Namummaan amala dhalli namaa goonfachuun nama ta’uu dha. Namummaan dhalli namaa akka bineelda kaan irraa adda ta‟u taasisa. Waan tokko qoranii, qoraasanii, buusaanii baasuun, bitaa fi mirga ilaalanii fudhachuu fi dhiisuun amala dhala namaati. Namni namummaa kan goonfatu nama biraaf onnee mararamuu fi dhukkubsatu qaba. Fakkeenyaaf, namni osoo karaa deemuu nama konkolaataan garagale yoo arke, hunduu rifatee, waan danda’u godhuun lubbuu nama sanii oolchuuf fifiiga. As irratti yeroo balaa kanaa namni nama oolchuu malee amantii, paartii, sabaa fi gosa isaa namni gaafatu hin jiru. Adiis ta’e gurraacha, amanaas ta’ee ka hin amanne wanti ja’amu hin jiru. Namummaa qofaatu laalama.
Humni namummaa daangaa dhalli namaa ijaaree wal ittiin qoodu, kan akka dhaaba siyaasaa, amantii, sabaa, bifaa, qabeenyaa fi aangoodhaan oliidha. Hidhaa fi dallaya namoota jidduutti jaarame, namni namaaf qoricha akka ta’u taasisa. Namummaan wadaroo jabaa dhala namaa walitti guduunfu, kan yoomiyyuu hin cinneedha.
Dhalli namaa namaaf jaalala hanga lubbuu ofii dabarsanii kennuutti (Altruistic love) ni deema. Keessattuu maatiin dhala isaaniif, lubbuu dabarsanii kennuun labata isaanii itti fufsiisanii har’aan gahanii jiru.
Daniel Goleman kitaaba isaa „Emotional Intelligence‟ jedhu irratti waa’ee jaalala kanaa yoo ibsu
Haati warraa fi abbaan warraa mucayyoo isaanii waggaa kudha tokkoo waliin osoo baaburaan deemanii, baaburri karaa irraa goruun galaanatti dhidhimee jedha. Yoo kana maatiin sun mucayyoo isaanii foddaa irraan lubbuu baraartotatti fageenya irraa darbuun hanga lubbuun isaanii darbutti waa’ee ofiif du’uu isaanii dhiisanii mucaa isaaniif osoo garaan isaanii raafamuu, foddaa irraan ishee ilaalanii, du’anii jedha. Mucayyoon isaanii lubbuun haftus qaamni ishee laamshaa’uun ‘wheelchair’ deemti. Maatiin ishee ishee du’a irraa oolchuun ofiif du’aanii darban.
Maarree jaalalli akkasii hundee namummaa ta’uu dhalli namaa beekuu qaba. Namummaan namaaf jiraachuu, dhala namaatiif yaaduudha. Dhalli namaa yoo namummaa gate, siyaasaafi falaasama garagaraatiin burjaaja’ee namummaa ofirraa mulqee amala bineensaa horata.
Nama rasaasaan ajjeesuu, bineensa jalatti nama hidhuu, ibiddaafi elektirikiin gubuu, qalanii fannisuu, haadha ajjeesanii ilmaan
boochisuu, ilma ajjeesanii haadha reeffa irra teessisuu, nama jiraatti awwaaluu fi kanneen biroon warra sammuun jaameefi naafateen
dalagamu namummaa ofirraa mulqanii amala bineensummaa warra horateenidha.
Maarree namni nama kan ta’u namummaan malee aangoo, beekumsa, amantii, dhaaba siyaasaa, sabaafi sanyiin miti. Namummaanis kan argamu waan beekaa, hordofaa amantii ta’e tokkoo, sanyiifi saba tokko ta’aniif miti. Hundeen namummaa nama ta’anii sammuu akka namaatti yaadu qabaachuudha. Namummaan nama nama taasisuu irra darbee nama namaaf taasisa. Namummaan bullukkoo jabaa dhalli namaa uumamaan goonfatedha. Namummaan si golginaan akka namaatti namaaf yaadda.