September 2024

Naamusa Namummaa

“Amalli abbaa dhiba, hamaan ganda dhiba.”Jetti ummaan tiyya! Ilmi namaa uumama kabajamaa fi beekaa sammuu isaatti dhimma bahuun jiruu fi jireenya isaa gaggeeffatuudha. Uumama biraa irraa wanti dhala namaa adda godhu immoo safuu fi safeeffannaan kan jiraatuu fi naamusaan jireenya ofii kan gaggeeffatuudha. Naamusa jechuun maal jechuudha? Namni naamusa qabu hoo nama akkamiiti? Naamusni hoo […]

Naamusa Namummaa Read More »

Sammuun mootii yaadaati; Ammaas gabra yaadaati!

Sammuun yaada akka ifii barbaadetti uumuu danda’a. Waa’ee ofii isaas ta’ee dhugaa addunyaa isa sitti beekee akka fedhetti qajeelchuu danda’a. Kanarra dabrees waan itti amanu, akkasumas waan hojjetu akka isaatti tolfachuun sammuu isaa amansiisuu danda’a. San booda sammuun ni dandeessa jedhaani. Faallaa kanaa yaadaan of gaadi’anii miira gadaantummaa fi hin danda’u jechuun yoo of amansiisan…hojii

Sammuun mootii yaadaati; Ammaas gabra yaadaati! Read More »

Sammuun madda beekkumsaati; doofummaan illee sammuu keessaa madda!

Addunyaa kana irratti warri qaroomes ta‟ee warri doofummaa haammatee rafu, tolcha godhatanii miti. Sammuu ofii fayyadamaniiti. Warri qaroome humna sammuu beekee, hojjetee qaroome. Warri doofummaan mataa irratti mana ijaarrates, of wallaalanii waan hojjechuu qaban hojjechuu dhabaniiti. Qaroomni samii irraa akka bakakkaatti kan bu‟u miti; lafa keessaa akka burqaattis hin bahu. Coba yaadaa sammuu keessatti biqiletu

Sammuun madda beekkumsaati; doofummaan illee sammuu keessaa madda! Read More »

Yaanni gocha ta’uuf humna barbaada.

Waraanni nafxayyaa Oromiyaa cabsuuf osoo meeshaalee deeggarsaa biyyoota lixaa irraa hin arganne ta’e, waa’een Oromiyaa koloneeffachuu abjuu ta’ee hafa. Hitlar warra Israa‟el fixuuf karoorfatee, humna waraanaafi meeshaa akkasumas maallaaqa osoo hin qabaannee yaada qofa ta’e hafa. Maarree obboloonni yaalii xiyyaara kalaquu godhan lamaan illee osoo deeggarsa meeshaalee fi maallaqa akkasums humna namaa hin qaban ta’ee

Yaanni gocha ta’uuf humna barbaada. Read More »

Sammuun dhala namaa……maal faa hojjechuu danda’a?

Sammuun dhala namaa akka dachii gabbattuuti. Waan facaasan magarsa. Kanaafi immoo wanti faca’u murteessaa ta’uun isaa wal nama hin gaafachiisu. Yoo waan gaarii facaasan gaarii, yoo waan badaa facaasan immoo badaa haamachuun waan hin hafneedha. Qonnaan bulaan lafa isaa xaafii yoo facaase xaafii, qamadii yoo facaases akkasuma. Garuu sinaaraa fi gaggabsaa qotee waan akka qamadii

Sammuun dhala namaa……maal faa hojjechuu danda’a? Read More »

Humna Sammuu

Humni dhokataan sammuu dhala namaa keessa jiru humna akkamii akka ta‟e hubachuun ka‟umsa sammuu ofiitti fayyadamuuf nama afeeruudha. Ejjennaa tolaan darbatanii fageessu akkuma ja’amu, waa‟ee sammuu sirriitti hubachuuf wantoota muraasa haa ilaallu. Voolkaanoon lafa keessaa dhohee yoo bahu teessuma lafaa jijjiiruun, tulluu sululaa, sululaa immoo tulluu taasisuu danda’a. Kana irra dabrees yaa’a bishaanii kallattii jijjiiruun

Humna Sammuu Read More »

3.Namni Nama Kan Ta’uun Gaarummaa Goonfateeti

Gaarummaan immoo madda bareedina keessaati. Dhalli namaa uumamaan gaarummaan kennameefi jira. Gaarummaan gaarii godhuu irra gaarii ta’anii argamuudha. Gaarummaan sagalee malee dhaga’ama. Fageenyaan hin daangeeffamu. Qabeenya irratti hin hirkatu. Gaarummaan onnee namaaf mararfamuu fi sammuu waan gaarii yaaduun namaaf galaafama. Gaarummaan madda bareedina keessa sammuu namaati. Dhalli namaas, ta’ee uumamni biroo bareeduuf waan hin goone

3.Namni Nama Kan Ta’uun Gaarummaa Goonfateeti Read More »

2.Nama Nama kan Taasisu Namummaa Goonfachuudha

Namummaan amala dhalli namaa goonfachuun nama ta’uu dha. Namummaan dhalli namaa akka bineelda kaan irraa adda ta‟u taasisa. Waan tokko qoranii, qoraasanii, buusaanii baasuun, bitaa fi mirga ilaalanii fudhachuu fi dhiisuun amala dhala namaati. Namni namummaa kan goonfatu nama biraaf onnee mararamuu fi dhukkubsatu qaba. Fakkeenyaaf, namni osoo karaa deemuu nama konkolaataan garagale yoo arke,

2.Nama Nama kan Taasisu Namummaa Goonfachuudha Read More »

1.Sammuu Akka Namaatti Yaadu Qabaachuu

Dhalli namaa bineensotaa fi uumama biroo irraa wanti adda isa taasisu, sammuu ittiin yaaduu qabaachuu isaati. Gulantaan namaa kan madaalamuun sammuu isaatiini. Sammuu sirrii yoo qabaatan namummaa nama goonfachiisa. Sammuun dhala namaa kan uumama kamiyyuu caala sababatti amana. Sababsaa ta’uun sammuu dhala namaa waan hojjetuu fi hin hojjenne addaan baasee beeka. Kanaanis wanti dhalli namaa

1.Sammuu Akka Namaatti Yaadu Qabaachuu Read More »

Shopping Cart