1.Sammuu Akka Namaatti Yaadu Qabaachuu

Dhalli namaa bineensotaa fi uumama biroo irraa wanti adda isa taasisu, sammuu ittiin yaaduu qabaachuu isaati. Gulantaan namaa kan madaalamuun sammuu isaatiini. Sammuu sirrii yoo qabaatan namummaa nama goonfachiisa. Sammuun dhala namaa kan uumama kamiyyuu caala sababatti amana. Sababsaa ta’uun sammuu dhala namaa waan hojjetuu fi hin hojjenne addaan baasee beeka. Kanaanis wanti dhalli namaa hojjetu hundi sammuun sababaan qaama ajajeeti.

Nama jibbuu fi jaalachuun, barnoota barachuu fi barachuu dhabuun, of ajjeesuu fi gaafa dhukkubsatan of yaalchisuun, gama tokko deeggaranii kan biraa mormuun sammuun dhala namaa sababsaa ta’uu irraa kan ka’edha.

Sammuun dhala namaa waan hundumaahuu sababaan akka amanu siif himeen ture. Waan sababa waliin amane kana immoo sobaas haa ta’u dhugaa hojiirra oolcha.

Sammuu yaadu qabaachuun dhala namaa wantoota adda baasee akka ilaaluu fi hojjetu taasisa. Sammuun nama nama taasisa. Sammuu isa yaadu, hojjetuu fi dhugaa hubatu. Sammuun akka dhalli namaa of beeku, ilaalcha sirrii qabaatu, kaayyoo fi mul‟ata qabaatu akkasumas bineeldota kaan caalaa haala naannoo isaa hogganee akka jiraatu taasisa.

Leave a Comment

Shopping Cart