yaabbiidhaan karaa deemu, gurbaa tokko kan suuraatu Xuur aayata 7 – 8 gahutti qara’u dhagahe إِنَّ عَذَابَ

Umar Ibnu Khaxxaab Read More »

Umar Ibnu Khaxxaab

Kutaa 3ffaa Islaamummaan akkuma doqna arjoomsitu, luyna gootomsitu Umariinis Leenca islaamaaf bookkisu gootee isa jijjirte. Kan dur ergamaa Rabbii ajjeesuuf halkanii fi guyyaa hirriiba dhabaa ture, amma isa tiiysuuf lubbuu, joollee fi dinagdee isaatiin kan akka utubaatti islaamaaf dhaabbatu ta’e. Gara jabummaan dur ummata islaamaatif qabu mi’aan qur’aanaa fi dhugaan diin islaamaa onnee isaa wasaka

Umar Ibnu Khaxxaab Read More »

Umar Ibnu Khaxxaab

Kutaa 2ffaa Guyyaa tokko Umar nabi Muhammadii s.a.w fi sahaabaan isaa Gaara safaa jalatti walitti qabaman jechuu dhagahee seeyfii isaa luqqifatee nabi Muhammad s.a.w ajjeesuun qaba jedhee bahe. Yeruma san namticha gosa banii Zuhraa irraa taheen walitti dhufe. Namtichi “eessa deemta?.” jedhee isa gaafannaan Muhammadiin “ajjeesuu deema.” jedheen. “yoo ati isa ajjeefte gosti isaa banii

Umar Ibnu Khaxxaab Read More »

Umar Ibnu Khaxxaab

Kutaa 1ffaa Nabi Muhammad s.a.w akka je’e “osoo na boodaan nabiyyiin jiraatee silaa Umariitu taha! je’e.” “Garuu ani nabiyyii boodaati nabiyyiin biraa na boodaan hin jiru.” Inni nama islaamummaan isaa Banaa [Furtuu] islaamummaa tahe. Godaansi isaatilleen tumsa ummata islaamaa tahe. Akkasuma inni nama mootummaan isaatilleen mootummaa haqaa taate. Inni nama yeroo hedduu qur’aannii Rabbii yaada isaa

Umar Ibnu Khaxxaab Read More »

Abu Bakri Siddiiq

Kutaa 8ffaa Abbaan Bakrii waraana Rasuulli s.a.w biraa du’an san duulaaf yeroo inni deebisee qopheessu, gargaaruun erguuf deemu ummanni muslimaa dura dhaabbate. Ummanni Arabaatuu diin keessaa fuula garagalfatee, akkamitti biyya biraatin loluuf deemtaa. Dura ummatuma kanaan loli ykn Osaamaa binu Zeydii umriin isaa xiqqaadha hoggantummaa nama osaamaa aqlii fi beekkumsa lolaatin caaluusaniif kenni jedhaniin. Yeroo kana Abbaan Bakrii Lolee

Abu Bakri Siddiiq Read More »

Abu Bakri Siddiiq

Kutaa 7ffaa Gaafa tokko Umar ilmi Kxxaab manguddittii ija hin qabne takka arkee, Gargaaruu fadhe. gizee inni nyaataa fi dhugaatii fuudhee dhufu namni biraa isa dura geesseefi biraa deeme. Yeroo hunda yoo inni nyaata fi dhugaati qabatee dhaqu namtichi sun isa dura geesseefi biraa deema. Namni yeroo hunda nyaataa fi dhugaatii qabatee isiif isa dursee kennuuf enyuu

Abu Bakri Siddiiq Read More »

Abu Bakri Siddiiq

Kutaa 6ffaa Sadarkaa Abu Bakrii Duula keessatti Guyyaa duula badrii nama Rasuula Rabbi s.a.w eegu yeroo filatan kan Abbaa Bakrii caalaa itti amanan tokollee waan hin arginiif isa filatan. Akka Aliyyi ilma Abi Xaalib jedheetti Rabbiin isarraa haa jalatuu, “Abbaan Bakrii goota namaati! jedhe. Lola Badrii keessatti Rabbii guddatti kakadhaa, kaafirri tokkollee Rasuulatti s.a.w hin

Abu Bakri Siddiiq Read More »

Abu Bakri Siddiiq

Kutaa 5ffaa Rasuulli s.a.w akka ummanni Makkaa hin amanin hubatanii Jibriiliin ummanni kiyya nan dhugoomsine jedheen. Jibriilis Abaa Bakriittu sidhugoomsa jedheen inni Siddiiqi. Siddiiqi jechuun dhugoomssa jechuudha. Godaansa Abu Bakriitii fi Rasuulaa s.a.w Nabi Muhammad s.a.w gara mana Abbaa Bakrii deemun akka Rabbiin godaansa (hijraa) eeyyameef itti hime. Abbaan Bakriis gammachuu guddoo gammaduu irraa kan ka’e booye. Osoo manarraa

Abu Bakri Siddiiq Read More »

Shopping Cart