Dargaggummaa
Dargaggummaan Maali?
Dargaggummaan sadarkaa umrii ilma namaa tan sadrkaalee lama jidduu jirtu yoo taatu, sadarkaa jabeenya qaamaa, hamilee cimaa, hawwii fi sochii gara garaatiin guutamee argamuudha. Umriin kun umrii wantoota baay’ee isii keessatti hojjaachuun danda’amuudha.
Biyyoota gara garaa keessatti yeroon dargaggummaan itti jalqabama ja’anii yaadan wal dhabullee, inni sirrii ta’e dargaggummaan yeroo daa’imni tokko amala saal-lammeessoo yokiin saalfannaa agarsiisuu jalqaberraa eegalee hanga waggaa 40 gahutti itti fufa. Dargaggummaan umrii kana jiddutti saala lameenuu kan walitti qabatu yoo tahu, inni dhiiraa dargaggeessa isiin dubartii ammoo dargaggeettii ja’amuun beekkamti.
Gahee Dargaggoonni Islaamummaa Keessatti Qaban
Dargaggoonni islaamummaa keessatti gaheen isaan qaban gahee bu’urri manaa jaarmeya manaa keessatti qabuun wal hin dhabu. Dargaggeessi hawaasa isaa islaamummaa hubachiisuu, da’awaa baballisuu, hubannoo dogongoraa sirreessuu, beektoota amantii bira dhaabbatee utubuudhaan isaanii fi hawaasa biyyaa wal agarsiisuu fi sagantaa adda addaa qopheessuudhaan walitti dhiheessuu fi haala mijjeessuudhaan diin isaa baballisuurratti shoora leencaa akka qabu wal nama hin gaafachiisu.
Diinoota roorroo gara garaa fidee diin islaamaa balleessuuf alaa dhufu hunda namni akka dura dhaabbatuuf abdiin hawaasa ballaa irra kaayamee eeggamuus dargageessa. Seenaa keessa deebi’eetiis namni laale diin islaamaa kun har’a gahee akka nu dhaqqabuuf gahee fi wareegama hangana hin ja’amne warri gumaache harki caalaan dargaggeessa. Kanaaf har’aas dargaggeessi yoo murataa ta’e islaamummaa baballisuu keessatti seenaa dhalootarraa dhalootatti dabru galmeessuu danda’a.
Gahee dargaggoonni beekkoomsa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban
Dargaggoonni guddina biyyaatii fi fooyya’iinsa jireenya hawaasaa keessatti roga hundaanuu kallattiiniis tahee al-kallattiin gahee ol’aanaa qabaachuu bira dabranii guddinni biyyaatii fi fooyya’iinsi jireenya hawaasaatiis dargaggootarratti hundaa’a yoo janne dhugaa dirree bahee mullatu waan ta’eef waan nama wol mormisiisuu miti.
Sadarkaan umrii dargaggummaa qaamoota lama, inni tokko sadarkaa umrii kan isii oliitii fi inni tokko ammoo kan isii gadiitiin yeroo hunda hordofama waan taheef akkuma islaamummaan bakka guddaa isiif kennitetti bakki guddaan kennameefii xiyyeeffannaan ballaan itti deebi’uun akkaan barbaachisaadha.
Qaamoota lameen dargaggeessi yeroo hunda hordofamuun irraa inni tokko joollee yokiin daa’immani. Kuniis fakkii godhachuu yokiin faana isaanii hordofuufi. Daa’imman yeroo hunda namoota isaanirra gurguddaa hordofu. Karaa isaan deeman deemuu, waan isaan hojjatan hojjachuu fi akka isaan tahuun yeroo hunda kaayyoo ilmaan xixiqqaati. Kana keessaa ammoo akka “role model” yokiin fakkeenyaatti dargaggoota godhatu. Kanaaf barumsa barachuu, hojitti cimuu, yeroo hojii kabajuu, amaanaa tiiysuu, rakkataa gargaaruu, namoota gurguddaa kabajuu fi k.k.f keessatti ciminni dargaggoonni qaban dhaloota isaan boodaatii fi daa’imman xixiqqaa kallattii qabsiisuu keessatti shoora ballaa fi bu’aa guddaa qaba.
Qaaamni lammaffaa kan yeroo mara dargaggoota hordofu ammoo namoota umriin guddaa yokiin ammoo manguddoodha. Kuniis abdiin isaan qaban amma booda dargaggoota waan taheefi. Yeroo dargaggeessi waan tokkoon cimee argamu manguddootarraa gammachuu fi mirqaana mullatu namni ilaale hangam takka abdiin manguddoo dargaggeessarratti akka rarraatu ni galaaf.
Diinagdeen biyya tokkoo daa’immanii fi manguddoota caalaa namni irratti hundaa’u dargaggeessa akka tahe waan beekkama taheedha. Darggoonni yerotti fayyadamuu, yeroo hojii kabajuu, aadaa hojii gaarii qabaachuu, qabeenya balleessuu fi qisaaseessuurraa of eeguu, aadaa hojii tuffachuu dhabuu, hojii xiqqaarraa gara guddaa suuta suutaan fiduuf tattaafachuu danda’uu fi k.k.f qaban biyya takka keessatti yoo baayyatan diinagdeen biyya sanii guddachaa deema.
Akkuma kana ammoo dargaggoonni yeroo isaa bilaashitti balleessu, kan qabeenya akkaataa itti qaban hin beekne, kan barumsaa fi hojiif bakka hin kennine, kan hojii tuffatu, kan kaayyoo malee jiraatuu fi k.k.f biyya takka keessatti yoo baayyate diinagdeen biyya sanii gara kufaatii akka deemu waan wal nama gaafachiisuu miti.
Hariiroo hawaasummaa sirreessuu fi cimsuu keessattiis gaheen dargaggeessaa guddaadha. Wantoota hariiroo hawaasummaa jabeessan baayyeetu jira. Yeroo gammachuu fi gaddaa wal bira dhaabbachuu, rakkataa fi harka qalleeyyii gargaaruu, namoota umriin guddaa kanneen nama isaan tajaajilu hin qabne haala mijjeessanii gargaaruu, namoota harka qalleeyyii manni duraa jigeef mana suphuu, isa suphuun hin danda’amneef ammoo haarawa ijaaruu, ilmaan sababa harka qalleeyyummaatiin barumsa barachuu hin dandeenyeef dabtara, yunifoormii fi wantoota barumsaaf isaan barbaachisan isaaniif guutuu, namoota qorraan miidhamaniif uffata qorraa kan yeroo hirriibaatiis tahee uffata qaamaa gumaachuu fi isaaniif bituu fi k.k.f akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Kana hunda hojjachuuf ammoo namoota kaan caalaa dandeeytii fi kaka’uumsa cimaa uumee, wal ijaaree, qarshii barbaachisu walitti funaanee rakkinoota kana furuuf sochii gaarii godhuu kan dandahu dargaggeessa.
Walumaa galatti dargaggeessi roga hundaanuu jireenya hawaasa isaanii fooyyeessuu fi biyya isaanii guddisuu keessatti gahee olaanaa fi itti gaafatama guddaa qabu.