Ijabanaa Academy
Site announcements
Skip course categories
Course categories
Skip available courses
Available courses

Waa'ee koorsii siiraa
Koorsii tana keessatti seenaan Ergamaa Rabbii (S.A.W) bifa gabaabaa ta'een qophaawee dhihaatee jira. Koorsiin kun guututti kan qophaawe tahuus akka barataan bifa qindaawaa ta'een baratee wal jalaa qo'achaa deemuuf jacha torbanitti lesson (darsii) lamaatu maxxanfama. Hanga koorsichi guututti xumuramutti bifa kanaan itti fufa. Koorsiin guutuun erga maxxanfamee booda garuu barattoonni yeroo barbaadanitti jalqabanii yeroo barbaadanitti xumuranii waraqaa ragaa (certificate) isaanii fudhachuu danda'u!
Ergamaan Rabbii (S.A.W) dhalootarraa hanga du'a isaaniitti imala akkamii keessa akka turan ni baratta,
Jireenyi isaanii osoo hin ergamin dura maal fakkaachaa akka ture,
Eega ergamanii hoo gufuuleen akkam akka isaan qunnamaa ture,
Obsa isaan diin kanaaf jacha gidiraa fi rakkoo ulfaataa meeqa baadhatanii obsaa turan,
Duula isaan islaamummaaf jacha duulan (hijraarraa waggaa meeqaffaa keessa akka duulan, nama meeqaan akka duulan, eenyutti akka duulan, tooftaa ittiin injifatan....),
Ibaadaan isaanii akkam akka turte,
Haalli isaan namaa wajji itti jiraatan akkam akka ture,
Haalli isaan diinoota isaanii wajji itti jiraachaa turan akkam akka ture,
Tooftaalee akkam fayyadamanii diin islaamaa baballisaa akka turan,
Walumaa galatti maalummaa isaanii kan isaanitti hidhattee jala deemuu fi aakhiraa milkaawuuf si gargaaran ni baratta
- Teacher: Tuji Mussa